Yaa’ii omishtummaa dabaluun addunyaarraa beela balleessuurratti xiyyeeffate

Finfinnee: Beela balleessuuf Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii ALAtti bara 1943 irraa eegalee sochii garaagaraa taasisaa jira.

Dhaabbatni kun A.L.A bara 1945tti Dhaabbata Qonnaafi Nyaata Addunyaa (FAO), bara 1961tti ammoo Sagantaa Nyaata Addunyaa (World Food Program) hundeessee, bara 1974tti Yaa’ii Nyaataa jalqabaa( UN First Food Conference) taasisuun bara 2009tti Labsii Wabii Midhaan Nyaataa biyya Roomiitti (Rome Declaration on World Food Security) labse.

Beela balleessuu qofa osoo hin taane ejjennoo nyaata madaalamaa argachuun mirga namoomaati jedhuun sirna nyaataarratti yaa’ii garaagaraa qopheessuuniifi mootummoota biyyoota garaagaraatiif akeekkachiisa, gorsaafi deeggarsa taasisaa jira.

Itoophiyaanis akka miseensa Dhaabbatichaa ta’uun beela balleessuuf sochii garaagaraa taasisaa jirti. Yaa’iin “Addunyaa Beelarraa Bilisaa” jedhu Itoophiyaatti tibbana mata duree Invastimantii babal’isuu jedhuun taasifameera.

Yaa’ii kanarratti Ministirri Mummee Doktar Abiyyi Ahmad haasaa taasisaniin akka jedhanitti, addunyaa beelarraa bilisaa uumuuf omishaafi omishtummaa dabaluu qofa osoo hin taane rakkoolee akka wal qixxuummaa dhabuu, hiyyummaafi rakkoo jijjiirrama haala qilleensaarratti hojjechuutu barbaachisa.

Jabana baay’inni uummataa dachaan dabalaa jiru kana keessatti Addunyaa beelarraa bilisaa arguuf itti fufiinsaan karaa kalaqa qabuun hojjechuu, qonna ammayyeessuu, sirna dhiyeessii galteewwan qonnaa fooyyessuun murteessadha.

Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf Itoophiyaan tattaaffii guddaa gochaa jirti jedhanii: tiraanisfoormeeshiniiin qonnaa waggoottan jahan darban keessatti hojiirra ooluu eegalee hanga lafa qotamuu, omishaafi omishtummaan qonnaa bu’aalee qonnaa gatii qaban waliin dachaan akka dabalu taasisaa jira jedhaniiru.

Gosoota midhaanii jijjiirama haala qilleensaa dandamatan kanneen akka qamadii, xaafiifi boqqolloofaa Innisheetivii Ashaaraa Magaariisaa kan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf dandeessisurratti xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuudhaan bu’aalee abdachiisoo argachaa jirras jedhaniiru. Inisheetivichi uwwisa bosonaa dabaluun, dhiqama biyyee hir’isuunifi jireenya lubbuu qabeeyyiitif (Biodiversity) eeguun omishtummaa qonnaa dabaluu keessatti gahee guddaa taphachaa jiras jedhaniiru.

Hojin Sosochii Itoophiyaan haa omishtuun hojjetamaa jiru, carraan hojii Paarkiiwwan Qindaa’aa Qonnaatiin uumamaa jiruufi damee qonnaarratti guddachaa dhufuun invastimantii biyya Itoophiyaa, biyyattiin beela dhabamsiisuuf tattaaffii taasisaa kan jirtu ta’uu agarsiistuu ijoodha.

Beela addunyaarraa dhabamsiisuun qindoomina hawaasa idil addunyaa waan barbaaduuf qaamni misoomaa hundi tumsa barbaachisu taasisuu akka qabu Doktar Abiyyi dhaamsa dabarsaniiru.

Ministirri Ministeera Industirii Obbo Malaakuu Allebal gamasaanitiin akka jedhanitti, Itoophiyaan beela dhabamsiisuuf qonnaan bultootaafi intarpiraayizootaaf jajjabeessituu garaagaraa dhiyeessuunifi carraa hojii uumuun hojjechaa jirti. Biyyattiin wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf damee industiriin qonna qindaa’aa babal’isaa jirtis jedhaniiru.

Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Misooma Industirii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Gaard Muular gamasaanitiin akka jedhanitti, beela addunyaarraa balleessuun hundaa ol kutannoo siyaasaa gaafata. Addunyaa beelarraa bilisa ta’e uumuuf carraa hojiifi invastimantiif xiyyeeffannoon addaa kennamuu qaba.

Waggoottan kurnan dhufanitti beela addunyaarraa balleessuuf doolarii Ameeriikaa biliyoona 50 kan barbaachisu ta’uu himanii; dhaabbileen deeggartoota idil addunyaafi qooda fudhattootni hundi gahee isaanirraa eegamu bahachuu qabu jedhaniiru. Keessattuu biyyootni guddatan imala beela balleessuuf taasifamu keessatti waadaa kanaan dura galan hojiitti hiikuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You