Ayyaanni Irreechaa waggaa waggaan yeroosaa eegee walduraa duubaan kan gaggeeffamaa ture yoo ta’u, ijaafi qalbii addunyaa ta’aa dhufeera. Ijaafi qalbii addunyaa ta’aa dhufuusaarraa kan ka’e jilli tuuristoota sadarkaa Afrikaa, Awurooppaafi Eeshiyaarraa baba’e keessumattuu ayyaana guddaa Irreecha Hora Finfnneefi Harsadeerratti argamuun waan fagoo taa’ee hawwaa ture ijaan arguun Oromoon hammataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera.
Bu’uuruma kanaan ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee Buraayyuutti kabajamaa turerratti Irreechi akka dhabamsiifamuuf duulli guddaa taasifamaa tureera ta’us qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa Oromootiin kunuunfamee har’a ijaafi gurra addunyaa keessa galuu hirmaattonni nikaasu.
Barsiisaa Tashoomaa Bongaasee jiraataa magaalaa Buraayyuuti, ayyaana Irreechaa waggaa waggaan maatiisaanii waliin ta’uun kan kabajan yoo ta’u, birraan yoo bari’u warra jilaaf gammachuudha warra aadaafi duudhaa namootaa balleessuuf ykn dhaaluuf kaka’aniifimmoo yeroo fuula guuranidha jedhu.
Inaaffaan nama cimsa malee duubatti nama hindeebisu jedhanii, Irreechi ilaalcha inaaffaa cabsee ayyaana Oromoon alatti sabaafi sablammoonni kanamalees lammiileen Afrikaa, Awurooppaafi Eeshiyaa dammaqinaan irratti hirmaachuun uumaasaanii itti galateeffataniifi gammachuusaanii itti dhandhaman ta’uu ibsu.
“Oromoon ababoofi marga jiidhaa qabatee malkaa bu’ee uumaasaa galateeffata malee uumama hingalateeffatu haata’u garuu namoonni faallaa falaasama kanaa ta’an ayyaanicha ayyaana amantaa fakkeessuuf yoo yaalan mul’atu. Aadaafi amantiin walkeessa haa jiraataniyyuu malee Oromoon malkaatti bahee kan galateeffatu waaqa malkaa uumte, tulluu uumte akka malkaa kanaa nu baay’isi akka tulluu kanaa nuguddisi jechuun uumama qabatee uumaasaa galateeffata” jedhu.
Akkasaan jedhanitti, hordofaa amantii garagaraa ta’uun malkaatti yoo ba’amu kan galateeffamu Waaqa uumaadha malee malkaa miti, odaa miti tulluu miti. Warri hubannoo kanaa hinbeekne ammoo akka Oromoon malkaa ykn tulluu galateeffatuutti jallisanii ilaaluun sirrii miti.
Ummatni Oromoo aadaa, duudhaafi safuu qaba, darbees kabaja namaaf qaba kan jedhan Barsiisaa Tashoomaan, sirna dimokiraatawaa kana garuu xureessuuf kan yaalan jiraachuu himu. Kanas ta’e sana Oromoon malkaatti kan bahu abaaboofi marga qabatee bifa nagaan kan ayyaaneeffatu ta’uusaatiin ayyaanichi hunda kan hirmaachisu ta’aa jiraachuu himu. Ayyaanni Irreechaa ijaafi gurra addunyaa erga ta’een as galmee ‘UNESCO’ irratti galmeesisuuf sosochiin gara garaa taasifamaa jiru keessumattuu waraqaan qorannoo gaggeeffamaa jiru jajjabeessaa ta’uu kaasu.
Oromoonnis akkuma sirna gadaa Irreecha galmee UNESCO irratti galmeesisuuf tattaaffii barbaachisu taasisuun akka irraa eegamu kaasanii, keessumaa qeerroofi qarreen Oromoo imaanaa abbootiin isaanii ittilaatan galmaan ga’uuf carraaquu akka qaban dhaamu.
Ayyaana Irreechaa bakkeewwan gara garaatti gaggeeffamaa turerratti abbootiin, hayyoonni, dargaggoonni simboofi miidhagina ayyaanichaa ta’aa jiraachuu eeranii, duudhaan eebbaa, walduraaduubni adeemsa malkaatti taasifamu naamusaaniifi dhiichisa garagaraan dabaalamee, uffata aadaan faayamee yoo gaggeeffamu miira namaa keessatti waa baay’ee akka uumuu dubbatu.
“Ayyaanni Irreechaa kan obbolummaa, jaalalaafi tokkummaa waan ta’eef hunda hammachuun walqixa jaalalaan keessummeessaa tureera. Qeerroofi qarreen uffata aadaan faayamanii wallee godinoota gara garaan dhiichisa dabaalaa miidhagina ayyaanichaaf simboo addaa ta’aa jiru.
Uffanni aadaa godinoota Oromiyaa gara garaa kun ayyaanotaafi sirnoota keenyaaf miidhagina kennuun alatti faashinii yaadaafi qalbii ija addunyaa hawwatu akka ta’u godhee jira” jedhu.
Ammas imaanaan dhaloota haaraa kana harka jiru guddaa ta’uufi kan abbootiin asiin ga’an isa egereefimmoo itti gaafatamummaan qeerroofi qarreen fudhatee jiru daran olaanaa ta’uu dagatamuu akka hinqabne yaadachiisu.
Abbootiin ayyaanotaafi sirnoota duudhaa gara garaa Oromoon qabu sirna cunqursaa garagaraarraa tiksuun irratti wareegamanii waliif dabarsuun asiin ga’uu kan ibsan Barsiisaa Tashoomaan, isaanis kunuunsaa qorannaafi qo’annaan deggaraa dargaggootatti kennaa jiraachuufi imaanaan dhaloota haaraatti kennamu kun ayyaanonni keenya yaadqalbii addunyaa keessa seenanii galmee UNESCO irratti akka galmaa’aniif kan akeeke waan ta’eef irratti hojjechuun dirqama ta’uu kaasu.
“Ani maatiikoo waliin waggaa waggaan irreeffataan jira ilmaankoo xixiqqaa nawaliin deemanii duudhaa walduraaduuba ayyaanichaafi maalummaasaa baraa jiru. Dirqamni abbootii dhaloota barsiisuu, bocuu qaruufi sabboonummaan maal akka ta’e ijaaranii guddisuudha. Anis dirqama kana bahachaa dhalootni duuba jirus warra imaanaa nyaatu ta’uu hinqabu” jedhu.
Waan Oromoon qabu xiqqeessuuf kan kaka’u hedduu ta’uu kaasanii, ilaalchota booddeetti harkisaa akkanaa cabsuun sadarkaa har’a ga’amerra ga’uun injifannoo guddaa ta’uusaatiin bilisummaan ba’anii irreeffatanii galaa jiraachuu kan himan ammoo jiraataa magaalaa Buraayyuu kan ta’an Barsiisaa Alamuu Magarsaati.
Irreechi kan Oromoo hundaa ta’uusaatiin amantii wajjiin walqabsiisuun sirrii akka hintaaneefi, ilaalchi akkanaa sirrachuun akka irra jirus ni eeru.
“Anaafi maatiinkoo amantii mataa keenya qabna; malkaa buunee yoo irreeffannummoo uumaa keenya galateeffaanna malee malkaa miti. Kana ammo dhalootni amma jirus sirriitti hubatee sabboonummaasaa cimsuu qaba. Kanas ta’e sana Irreechi ilaalcha inaaffaafi jibba irra jiru ofirraa mulqee Itoophiyaa keessa darbee sadarkaa Afrikaa, Eeshiyaafi Awurooppaatti qalbii lammiilee gara garaa seenuun hawwataa ta’aa jira” jedhu.
Ayyaana Irreechaa bara kana Hora Finfinneefi Harsadeetti kabajamerratti ummanni miliyoonotaan lakkaa’amuufi amantii gara garaa hordofu waliin bahee kabajachuu kaasanii, warri dura fagootti jibbaa ija inaaffaan ilaalaa turanis qalbii diddiirratanii miidhaganii bahuun ayyaanichi kan obbolummaa jaalalaafi tokkummaa ta’uu qabatamaan agarsiisaa jiraachuu ibsu.
Akka ibsasaaniitti, inaaffaan dura ture aangoo dahoo godhachuun ayyaanota Oromoofi Oromoo lafaa balleessuu ture. Haata’u garuu Oromoon galaana waan ta’eef ija inaaftotaan hinbanne, jibba hamootaan hingogne, kana hunda darbee ijaafi qalbii addunyaa keessa seenuu danda’eera.
“Ayyaanaafi duudhaa Oromoo dhiibbaafi humnaan balleessuun waan dadhabameef ammammoo ayyaanota akka irreechaa amantiin walfakkeessuun namoonni bahanii akka hinirreeffanne danqaa ta’uuf yaalanis dhaloonni eenyummaasaan boonu ayyaanaaf sirnootasaa duudhaaf gadaasaa asiin gahateera. Oromoon kana booda duubatti hindeebi’u, ilaalcha inaaffaa ayyaanotaafi sirnootasaaf sakaallaa ta’an ciraa biyyas jijjiiraa akkuma Sirna Gadaa UNESCO’tti galmeesise Irreechas galmeesisuuf tattaafachuun dirqama dhaloota kanaati” jedhu.
Uffanni aadaa miidhagina kennuun alatti fashinii Oromoo guddisee madda dinagdee taasisuun biyya keessaaf alatti barbaadaummaansaa olka’aa jiraachuu kaasanii, Oromoon aadaa, duudhaafi hojiilee kalaqaa gara garaanis uummata qaroome falaasamnisaa kunis qaroomina Kushiif bu’uura akka ta’e agarsiistuu guddaa ta’uu himu.
Har’a Irreechi cancala inaaffaafi jibbaa ciree ijaaf yaadqalbii addunyaa keessa seeneera kan jedhan Barsiisaa Alamuun ulaagaa galmee UNESCO’irra isa qubachiisu kan guutu waan ta’eef irratti hojjechuun dirqama hayyotaa ta’uu kaasu.
Abbootiin keenya dukkana keessa ta’anii hedduunsaanii itti wareegamanii kaan itti dhiiganii kaan qaamasaanii itti hir’isanii aadaafi duudhaa Oromoo, Afaan, sabboonummaafi irra caalaattimmoo Oromiyaa biyya taate dhalootatti dabarsuu eeranii, imaanaa bu’aaqabsoo hadhaa’aa ta’e kana fuudhanii biyya ijaaraa jiraachuufi Itoophiyaa biyya walqixxummaan sabaafi sablammii itti mirkanaa’e, dimokiraasiin itti lalisee taasisuuf hojiitti waan jiramuuf mootummaa waliin dhaabachuu akka barbaachisu hubachiisu.
Walumaagalatti sabaaf sablammiileen Itoophiyaa marti aadaa, duudhaa, afaan, amantiifi eenyummaa gara garaa qabaatus biyya tokko ijaaruuf hamma deemamutti miira namalee keessaa ba’uun garaagarummaan aadaa, afaaniifi amantii simboofi madda galii ta’uu danda’uusaarratti hojjechuun hundarraa eegama.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017