Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaatti hirmaattotni 2,200 ol waltajjii calallii ajandaa mariirratti hirmaatan

Finfinnee: Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaatti Waltajjii calallii ajandaa marii biyyaalessaarratti hirmaattotni 2,200 ol hirmaachuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Waltajjiin kun Onkoloolessa 24 akka eegaleefi har’a akka goolabamus ibsameera.

Komishinarrii komishinichaa Mulgeetaa Agoo Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaatti aanaalee 41fi bulchiisa magaalotaa 16 irraa hirmaattotni 2,200 ol waltajjii calallii ajandaa mariirratti hirmaataniiru.

Akka ibsa isaaniitti, komishinichi naannichatti marii biyyaalessaa geggeessuuf Onkoolessa 13 irraa eegalee qophii barbaachisaa taasisaa tureera. Akka sagantaa raawwii marichaatti Onkoololessa 24 irraa eegalee mariin calallii ajandaa marii biyyalessaa hanga Onkololessa 26tti bakka hirmaattota qaamolee hawaasaan akka gaggeeffamu himanii; gaafa 27(Roobii) mariin namoota dhiibbaa gaarii uumanii ni gaggeeffama. Kamisa kan qooda fudhattootaata nigeggeeffama jedhaniiru.

Hojmaata mariin ittiin gaggeeffamu diriirsuu, bakka bu’oota qaamolee hawaasaa sagal irraa adda baasuun maricha hirmaachisaafi hammataa taasisuuf komishinichi hojii bal’aa hojjeteera. Qaamolee qooda fudhattootas haaluma walfakkaatuun adda baasuun maicharratti akka hirmaatan taasifamuu himanii; hirmaattotnis dhiibbaa tokko malee akka hirmaatan ta’eera.

Paartilee siyaasaa karaa seera qabeessaan sadarkaa naannoofi biyyaalessaatti naannicha keessa socho’an jiran hirmaachisuuf komishinichi haala mijaa’aa umuu eeranii; Onkoloolessa 28 (Kamisa) irraa egalee marii akka eegalan ibsaniiru.

Raawwii komishinichaa hagna ammaatti jiruun Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaatti gaafa goolabamu naannoo Amaaraa, Oromiyaafi Tigraayi irraa kan hafe mariin calallii ajandaafi bakka bu’oota marii biyyaalessaa irratti hirmaatanii naannolee hundaafii bulchiisa magaalotaa lamaan keessatti akka goolbamu taasisa.

Mariin Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaa erga goolabamee booda Naannoo Oromiyaatti akka ittifufu eeranii; Naannoo Amaaraatti qaamolee haala mijeessitootaaf leenjii kennamuu irra darbee sababa rakkoo nageenyaan hojiin komishinichaa duubatti harkifateera. Haalotni jiran fooyya’anii jennaan komishinchi waan naannolee birootti raawwatame raawwachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Naannoo Tigraayittis haala walfakkaataan hojiin komishinichaa duubatti harkifachuu himanii; hojiiwwan komishinichaa caalmaatti milkeessuuf rakkoolee marichaaf gufuu ta’an hundumtuu gara mariitti dhufee mootummaafi ummtaan furmaata akka argatu taasisuuf miidiyaalee deggersa isaanii cimanii akka ittifufan waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You