Teknolojiitti dhimma bahuun addunyaa waliin tarkaanfachuun barbaachisaadha

Bu’a qabeessummaa dhaabbata tokkoo keessatti teknolojiin dhibbantaa 85 ol gahee qaba. Addunyaarratti hojiilee omishaa hojjetaman keessatti, akkasumas tajaajiloota manneen hojii mootummaafi dhuunfaan kennaman keessatti hammi teknolojii fayyadamuufi dhiibbaan teknolojii ariitii cimaadhaan dabalaa jira.

Pirezidaantiin Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Tokkoffaa Obbo Fu’aad Kariim dhiheenya kana waltajjii marii “Gahee dijitaalaayizeeshinii Mana Murtii keessatti ” mata duree jedhuun Finfinneetti qophaa’erratti akka jedhanitti, mana murtichaa keessatti rakkoowwan bulchiinsa gaarii jedhamanii wantootni adda baafaman irra caalaansaanii tajaajiloota kennaman dijitaalessuudhaan kan furaman akka ta’e beekamaadha.

Abbootiin dhimmaa osoo mana murtii qaaman hindhufiin iddoodhuma fedhan jiraatanii dokumantiiwwan oliyannoofi himata garagaraa gara mana murtii olaanaatti akka geeffatan kan dandeessisu mosaajiin misoomee hojiirra oolaa jiraachuu himanii, gamtokkoon abbootii dhimmaarraa baasii hir’isa, kanamalees abbootiin dhimmaa abbootii seeraafi abbootii murtii waliin qaamaan akka wal hinagarre gochuun malaammaltummaa mana murtichaa keessatti uumamuu danda’u hir’isuu danda’uus ni himu.

Teknolojiiwwan mana murtichaa keessatti hojiirra oolaa jiran karaa bu’aqabeessa ta’een hojiirra oolchuuf, hawaasni mana murtichaa teknolojiidhaan mataasaanii gahoomsuu qabu jedhanii, manni murtichaas teknolojiidhaan isaan gahoomsuuf leenjii barbaachisu kan kennu ta’uu ibsaniiru.

Pirezidaantii Ittaanaan mana murtichaa Obbo Tasfaayee Niwaay gamasaaniin, sanada marii waltajjicharratti dhiheessaniin akka jedhanitti, haala qabatamaa Itoophiyaatiin kanaan dura waa’een roobootii karaa miidiyaa garagaraa dhaga’amaa kan ture yoo ta’u, amma garuu gaheesaa jiruufi jireenya guyyuu keessatti arguun danda’ameera. Baroota kanaan dura turan keessatti namni odeeffannoofi beekumsa kan argatu naannawaasaafi maatiisaarraa yoo ta’u, amma garuu irra caalaa mobaayilii harkasaatti qabatee deemurraa odeeffannoo argata.

“Dur hojii hojjechuuf gahumsa humna namaatu barbaachisa, amma garuu gahumsa teknolojii odeeffannoo (IT), teknolojii dijitaalawaa, hubannoo namtolchee (Artificial Intellegence)tu barbaachisa. Yeroo ammaa kana keessattuu gaheen hubannoon namtolchee kaampaniiwwan guguddaafi jiruufi jireenya dhala namaa keessatti taphaachaa jiru olaanaa waan ta’eef lammiileen teknolojii kanarratti hubannoo qabaachuu qabu” jedhu.

Hubannoo namtolcheen gahoomuun biyyootaa guddina biyyasaanii ittiin ariifachiisuuf qofa osoo hintaane rakkinoota teknolojii jabaanaa faana walqabatee dhufuu danda’an beekuun qolachuu danda’uun akka barbaachisu himu.

Teknolojiin dijitaalaa akkuma faayidaa qabu miidhaas akka qabu kaasanii, qorannoon Inistiitiyuutii Fayyaa Biyyaalessaatiin (National Institute of Health ) daa’imman umriinsaanii waggaa 8-12 ta’an biyyoota 29 irratti ALA bara 2018 hojjetame akka ibsutti, daa’imman teknolojii garmalee fayyadaman sababa dhibbaa odeeffannoo dogoggoraa isaan bira gahuun umrii malee walquunnamtii saalaa jalqabuufi rakkoo xinsammuutiif saaxilamoo ta’uu akka ibsu dubbatu.

Qorannoon haaraa ALA bara 2016 taasifame akka agarsiisutti biyyi Ingilaandi hubannoo namtolcheetti qixa barbaachisuun dhimma itti bahuu dhiisuurraan kan ka’e waggaatti omisha biyya keessaa (GDP) paawundii biliyoona 23tti tilmaamamu dhabaa jiraachuu himu.

Sadarkaa dhuunfaatti dandeettiin teknolojii namni tokko qabu dandeettii bu’uuraa, giddugaleessafi olaanaa jedhamuun iddoo saditti kan qoodamu ta’uu kan himan Obbo Tasfaayeen, aadaa, ilaalchiifi sadarkaan qaqqabummaa bu’uraalee misooma dijitaalawaa dandeettii dijitaalawaa namni dhuunfaan tokko qabu kan murteessan ta’uu addeessu.

Jireenyi nama dhuunfaa tokko jireenya dijitaalawaafi jireenya fizikaalaa jedhamee iddoo lamatti kan qoodamu yoo ta’u, namni tokko bara jireenyasaa milkaa’aa ta’uuf jireenya lachuu waliin adeemsisuun akka irraa eeggamu himu. Yommuu teknolojii fayyadamnus waan gaariif fayyadamuu,akka iccitii dhuunfaa hinmiinetti fayyadamuu, karaa namni biraa cabsee seenuu hindandeenyeen fayyadamuu, miiraan gaggeeffamanii fayyadamuu dhiisuu, wantoota miira kakaasan to’achuu akka danda’utti fayyadamuu akka barbaachisu hubachiisu.

Akka ibsa pirezidaantii ittaanaa kanaatti, biyyi tokko hubannoo namtolchee babal’isuuf tarsiimoo ifa ta’e, caasaa raawwachiisuufi humna qabu waliin qabaachuu, bajata gahaa ramaduun hojjechuu, aadaa teknolojii faana walitti bu’u osoo hin taane kan jajjabeessu qabaachuu akka qabdu ibsu.

“Tajaajiloota dijitaalessuun ragaalee hardikoppiin jiru softkoppiitti jijjiiruu qofti guddina teknolojiitif gahaa miti. Kanaaf hojiilee ariitiidhaan, qulqullinaafi baay’inaan hojjechuuf tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa mirkaneessuun barbaachisaadha. Kanaaf immoo teknolojii yerichi madaalu hidhachuutu barbaachisa. Biyyi tokko yoo akkas goote tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa galmaan gahaa jirti jechuudha” jedhu.

Akka ibsasaaniitti, tiraanisfoormeeshiniin dijitaalaa, qindoomina dijitaalaa (Digital integration) of keessaa qaba. Dhaabbanni tokko tajaajila dijitaalaa kennu tajaajila qooda fudhattoonnisaa kennan waliin wal simsiisee tajaajila karaa dijitaalaan kenne sana faayidaa garaagaraatiif oolchuu yommuu jalqabu qindoominni dijitaalaa dhaabbaticha keessa jira jechuudha. Biyyi tokko karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa galmaan gahuuf lammii dijitaalaa uumuu, kalaqni dijitaalaa akka babal’atu gochuufi dijitaalaan dorgomaa ta’uu danda’uu qabdi. Lammii dijitaalaa uumuu jechuun lammii karaa ittigaafatamummaa qabuufi fayyaalessa ta’een teknolojiitti fayyadamu uumuu jechuu ta’uu eeranii, kalaqa dijitaalaa babal’isuu jechuun ammoo, teknolojiitti fayyadamuun wantoota guddina biyyaatiif gumaacha gaarii gumaachan uumuu danda’uu akka ta’e himu. Biyyi tokko mataasheetiin dorgomuu osoo hintaane teknolojii biyyootni biroo itti fayyadaman uumuudhaan ykn immoo biyyoota biroorraa garagalchuun hojiirra yoo oolchiteefi yoo itti fayyadamte dijitaalaan dorgomaa ta’aa jirti jechuu akka ta’es ni kaasu.

Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa Tokkoffaa hojii tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa eegaluufi galma gahiinsa hojii kanaatiif leenjii bal’aan hawaasa mana murtiitiif kennamaa jiraachuu ibsanii, teknolojiiwwan manni murtichaa itti fayyadamu duudhaalee mana murtichaarratti kan bu’uureffaman, qajeelfamawwan mana murtii waliin kan deemaniifi rakkinoota mana murtichaa kan salphisan ta’uu akka qaban hubachiisu.

Akka ibsa Obbo Tasfaayeetti, manni murtichaa teknolojii sagalee gara barreeffamaatti jijjiiru ofiisaatiif misoomsee manneen murtii isa jala jiran hunda keessatti itti fayyadamaa jira. Teknolojiin kun abbootiin dhimmaa adeemsa falmii keessatti yaada isaan dhiyeeffatan, kanneen falmiisaanii xumuran yeroo daqiiqaa 10 hincaalle keessatti guutummaa dubbii falmiisaanii gara barreeffamaatti jijjiiruu danda’a.

Yeroo tokko tokko abbootiin seeraa beekaniis ta’ee osoo hinbeekiin dhaadacharratti waan falmitootni lamaan dubbatan yaadannoo harkaan yommuu qabatan keessaa baasuu ykn itti dabaluu akka danda’an himanii, kunimmoo bu’aa murtoo falmattootaa gara haqa maleessaatti jijjiiruu akka malu kaasu. Kana malees, falmattootni kunneen murtoo murtaa’etti itti quufuu dhabuun ol iyyannoo yommuu gaafatan ragaan oliyyannoodhaaf barreeffamaan dhiyaatus ragaa qulqulluu akka hintaane akka taasisu dubbatu.

Itoophiyaa keessatti mana murtiittis ta’ee dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa keessatti karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa hojiitti hiikuuf akka heerri Itoophiyaa keewwanni 91 jedhutti mootummaan hanga humni eeyyame ogummaa, saayinsiifi teknolojii babal’isuuf dirqama akka qabu kan ibsu ta’uu himu.

Waan bu’uura seeraafi heeraa hinqabne hojiitti hiikuun waan hin danda’amneef , bu’uura heera mootummaatiin bara 2011 baheen biyyattiin tarsiimoo dijitaalaa ifa ta’e qabaachuu kaasanii, manni murtiichaas tarsiimoo bara 2014 hanga 2018 turu kan itti fayyadama teknolojii guddisuuf bahe qabaachuu ibsu.

Tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa hojiirra oolchuuf sarara diriirsuun murteessaa ta’uu himanii, kanaafis qarshiin biliyoona 1.8 kan ramadame ta’uufi sararri kun haleellaaf akka hinsaaxilamnetti diriirfamaa jiraachuu himu. Manni murtichaa appilikeeshinoota sarara diriirfame kanarratti fe’amanis Dhaabbata Itiyoo telekoom, Inistiitiyuutii Artifishaalaa Federaalaafi Tika Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa(INSA) waliin ta’uun misoomsuun hojjiitti galchaa jiraachuus himaniiru. Hojiin sarara diriirsuu manneen murtii 13n keessatti waliigalatti dhibbantaa 80rra gahuus eeranii, teknolojiiwwan hojiitti hiikamaa jiran kunneen mana murtichaa keessatti tajaajila ariitii qabu kennuuf, ittigaafatamummaa mirkaneessuuf, iftoomina dabaluuf daraan kan gargaaraniidha” jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017

Recommended For You