Bu’aafi baay’ina beeyiladaa walsimsiisuun toora xiyyeeffannoo ta’uu qaba

Itoophiyaan qabeenya beeyiladootaan Afrikaarraa sadarkaa jalqabaa addunyaarraa ammoo sadarkaa 5ffaa irratti argamti. Ragaan qorannoo Dhaabbata Horsiisa Beeyiladaafi Saayiinsii Bu’aalee Beeyiladaa ALA bara 2020 mul’isutti Itoophiyaa loon miliyoona 71, hoolaa miliyoona 43, re’ee miliyoona 54, lukkuu miliyoona 57, kotte duudaa miliyoona 13.33fi mootii kanniisaa miliyoona torba qabdi. Dameen beeyiladaa omisha waliigalaa guddina dinagdee biyyattiif dhibbantaa 19, sharafa alaa argamsiisuu keessatti dhibbantaa 16-19 akkasumas carraa hojii uumuu keessatti qoodnisaa dhibbantaa 30 dha.

Haa ta’u malee, sababoota garagaraan Itoophiyaan hanga ammaatti bu’aan baay’inaan beeyiladaa madaalu argataa hinjirtu. Rakkoo hubannaa, jijjiirama haala qilleensaafi imaammatni nageenya beeyiladaa dhibuun rakkoolee omishtummaa beeyilaafi bu’aalee beeyiladaa hir’isan keessaa isaan ijoodha.

Tibba darbe mariin nageenya beeyiladaarratti fuuleffateefi qooda fudhattoota hedduu hirmaachise Instiitiyuutii Qorannoo Beeyilada Addunyaatiin adeemsifamee ture. Itoophiyaan qabeenya beeyiladaa olaanaa qabaattus omishtummaa/ bu’aan isheen damee kanarraa waggaatti argattu kan biyyoota Afrikaa Bahaa biroon yommuu wal bira qabamu gadaanaadha. Horsiisa beeyiladaa mala aadaarratti hundaa’eefi fayyadamummaa teknolojii daran gadaanaa ta’e rakkoo bu’a qabeessummaa damichaa qancarsan keessaa isaan muraasa.

Jijjiiramni haala qilleensaa, keessattuu ongeen walqabatee beeyiladoota Itoophiyaa hedduurraa hubaatiin dhaqqabeera. Waggaa lama dura Itoophiyaa dabalatee ongeen Afrikaa Bahaa mudate waggoottan 40 asitti isa hamaa ta’uun irra deddeebiin ibsamaa tureera. Ragaaleen tokko tokko akka ibsanitti ongeen kun naannoolee Oromiyaafi Sumaalee qofatti lubbuu beeyiladoota miliyoona 4.5 olii galaafateera. Tumsi sadarkaa federaalaa hanga naannoleetti taasifame osoo laafaa ta’ee sababa ongee hamaa kanaan lubbuun hafuun beeyiladootaayyuu shakkisiisaa ture. Keessattuu horsiisee bultoonni jireenyisaanii beeyiladarratti hundaa’ee hedduun ongee hamaa lubbuu beeyiladootaaf yaaddessaa ta’e kanaan soda hamaa keessa galanii turan.

Baay’inaan qofa boonuunis rakkoolee omishtummaa beeyiladootaa gad xiqqeessan keessaa isa tokko. Itoophiyaatti bu’aa argamu osoo hin xiinxaliin lakkoofsa beeyiladaa qofaan boonuun baay’otaan amaleeffatamee jira. Fayyaafi nyaata beeyiladaa gahaa kennuun beeyiladoota xiqqoorraa bu’aa guddaa argachuun hin baratamne. Mala saayiinsiirraa mala aadaan omishuun , sanyii beeyiladaa omishtummaansaanii olaanaa ta’e filachuunis dhimmoota akka rakkootti eeramanidha.

Doktar Wubsheet Zawudee Ministira Qonnaatti Raawwachiisa Hojii Dursaa Fayyaa Beeyiladoota akka ibsanitti, nageenyi beeyiladaa dhimma ijoo ta’uun hubatamee guyyaan beeyiladaa akka addunyaatti marsaa 99ffaa akka biyyaatti ammoo marsaa 14ffaaf akka kabajamu ta’eera. Nageenyi beeyiladaa nageenya dhala namaan hariiroo kallattii qaba. Itoophiyaan baay’ina beeyiladaan Afriikaarraa sadarkaa jalqabaarra jiraattus nageenya beeyiladaarratti hojii bal’aan waan hin hojjetamneef bu’aalee beeyiladaa alatti erguun bu’aa barbaadame argachuurratti danqaa uumaa jira. Haa ta’u malee, yeroo dhiyoo as xiyyeeffannaa bal’aan kennamuusaan labsiin fayyaafi nageenya beeyiladaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaatee akka ragga’uu eegamaa jira.

Akka isaan jedhanitti, nageenyaafi fayyaa beeyiladaa mirkaneessuurratti hojiin hubannoo uumuu dhimma ijoo ta’uun hubatamee itti adeemamaa jira. Beeyiladaafi bu’aan beeyiladaa fayyaalessa akka ta’uuf dhimmi fayyaa beeyiladaa murteessaadha. Kotte duudaa tajaajila garaagaraaf itti maayii ba’uun wayita dhukkubsataniifi dadhaban daandii gubbaatti gatuun seeraan ala waan ta’eef labsii ba’e kanaan furmaata kan argatu ta’a. Walumagalatti, beeyiladni fayyaalessi hin jiru taanaan namni fayyaanis hin jiru waan ta’eef bal’inaan irratti hojjechuu gaafata.

Guyyaan beeyiladoota addunyaa wayita kabajamuu dhimmootni furtuu shan hubatamuu qabu. Isaanis tokko,. beeyiladootni bishaan dhugaatii qulqulluufi nyaata isaan barbaachisu argachuun rakkoo beela’uufi dheebochuurraa bilisa ta’uu qabu. Lammaffaa Beeyiladootni bakka ciisichaafi boqonnaa argachuun mirga naannawaa mijataa ta’e argachuu qabu. Sadaffaa, yoo madaa’aniifi dhukkubsatan mirga wal’aanamuu qabu. Afraffaa, fedhiifi amala uumamaan qaban haala mijaa’aa ta’een akka calaqqisiisuuf mirga guutuu qabu. Shanaffaa, Wantoota isaan jeeqan, boqonnaa isaan dhorkaniifi isaan rifaasisan irraa bilisa ta’uu qabu.

“Mirgootni beeyiladootaa kunneen akkuma jiranitti ta’ee bu’aafi omishtummaasaanii mirkaneessuuf nyaata gahaafi mijataa dhiyeessuufiin akkasumas fayyaafi nageenyasaaniif xiyyeeffannoo addaa kennuun barbaachisaadha. Beeyiladni nyaataafi bishaan gahaa hin qabne bu’aa kennuun haa hafuutii lubbuun jiraachuufuu rakkisaadha. Beeyiladootni kan jeeqaman yoo ta’e omishtummaansaanii gad bu’aa ta’uun dabalata gama bu’aa qabeessummaanis hagas mara filatamaa miti” jedhu.

Pirezidaantiin Waldaa Ogeessota Fayyaa Beeyiladaa Doktar Bojaa Indabuu gamasaaniin akka jedhanitti, Itoophiyaaf beeyiladni waa mara. Omishni qonnaa biyyattii irra jireessaan lafa qotuurraa eegalee hanga omishamee mana galutti humna beeyiladaan kan raawwatamudha. Wabiin midhaan nyaataa biyyattii keessattis qoodni beeyiladaafi bu’aa beeyiladaa olaanaadha. Beeyiladni bu’aa hawaasummaafi dinagdee olaanaa qaba.

Hanqinni bu’uuraalee misoomaa, sadarkaafi istaandardiin beeyiladaa qixa sirriin hojiirra ooluu dhabuun, rakkoon sirna odeeffannoo gabaa ammayya’aafi wayitawaa, lafti margaa qonnaan haphachaa dhufuu, walitti bu’iinsa lafa dheeddichaarratti mudatuufi hanqinni dhiyeessii bishaanii rakkoolee omishtummaafi horsiisa beeyiladootarratti dhiibbaa uuman biroo ta’uu kaasu.

Fedhiin beeyiladaafi bu’aa beeyiladaaf jiru yeroodhaa gara yerootti dabala waan jiruuf horsiisa beeyiladaa dabaluun akkuma jirutti ta’ee nageenyiifi fayyaansaanii xiyyeeffanoo argachuun dirqama ta’uu eeranii, keessattuu Itoophiyaatti baay’inni jiraattota magaalaa dabalaa jiraachuun walqabatee fedhii dabalaa jiruun bara 2028tti fedhiin foon soorachuu kan loonii dhibbantaa 200, kan re’ee dhibbantaa 114.3, kan gaalaa dhibbantaa 83.3, kan lukkuu dhibbantaa 80, kan killee dhibbantaa 335.6 kan dabalu ta’uun ibsameera.

Akka ibsasaaniitti, Itoophiyaan alattis horsiisni beeyiladoota biyyoota gaanfa Afrikaa hedduu keessatti madda galii, carraa hojiifi soorata ta’ee tajaajilaa jira. Fakkeenyaaf Keeniyaa keessatti guddina dinagdee qonnarraa maddu keessaa dameen beeyiladaa dhibbantaa 42 gumaacha. Naannawa gammoojjiifi gariin gammoojjii ta’an biyyattii keessatti namoota 10 keessaa jireenyi namoota 9 horii horsiisuurratti kan bu’uureffame yommuu ta’u maddi galii naannawaalee kunneen dhibbantaan 95 dameedhuma kanarraa argama.

Akkuma waliigalaattuu qabeenya beeyiladaa Afrikaan qabdu keessaa dhibbantaan 50 Afrikaa Bahaatti kan argamu yommuu ta’u loon miliyoona 107.2, hoolaafi re’ee miliyoona 178.8, gaala miliyoona 1.3 akkasumas booyyeen miliyoona 4.4 ta’an qabeenya naannawaan kun qabu ta’uu himanii, Keeniyaan Itoophiyaa, Somaaliyaafi Ugaandaa waliin gabaa waloo akka qabdu ni dubbatu.

Haa ta’u malee, Itoophiyaa dabalatee rakkooleen omishtummaa beeyiladaa xiqqeessan dhimmoota biyyoota Afrikaa Bahaa walfakkeessan ta’uu kan ibsan Doktar Bojaan, mala ammayyaarraa mala aadaan beeyilada horsiisuun, fageenya dheeraa gatii qaalii kaffaluun beeyilada geejibsiisuun, sirni bulchiinsaa gabaa istookii/ kaappitaalaa beeyiladaa dhibuun, hanqinni odeeffannoo gabaa gahaafi dhiyeessii fedhii bu’uureffate dhabuun rakkoo biyyota Afrikaa Bahaa hundaa ta’uu kaasu.

Gama biroon bitaafi gurgurtaa gidduu dinagdee gooroofi gooreen walitti gahaan dhabamuu, imaammatniifi bulchiinsi beeyiladaa iftoomina dhabuu, darbee darbee daangaa walitti cufuufi gabaa daangessuufi qaala’iinsa gatii geejibaa rakkoolee horsiisaafi fayyadamummaa damee beeyiladootaan walqabatan ta’uu eeru.

Walumaagalatti, dameen beeyiladaa dhimmoota maqaan Itoophiyaa akka Afrikaatti akka ka’uu taasisan keessaa tokko ta’us gama irraa fayyadamuun garuu hojii manaa bal’aatu hafa. Dameen kun Itoophiyaaf qofa osoo hintaane akka Afrikaa Bahaattuu damee wabii midhaan nyaataaf, carraa hojiif, madda galiifi guddina dinagdee biyyaaf abdatamudha. Haa ta’u malee sababa jijjiirama haala qilleensaa, horsiisa mala aadaarratti hundaa’ee, rakkoo nyaataafi fayyaa beeyiladaatiin bu’aan barbaadamu argamaa hinjiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You