Kurmaana tokkoffaatiin gandootni 26 tajaajila elektirikii argataniiru

Finfinnee: Raawwii hojii kurmaana tokkoffaa bara 2017tiin gandootni baadiyyaafi magaalaa 26 tajaajila elektirikii argachuu Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa beeksise.

Daarektarri Kominikeeshinii tajaajilichaa Obbo Malaakuu Taayyee ibsa miidiyaaf tibbana kennaniin akka jedhanitti, Tajaajilichi kurmaana tokkoffaatti maamiltoota haaraa kuma 90fi 726 yommuu horatu waliigalaan ammoo maamiltoota miliyoona 4.8 ol horateera.

Maamiltootni raawwii hojii kurmaana tokkoffaatiin tajaajila elektirikii argatan keessaa %62 iyyata dhiyeeffatanii guyyoota 10 keessatti tajaajilicha kan argatan ta’uu himanii; manni hojichaas maamilli tokko tajaajila elektirikii argachuuf iyyatee guyyoota kudhan keessatti argachuu qaba jedhee sagantaa baasee irratti hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa raawwii hojii kurmaana tokkoffaa bara 2017 darbeen gurgurtaa inarjii, qabeenyaafi kiraa biiroorraa galii qarshii biiliyoona 11.55 walittiqabuuf karoorfachuun qarshii biiliyoona 11.15 (%97) kan walitti qabe ta’uus himaniiru.

Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa raawwii hojii kurmaana tokkoffaatiin namoota kuma sadiifi 76f carraa hojii uumuus yaadachiisaniiru.

Hojii bulchiinsa gaarii mirkaneessuufi sirna ittigaafatamummaa diriirsuuf raawwatamaa tureen hojjettoota tajaajilichaa hojmaata badaa raawwatan 20 kan adabaman ta’uu himanii; tajaajilamtoonnis eeruu kennuun rakkoo bulchiinsa gaariifi kenna tajaajilaan walqabatu hir’isuu keessatti qooda olaanaa ba’achuu eeraniiru.

Rakkoo addaan ciccitiinsa elektirikii furuufis hojiin bu’uraalee misoomaa diriirsuufi suphuu bal’inaan raawwatamaa turuu himanii, hojiin kun kurmaana ittaanu keessatti cimee kan ittifufu ta’as jedhaniiru.

Tajaajili Elektirikii Itoophiyaa Goofaatti lammiilee sababa sigiga lafaatiin miidhamaniif deggersa qarshii miliyoona shanii akkasumas dabtara kuma 10 barattoota maatiinsaanii harka qalleessa ta’aniif kennuun gama tajaajila hawaasummaatiinis gahee irraa eegamu bahateera.

Humni elektirikii akkuma faayidaa olaanaa qabu of eeggannoon ittifayyadamuu baannaan balaa guddaa qabeenya barbadeessuufi qaama hir’isuurra darbee hanga lubbuu balleessuu waan ga’uuf ofeeggannoon ittifayyadamuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You