Finfinnee: Daandiin qilleensaa Itoophiyaa waggoottan torbaatama darbaniif daandii qilleensaa maqaa gaarii qabuudha. Nageenyisaa amansiisaa ta’uufi mijaa’innisaa imaltoota hedduu biratti filatamaa waan isa taasiseef dinagdee biyyattii keessatti gahee guddaa akka taphatuuf ka’umsa ta’eeraaf. Maqaa gaarii, tajaajila si’ataafi nageenya amansiisaa qabuun sadarkaa Afrikaafi Addunyaatti waggoottan darban keessa badhaasawwan dhaabbilee aveeshiniin kennaman hedduu gonfachuu danda’eera.
Waggoottan Shanan darban keessatti itti fufiinsaan waggaa waggaadhaan badhaasawwan garaagaraa fudhachaa ture. Balalliirratti maamiltoota haala gaariin keessummeessuun, nyaataafi dhugaatii maamiltootni barbaadan dhiyeessuun, maamiltootasaatif imala balallii keessatti intarneetii diriirsuun badhaasawwaan adda addaa fudhachaa jira.
Walitti Qabaan Boordii Daandii Qilleensichaa fi Ajajaan Humna Qilleensa Itoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa Kibxata darbe daandiin qilleensichaa Kaampaanii “Air bus” irraa xayyaara “A350-1000” yoommuu fudhatu haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan yeroo jalqabaaf xiyyaara A350- 1000 gara biyyaa galchuun daandii qilleensichaafis ta’e Afrikaaf agarsiistuu guddina aveeshinii ardichaa ta’uu ibsaniiru.
Milkaa’inni daandiin qilleensichaa damee indastirii aveshiniitiin agarsiisaa jiru Itoophiyaa bira darbe Afrikaanota kan boonsuudha jedhanii; xiyyaarri daandiin qilleensichaa galche kun maqaa biyyattii kan ol kaasuudha jedhaniiru.
Gaggeessaan Hojii Olaanaan Daandii qilleensichaa Obbo Masfin Xaasoo gamasaanitiin akka jedhanitti, xiyyaarri haaraan kun karoora guddinaa daandiin qilleensichaa qabatee socho’aa jiru galmaan gahuuf humna dabalataa kan ta’uudha.
Daandiin qilleensichaa maamiltootasaatiif tajaajila si’ataa kennuu bira darbe indastirii aveeshiniitiin addunyaarratti dorgomaa akka ta’uufis kan isa dandeessisuudha jedhanii; A350-1000n damee aveeshiniitiin Afrikaan boqonnaa haaraatti akka ceetu kan taasisuudhas jedhaniiru.
Kaampanii “Air bus”tti Pirezidaantii Ittaanaan Damee Daldala Afrikaa Mistar Hadii Akum gamasaanitiin akka jedhanitti, xiyyaarri A350- 1000 teknolojii jabana kana keessa jiru waan hidhateef daandiin qilleensichaa tajaajila kennu fooyyessuuf kan isa dandeessisuudha. Daandiin qilleensichaa humna namaa mataasaatiin xiyyaaricha balaliisuu danda’uunsaa hagam humna namaatiin akka gahoomes ifatti kan mul’isuudhaas jedhaniiru.
Daandiin qilleensichaa xayyaarota 124 bituuf ajajee kan ture ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad torbee darbe yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti kan dubbatan ta’uun ni yaadatama.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017