Konfiraansiin addunyaa beelarraa bilisaa tibbana Finfinneetti adeemsifame sababa, eelaafi furmaata beelaa xiyyeeffannaan ilaaleera. Qorannoon Sagantaa Nyaata Addunyaa akka mulisutti, ummatni addunyaa miliyoona 800 ta’u waan afaanitti geeffatu hinqabu. Lakkoofsi kun ida’ama lakkoofsa ummataa biyyoota Jarmaniifi Ruwaandaa kan gitudha. Ummata Afrikaa keessaa %20 beela hamaa kanaan waxalamaa jira.
Dacheen garuu ummata biliyoona 10 sooruuf potenshaala akka qabdu qorannoon kun ibseera. Waliigalaan ammoo ummatni addunyaa beela hamaa keessa jiru kun harki lama sadaffaan biyyoota guddinarra jiran keessatti argamu. Waraanni, jijjiiramni haala qilleensaa, qonna ammayyeessuu dhabuufi qabeenyiifi beekumsi bakka tokkotti kuufamuufi walqooduu dhabuun beela mudate kanaaf dhimmoota sababa ta’anidha.
Itoophiyaan Konfiraansii Idil Addunyaa kana keessummeessuuf gama tokkoon carroomuu, gama biroon ammoo sababa quubsaan ibsama. Waggoota hedduuf Itoophiyaan barjaa beelaan addunyaarratti beekamuurra kan ka’e fakkeenya beelaa taate ibsamaa turte. Hanga dhiyoottis kadhaa qamadiin birmadummaanshee sarbamee biyya somba biyyoota qamadii kennaniin argantu turte. Jijjiiramaa as garuu seenaanis seexaanis jijjiiramee qamadii alaa galchuu gara alatti erguuf biyya geessedha. Ongee hamaa mudate keessatti ummata sooruu qofa osoo hintaane miliyoonota beela keessaa baasuu dandeesseetti.
Ministirri Mummee Doktar Abiyyi Ahmad Waltajjii “Addunyaa Beelarraa Bilisaa” jedhu kanarratti, Itoophiyaan ummatashee beela hamaa keessaa baasuuf jijjiiramaa as faalasama xabbootiin sochii walirraa hincinne taasisaa jirti. Paarkiiwwan Industiriitiif xiyyeeffannaa kennameen galii qonnaan bulaa ol kaasuu, carraa hojii bal’aa uumuufi dinagdee damdameessuun qooda biyyattiin gabaa addunyaa keessatti qabdu olkaaseera.
Beelli dhimma qofaatti adda ba’ee ilaalamu osoo hintaane hiyyummaa biroon walqabata. Rakkoolee beela waliin hidhata qaban maqsuuf addunyaan yeroo kamuu caalaa harka walqabatee ka’uun dirqama. Qonna omishtummaansaa olaanaa ta’eefi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu hundeen lafa qabsiisuun, keessattuu Afrikaaf ajandaa duraa ta’uu qaba.
Dacheen addunyaa hektaara kumaatamaan lakkaa’amu wayita lolaan waggaatti dhiqamaa jiru kanatti Itoophiyaatti dacheen dhiqamee midhaan baasuu lagate Sagantaa Ashaaraa Magariisaan bayyaanachiisuun omishaafi omishtummaa dabaluun cinatti bakka aara galfii lubbu qabeeyyii miliyoonotaaf abdii taasisuu dandeesseetti. Sagantaa kanaan biqilootni firiinsaanii nyaataman dhaabbachuun utubaafi gaachana wabii midhaan nyaataa biyyattii ta’uun tajaajilaa jiru. Hirmaattonni idil addunyaa Konfiraansii Addunyaa beelarraa bilisaas kan dhugaa ba’an kanuma.
Mootummaan utubaa dinagdee biyyattii kan ta’erratti jijjiirama hunda galeessa fiduuf rifoormii jabaa taasisuun cinatti dhiyeessii xaa’oo qarshii biliyoonaan lakkaa’amuun hirphaa jira. Hirkattuummaa roobaa jalaa ba’uufis ta’e omisha dachaan dabaluuf misooma jallisiif xiyyeeffannoo addaa kennameera. Kana qofa osoo hintaane “Cittuun lafaa agabuu buluu hinqabu” sochii jedhuun qonni magaalaa wabii midhaan nyaataa jiraattota magaalaa bira taree guddina dinagdeefuu qoodasaa ba’achuurratti argama.
Akka Itoophiyaattis ta’e addunyaatti lakkoofsa ummataafi jijjiirama haala qilleensaa dabalaa jiruun walqabatee wabiin midhaan nyaataa gaaffii keessa galuun wayita ummatni miliyoonaan lakkaa’amu beela’aa jiru kanatti Konfiraansiin taasifame kanarratti rakkooleen, hammeeyyummaafi kallattiin fuulduraa caqasamuun abdii egereef bu’uura ta’a.
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017