Finfinnee: Naannoo Amaaraatti namoota rakkoo nageenyaa da’atanii malaammaltummaarratti bobbo’an ummatni hadheeffatee irratti qabsa’aa jiraachuu Mootummaan Naannichaa ibse.
Hogganaan Biiroo Koominikeeshinii Naannichaa Doktar Mangashaa Faantahuu sochii hawaasummaafi dinagdee akkasumas waltajjii marii hawaasaa ilaalchisee Gaazeexaa Bariisaaf ibsa kennaniiru.
Akka isaan jedhanitti, waltajjiin marii ummataa magaalota naannichaa hunda keessatti adeemsifameen nageenya naannichaa waaressuun, hannaafi saamicha rakkoo nageenyaa da’eeffachuun raawwatamaa jiru maqsuun dhimmoota ijoodha. Nageenyi naannichaa akka waara’uuf ummatni dirqama isarraa eegamu hunda ba’uuf qophii ta’uu mirkaneesseera. Hoggansa dabalatee namoota rakkoo nageenyaa da’eeffachuun hojii malaammaltummaarratti bobba’an hadheeffatee irratti qabsaa’uufi saaxiluu cimsee akka itti fufu ibseera.
Kana malees, pirojektoonni misoomaa sababa rakkoo nageenyaaf ijaarsisaanii adda citeefi dhaabbilee tajaajila hawaasaa miidhaan irra ga’eef mootummaa xiyyeeffannoo addaa akka kennuu gaaffii ummataa ta’uu eeraniiru.
Yeroo ammaa waamicha nageenyaa simatanii qaamotni hidhatanii socho’an hedduun mootummaatti harka kennachuun gara nagaatti deebi’aa jiraachuu himanii; Godina Walloo Kibbaatti qaamolee kunneen tibbana baay’inaan harka kennachuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, naannichatti hojiin omisha ga’ee oyiruurraa sassaabuu bal’inaan adeemsifamaa jiraachuu ibsanii; bara kana haala nageenya hamaa keessatti xaa’oo qonnaan bulaa biraan ga’uun akka danda’ameefi rooba gahaa roobaa jiruun omishtummaan argamu biyyarra darbee alergiifuu akka ta’uu abdatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Gama biroon, osoo farreen nageenyaa adeemsa baruufi barsiisuu danquuf sochii walirraa hin citnee taasisanii bakkoota muraasarraa kan hafe barnootni itti fufee jiraachuu eeranii; barana naannichatti barnoota eegalchiisuuf barsiisonni aarsaa lubbuu kaffalan illee akka jiran yaadachiisaniiru.
Sagantaa nyaata barattootaa ilaalchisee naannichi rakkoo nageenyaa hamaa keessa waan tureef akka naannolee biro hojii bal’aan hojjetamuu baatus sadarkaa jalqabbiirra jiraachuu ibsaniiru.
Kana malees, weerarri dhibee busaa sodaa naannichi qabu ta’uu eeranii; fayya ummata naannichaa mirkaneessuuf buufatalee fayyaa rakkoo nageenyaan hubaman suphuu cinatti weerara kana ittisuuf hoggansi sadarkaan jiru tumsa taasisaa akka jirus hubachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017