“Waggaa 21 biyyakoo tajaajileen soorama malee ari’ame” – Atileet Tsaggaaye Sanyii

Itoophiyaan atileetota bebbeekamoo, buleeyyii alaabaa biyyasaanii waltajjii addunyaarratti tallisiisan hedduu qabdi. Isaan keessaa atileetii beekamaa seena qabeessa tokko Gaazexaan Bariisaa dubbistootaaf dhiheesseera.

Bariisaa: Duraan dursa wal haa barru.

Kumaalaa Tsaggaaye: Tsaggaayee Sanyiin jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Godina Arsii Lixaa, Aanaa Kofalee durii, yeroo ammaa Aanaa Qoree, Ganda Shiree Araagessaa jedhamutti. Ani ilma qonnaan bulaa waanan ta’eef akkuma ijoollee naannawaa hoolota, jabbileefi loowwan tikseen guddadhe.

Bariisaa: Mana barumsaahoo eessatti jalqabde?

Kumaalaa Tsaggaayee: Osoon mana barumsaa idilee hingalin dura barumsa Qeesii hanga daawwitiittin baradhe. Sana booda Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Shireettin baradhe. Sadarkaa giddugaleessaafi lammaffaa ammoo magaalaa Arsii Nageelleettin hordofe.

Bara 1968 yeroon kutaa saglaffaa barachaa ture sababii siyaasa yeroo sanaatiin manni barumsaa waan cufameef gara maatii kiyyaattin deebi’e. Yommuun waggaa 20 guutuus abbaan koo na fuusisee lafa qonnaas naaf kennee achumatti hafe.

Bariisaa: Raayyaa Ittisaatti akkamitti makamuu dandeesse?

Kumaalaa Tsaggaayee: Raayyaa Ittisaatti kanan makame bara 1969 yeroo Somaaleen Itoophiyaa weerarte sana ture. Yeroo sana Mootummaan Dargii guutuu biyyaaf waamicha waan dhiheesseef ganda keessaa namni shan shan filatamanii gara waraanaatti akka duulan gaafate. Anis ganda kiyyarraa filatameen gara Finfinnee dhufeen leenjiif Taaxaqitti ergamne. Leenjii ji’a sadii xumureen gara Harargee deeme. Harar irraa ammoo gara waraana Jigijigaa jirutti makamuuf qajeele.

Hagayya 26 bara 1969 osoon garasitti deemaa jiruu diinni jeettiidhaan nu marsee dhukaasa nutti bane. Somaaleen yeroo sana madfiifi taankii baay’ee hidhachuudhaan nucaalti ture. Haata’u malee raayyaan keenya onneedhaan waan waraanuuf barbadeessinee hiriyyoota keenyatti makamne. Sana booda gara Ogaadeen deemuuf kaanee, wayita Jigjigaa dabarru ammas numarsuudhaan waraana nutti bante. Waraanni keenya xinnaa ta’us yeroo gabaabaa keessatti bittinneessinee bira dabarre.

Waraanni Somaalee lafa keenya qabatee irratti cichus raayyaan keenya cimaa waan ta’eef bakka dhaqnu marattuu barbadeessinee Kaarra Maarraa qabachuu dandeenye. Keessumattuu seenaan isaa hinbarreeffamne malee akkuma Kaarraa Maarraa iddoo Qoree jedhamutti seenaa guddaatu hojjetame.

Raayyaan keenya Somaalee hordofuudhaan Ogaadeen, Godee, Dagaahabur, Qalaafoo, Ferferiifi lafa keenya hanga daangaa isaa deebifachuun ji’a lamaaf achuma ture. Haata’u malee ajajni gubaadhaa dhufe jechuudhaan hatattamaan gara Ertiraa akka deemnuuf nutti himame.

Bara 1970 waraanni Harar hatattamaan Baabbileetti wal ga’ee, Awaash Arbaa akka galu nutti himame. Osoo oolee hinbulin Awaashitti galee Pireezidaantiin yeroo sanaa Koloneel Mangistuu Haayilamaariyaam nu haasofsiisanii gara Ertiraatti qajeelle.

Yeroo gabaabaa keessatti waraana Ertiraatti makamnee dirqama nutti kenname bahuuf gammoojjii Ertiraa keessatti seenaa guddaa hojjeneerra.

Waraannichi cimaa waan tureef aniifi hiriyoonni koo baay’een yeroo adda addaa rukutamnee madoofneerra. Lubbuun kan darbanis turaniiru.

Bariisaa: Waraanarraa akkamitti gara atileetiitti dhufte?

Kumaalaa Tsaggaayee: Carraan ilma namaa maal akka ta’u hinbeekamu. Loltuun ta’a jedhee yaadee hinbeeku. Yeroon mana barumsaa ture san Arsiitti ispoortiin keessumaa atileetiksiin akka ammaa kana bal’inaan hinhirmaachisu ture. Atileetonnis muraasa turan.

Haata’u malee mana barumsaatti ispoortii kubbaa miilaatti aanee atileetiksiin jaalatamaa ture. Anis fiigicha waanan jaalladhuuf mana barumsaatti akkan dorgomu barsiisaan kiyya natti himee achumaan jalqabe. Yeroo sana manneen barnootaa jidduutti dorgommiin adda addaa waan gageeffamuuf anis mana barumsaa kiyyaa bakka bu’uun hirmaadhee mo’adhe.

Fiigichi kun bu’uura naaf ta’uun Raayyaa Ittisaa keessa wayitan ture boqonnaa yoon argadhu ganama ganama shaakalaan ture.

Guyyaa tokko Ajajaan Raayyaa waraanaa kutaa lammaffaa Magaalaa Asmaraatti hoggantoota walitti qabuuun ayyaana ispoortii Raayyaa Ittisaa kutaa waraanaa lammaffaa Asmaraatti qopheessuuf gaafatan. Kaayyoon ayyaanichaa atileetota bakka bu’an filachuufi.

Dorgommiin kan adeemsifamu Sadarkaa Birgeeditiin. Ani kanan jiru Magaalaa Asmaraatii ala gammoojjii keessa ta’us Birgeedii kiyya bakka bu’uun akkan hirmaadhuuf carraa argadhe. Kanaanis fiigicha maaraatonii, dorgommii kuma kudhaniifi kuma shaniin mo’adhee meedaaliyaafi waancaa argamsiise.

Haaluma kanaan filatamee Ayyaana Raayyaa Ittisaa guutuu Itoophiyaarratti hirmaachuuf carraa argadhe. Ta’us shaampiyoonichi sababa hongeetiin addaan cite.

Bariisaa: Garee Biyyaaleessaatti yoomiifi akkamitti makamte?

Kumaalaa Tsaggaayee: Shaampiyooniin bara 1977 addaan cite ture bara 1979 adeemsifame. Anis maaraatooniidhaan Finfinneetti mo’adhee kilabni Machaal asitti nahambise.

Baruma san Maaraatoonii Yaadannoo Abbabaa Biqilaa Finfinneetti adeemsifameen atileetota muuxannoo qaban wajjin dorgomee sadaffaa ba’uun meedaaliyaa nahaasaa badhaafame. Machaal ammoo kilabaan tokkoffaa ba’uun waancaa fudhate.

Akkasumas magaalaa Finfinnee bakka bu’uun fiigicha maaraatoonii Hawaasaatti adeemsifamettis sadaffaa bahuun meedaaliyaa nahaasaa badhaafameera. Baruma kana tapha guutuu Afrikaa kan Keeniyaa, Magaalaa Naayiroobiitti adeemsifamerratti hirmaadhe. Dorgommiin kun biyya bakka bu’ee hirmaachuuf anaaf carraa jalqabaati.

Bara 1980 Itoophiyaa bakka bu’uun Aljeeriyaa, Magaalaa Alaabaatti maaraatooniidhaan dorgome. Qilleensi magaalattii baay’ee ho’aa waan tureef arfaffaa ba’uun xumure.

Yeroo muraasa keessatti atileetota garee biyyaaleessaa waliin hiriiruun biyya keessaafi alatti fiigicha maaraatoniin mo’adhee meedaaliyaafi waancaa baay’ee badhaafameera.

Bariisaa: Jaappaan Tokiyootti yaadannoo maalii qabda? Kumaalaa Tsaggaayee: Maaraatooniin Jaappaan sadarkaa biyyooleessaatti anaaf kan lammaffaati. Yeroo dorgommichaaf garasitti qajeellu mootiin biyyattii boqochuusaanii dhageenye. Ummani biyyattii gadda guddaa keessa waan tureef ji’a tokkoof dorgommii malee achi turre.

Shaakala taasisuuf qilleensi biyyattii baay’ee dilallaa’aafi cabbii waan tureef yeroo baay’ee hoteela keessatti dabarsaa turre. Gaafa dorgommiin gahu shaakala xinnoo goonee hirmaanne. Haalli qilleensaa rakkisaa waan tureef dorgommicha jahaffaa bahuun xumure.

Baruma sana Kilaba Machaal bakka bu’ee maaraatonii Abbabaa Biqilaa Waxabajjii keessa adeemsifamerratti hirmaadheen tokkoffaa bahuun mo’adhe.

Bara 1981 ajaja Afrikaa Bakka bu’ee maaraatooniidhaan biyya Isiraa’elitti ergame. Embaasiin Isiraa’eel as waan hinjirreef Viizaa argachuuf Misir deemuun dirqama ture. Afrikaa Kibbaa Johaanis Bargirraa gara Misiritti balaliinee Viizaa argannee gara Isiraa’eelitti qajeelle.

Dorgommichi baay’ee cimaa turus tokkoffaa ba’uun mo’achuun Itoophiyaan addunyaarratti caalaa akka beekamtu godheera. Dorgommicha mo’achuun badhaasa addaa argadheera; yeroon biyyatti deebi’us mootummaadhaan badhaafameera.

Ergasii asi fiigicha maaraatooniitiin Itoophiyaafi Afrikaa bakka bu’uun dorgommiiwwan sadarkaa biyyooleessaatti biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa, Eeshiyaafi Ameerikaa Kibbaatti adeemsifamanirratti hirmaachuun meedaaliyaa, Waancaafi dippilomaa hedduu badhaafameera. Itoophiyaan addunyaarratti caalaa akka beekamtu taasisuuf gumaacha taasiseera.

Dorgommii maaraatoonii bara 1983 waggaa 30ffaa Abbabaa Biqilaa Xaaliyaan Roomitti mo’ate sababeeffachuun adeemsifametti atileetota addunyaarratti beekaman wajjin hirmaachuun atileetonni Itoophiyaa duraa duubaan 1ffaa-4ffaatti yoo bahan, ani jahaffaan bahe.

Bariisaa: Bara 1983 as kilaboonni hedduun diigamuusaaniin carraan keessan maal ture?

Kumaalaa Tsaggaayee: Sirni Dargii diigamee mootummaan ADWUI yoo dhufu dhaabbileen ispoortii keessumaa Raayyaa Ittisaafi Poolisii jalatti gurmaa’an ni diigaman. Ana dabalatee atileetonni baay’een miseensa Raayyaa Ittisaafi Poolisii waan turreef mindaa malee harka duwwaatti hafne. Mootummaan ADWUI Raayyaa akka diinaatti ilaalaa waan tureef gootonni Itoophiyaa addunyaarratti waamsisaa turan maatiisaanii wajjin belaaf saaxilaman. Anas carraan kun na dhaqqabeera.

Akka tasaa ta’ee waggaa tokko booda leenjisaan garee Atileetiksii Itoophiyaa yerosii Obbo Nigusee Roobaa osoo qaamni tokko hindhagahin maaraatoonii Ameerikaa, Poortorikootti adeemsifametti na erge. Anis tokkoffaa ba’uun mo’adheen dolaara kuma lamaa argadhe deebi’e.

Bariisaa: Atileetonni beekamoon sababii jijjiirama mootummaatiin bittinnaa’aniiru. Ati akkamitti gara dorgommiitti deebi’te?

Kumaalaa Tsaggaayee: Waggaa tokko guutuu hojii dhaabee rakkachaa osoon jiruu gaaf tokko nawaamanii kilaba Raayyaa Ittisaatti makamuun akka haaraatti shaakala taasisuu jalqabe.

Bara 1985 Kilaba Machaal bakka bu’ee maaraatoonii Abbabaa Biqilaarratti hirmaadhee qabxii gaarii fide. Achumaan biyya bakka bu’ee Yugozilaaviyaa, Beelgireeditti fiigicha maaraatooniirratti 11ffaa bahuun meedaaliyaafi dolaarii kuma lamaa argadheera.

Bariisaa: Dorgommii akkamiti dhaabde?

Kumaalaa Tsaggaayee: Bara 1986 osoon shaakalarra jiruu dhullaan natti ba’e. Kan yaalamnu Giddugala wal’aansa ispoortii biyyaalessaatti ture. Doktarri nayaale narviirra waan nawaraaneef socho’uun dadhabe. Sana boddee yeroo muraasaaf dedebi’ee yaalamus natti hinfooyyofne. Anis abdii kutadhee manatti deebi’uun dorgommii atileetiksiitiin gargar bahe.

Bariisaa: Haalli jireenya kee ammaa maal fakkaata?

Kumaalaa Tsaggaayee: Bara 1969 irraa kaasee biyya tiyya humnan qabu maraan waggoota 21f tajaajileera. Ummata kiyya bakka bu’ee shaampiyoonaawwan adda addaarratti hirmaadhee mo’chuun maqaa Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti waamsiseera. Daangaa biyyaas eeguudhaan waan narraa eggamu taasiseera. Haata’u malee bara 1990 irraa kaasee hanga ammaatti soorama tokko malee harka duwwaa ari’ameen rakkachaa jira.

Ani miseensa Raayyaa Ittisaati. Raayyaan tokko biyyaaf dhiigaafi dafqasaa dhangalaasuu malee hanga lubbuunsaa darbutti biyya isaa tajaajila. Anis wanta narraa eggamu maraa hanga humni kiyya danda’utti godheera. Qaama gara garaatti iyyadhus kan nadhagahu hin arganne.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You