Midhaan gahe roobaan akka hin miidhamne duulaan sassaabamuu qaba jedhame

– Oromiyaatti midhaan kuntaalli miliyoona 12.2 sassaabame

Finfinnee: Midhaan gahe roobaan akka hin mancaane duulaan sassaabamuu akka qabu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise. Naannichatti lafa hektaara kuma 550 irraa midhaan sassaabamerraa callaa kuntaalli miliyoona 12.2 argamuunis ibsameera

Hogganaa Ittaanaan Biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaa akka jedhanitti,rooba yeroo ammaa roobaa jiruun omishni gahe akka hin mancaaneef bifa duulaan sassaabuun barbaachisaadha. Keessattuu godinaaleen akka Arsii, Arsii Lixaa, Shawaa Bahaa, Baaleefi kanneen biroo yeroo oomishni gannaa itti sassaabamu waan ta’eef of eeggannoon taasisuu qabu

Haaluma walfakkaatuun Biirichatti Daarektarri Misooma Midhaanii Obbo Musxafaa Huseen Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, naannichatti bara omisha 2016/17 lafa hektaara miliyoona 11.6rraa midhaan akaakuu garaagaraa kuntaala miliyoona 337 argachuuf hojjetamaa jira.

Hanga callaa karoorfamee kana argachuuf qophii Oyirurraa eegalee hanga omishni omishame gumbiitti galutti hojiileen qonnaa hojjetaman ammayyeessuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira.

Yeroo amma kana naannawaa Sulula Qinxamaa Riift vaalittifi naannawaa amala gammoojjummaa qabanitti baay’inaan midhaan sassaabbiidhaaf gaheera jedhanii; hojiin sassaabbii midhaan gahe kanaa mala ammayyaafi aadatiin hojjetamaa jira jedhaniiru.

Teknolojii fayyadamuun qisaasama yeroo sassaabbii mudachuu danda’u hambisuu yoo hindandeenye bu’a qabeessummaa qonnaarratti dhibbaan gahuu danda’u olaanaadha jedhanii; sababa qisaasama yeroo sassaabbiitiin omishtummaan qonnaa Itoophiyaa keessatti dhibbantaa 20-30tti akka hir’atu qorannoowwan tokko tokko ni mul’isu jedhaniiru.

Qisaasama mudachuu danda’u hambisuuf hanga humni eyyame midhaan kombaayinaraafi maashina dhooftuu midhaanitiin akka sassaabamu taasifamaa jira jedhanii: keessattuu waggoottan shanan darban keessa xiyyeeffannoo mootummaan makanaayizeeshinii qonnaaf laaterraa kan ka’e naannichatti baay’inni Kombaayinaraa dabalaa jira.

Xiyyeeffannoo kennameen meeshaleen makaanaayizeeshinii qonnaa ashuurarraa bilisa bitamanii akka galan taasifamaara. Haaluma walfakkaatuun qonnaan bulaan dhibbantaa 30 qusatee dhibbantaa 70 liqiin mijateefii meeshalee makanaayizeeshinii qonnaa akka bitatu hojmaanni mijataan diriirfameera. Kanarraa kan gahe naannicha keessatti baay’inni Kombaayinaraa gara 594 ol guddateera.

Naannichi Agroo Ikolojii garaagaraa qabaachuurraan kan ka’e midhaan hundi si’a tokko waan hin geenyef kombaayinarota jiran kunneen iddoodhaa gara iddootti sochoosuun qonnaan bulaan akka itti fayyadamuuf carraa gaariidha jedhanii; Yeroo amma kana hanqinni Kombaayinaraa hin jiru jedhaniiru.

Naannawaa lafa bu’aa ba’iin itti baay’atutti itti fayyadamuuf kan mijatu maashinni dhooftuu midhaaniis Inistituutii Qorannoo Qonna Oromiyaatiin qophaa’ee gatii madaalawaadhaan dhiyaachaa jira.

Taammiruu Raggaasaafi Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You