Oromiyaatti dhiibbaa daa’immaniifi dubartootaa qolachuuf sosochiin hubannoo ji’a tokkoof turu har’a eegala

Finfinnee: Dhiibbaan daa’immaniifi dubartootarra ga’u haalaafi amalasaa jijjiirrachuun akkaataa safuu ummataa cabseen qaqqabu dabalaa jiraachuusaatiin sosochiin hubannoo uumuu Onkolooleessa 30- Sadaasa 30tti turu akka adeemsifamu Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa beeksise. Sosochiin kun kanneen miidhaan irra ga’e jajjabeessuufi deeggarsa taasisuullee ni dabalata.

Hoggantuun biirichaa Aadde Mabraat Baacaa ibsa Roobii darbe biiroosaaniitti gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, barmaaatileen miidhaa geessisan dubartootaafi daa’imman irra qaqqaban kanneen akka dirqisiisanii gudeeduu, fuudharratti fuudha, reebicha, buttii, humna qisaasessuufi kanneen biroo kanaan dura hir’ataa deemanillee amma karaa safuu hawaasaa cabseen raawwatamaa jiru. Kanaafis taatee tibbana Boorana Bahaa, Harargee Bahaafi Naqamteetti raawwate ilaaluun ni danda’ama.

Akka Oromiyaatti, gandoota kuma torbaa ol jiran keessaa 907 barmaatilee miidhaa geesisaniif saaxilamoo ta’uu kaasanii, bara kana gandoota 347 bilisa taasisuuf karoorfamuu ibsu. Yakkootni dubartootaafi daa’imman irra ga’an baay’een isaanii maatiifi namoota dhihootiin kan raawwataman ta’uusaaniitiin to’annoofi hordooffiif qormaata ta’aa jiraachuus ni himu.

Sosochii ji’a tokkoof turu kanaan namoota miliyoona lama (dhiira kuma 500) bira qaaqqabuun hubannoo uumuuf karoorfamuu kan himan hoggantuun kun, ji’i kun kan filatameefis guyyaa daa’immanii Sadaasa 11 akka addunyaatti yeroo 35ffaa, akka Itoophiyaatti yeroo 19ffaaf mata duree “Dhaloota egeree haa dhaggeeffannu” jedhuun kabajamuufi guyyaa riivaanii adii sadarkaa addunyaa yeroo 33ffaa, akka biyya kanaatti ammoo yeroo 19ffaaf mata duree “Miidhaan dubartootaa miidhaakooti hincallisu” jedhuun kabajamu sababaeeffachuun ta’uu ibsu.

Sosochii kanaan hojii inisheetiivii dubartootaatiin dubartoota harka qalleeyyiin kan deggaraman ta’uufi 490 ammoo carraa hojii akka argataniif kan hojjetamu ta’uu kan himan Aadde Mabraat, hojii qusannoon walqabatees dubartoonni kuma 100 ta’an Baankii Siinqeetti akka qusatan kan taasifamu ta’uu himu. Daa’imman wajjin walqabatees manneen barnootaa, gumii shamarranii, paarlaamaa daa’immaniifi kan kana fakkaatan keessatti hubannoon kan uumamu ta’uufi kanneen daggarsa babaachisuufis deggarsi kan taasifamu ta’uu addeessu.

Dhiibbaan dubartootaafi daa’immanii kan biiroosaaniitiin qofaan qolatamu waan hintaaneef hirmaannaa hawaasaa, qaamolee seeraa, miidiyaafi kanneen biroo waan barbaaduuf hunduu akka tumsu gaafatu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You