Qorattoonni sirna nyaataa akka jedhanitti, nyaatni tokko qofaasaatti nama tokkoof guutuu miti. Nyaata madaalamaa argachuuf kuduraalee, muduraalee, callaafi nyaata akka ocholoonii zayita of keessaa qaban yeroo hedduu nyaachuun fayyaafi guddina qaamaaf hedduu barbaachisaa ta’uu gorsu.
Bu’aawwan nyaatarraa argaman guutummaatti argachuuf yeroo bilcheessanitti of eeggannoon barbaachisu taasifamuu qaba. Akka gorsa ogeessota sirna nyaataatti, kuduraaleen yeroo nyaataaf qopheeffamanitti dursa sirritti bishaan qulqulluun dhiqamuu qabu. Sana booda garuu garmalee bilcheeffamuun isaanii wantoota bu’aa buusan nyaaticha irraa argaman guutummaatti akka dhabnu taasisuu danda’a waan ta’eef hanguma tokkoo ho’isanii osoo sirritti hinbilchaatne soorachuun barbaachisaadha.
Nyaata madaalamaa ta’e argachuuf wantoota gosoota nyaataa filatamoo ta’an keessaa inni tokko bolloqqee hanga danda’ametti baay’isanii nyaachuun gaarii akka ta’e kan gorsan ogeessi sirna nyaataa Sheef Addisalam Kabbadaa, barbaachisummaa isaa irraa kan ka’e biyyoota alaa heddutti boloqqeen akka warqeetti giraamaan kan gurguramu ta’uu dubbatu.
Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaa keessatti gosoota boloqqee garaa garaa bal’inaan omishuun osoo danda’amuu gurgurtaadhaaf malee yeroo soorataaf oolfamu hinmul’atu. Yeroo hunda sa’aatii nyaataatti kuduraalee makuun akkasumas akka tursiistuutti (snack) waan akka fuduraaleefi salaaxaa utuu hinbilcheeffamin dhiyaatu nyaachuun gaarii ta’uu odeeffannoon Dhaabbatni Fayyaa Addunyaarraa argame ni mul’isa.
Wanti ijoon garuu nyaata tokko ykn walfakkaataa ta’an irra deddeebiidhaan nyaachuun yoo xiqqaate wantoota guddina qaamaaf barbaachisan haalaan argachuurraa nama fageessu.
Akka hiikkaa Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaatti qajeelfamni soorannaa fayya qabeessaa, biyyoota keessatti akkaataa nyaataafi jireenyaa fayya qabeessa tahe uumuuf kan bahuudha. Qabiyyeen isaas sirna soorataarratti hundaa’uun nyaata faayidaa qabuufi haala soorannaa lammiilee sadarkaan umrii garaagaraa irra jiraniif akka yaada gorsaatti dhiyeessuudha. Kana malees qonnaafi akkaataa nyaata itti bilcheessan tarreessa.
Gama biraan fayyaa keenya eeguudhaafi dhukkuboota yaaddessoo ittisuuf mala nyaataa qabiyyee garagaraan badhaadhan irratti yaada kenna. Biyyootni addunyaa 100 ol qajeelfama nyaataa kana qabu.
Afrikaatti biyyoonni torba qajeelfama kana kan qaban yoo tahu, ardiilee kaanirra gad-aanaadha. Biyyoota Afrikaa keessaa Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Siisheelsi, Naayijeeriyaa, Beeniin, Naamibiyaafi Seeraaliyoon qajeelfama akkaataa soorannaa kana kanneen qabaniidha.
Waggoota dhihoo as garuu Itoophiyaan biyya qajeelfama sirna nyaataa kana qabdu ta’uun Afrikaa keessaa biyya 8ffaa taateetti. Afrikaa dabalatee biyyootni guddachaa jiran hedduun ammas rakkoo sirna nyaataa kanarraa madduun hir’ina nyaataafi furdina akka maleetiin dararamaa jiru.
Akka qorannoon ‘The Lancet’ jedhamu agarsiisetti, rakkinni kun nyaataafi dhugaatii qopha’aanii gabaarratti gurguraman (ultra-processed foods,) kanneen akka chokoleetii, karameellaafi mi’eessituun nam-tochee itti dabalamanii gurguraman soorachuufi sochii qaamaa taasisuu dhiisutu rakkoo kana fide.
Dur waa’een furdinaa durummaafi jireenya mijataa jiraachuun kan walqabatu yoo ta’u, ammaan tana garuu dubbiin faallaa ta’ee furdinni gar malee akka rakkootti ka’aa jira. Rakkoon garmalee furdachuufi huuqqachuu biyyoota gammoojjii Sahaaraan gadi jiraniif Eeshiyaa baay’inaan miidhaa jira.
Qorannichi akka jedhutti, addunyaarratti daa’immaniif ga’eeyyiin biliyoona 2.3tti dhiyaatan ulfaatina garmalee qabu. Daa’imman miliyoona 150 ta’an immoo guddinni isaanii quucaruutu ibsame. Biyyoonni galii gadaanaaf giddugaleessaa qaban yeroo walfakkaataatti rakkina kanaaf saaxilamuun ba’aa dachaa soorata gahaa dhabuun dhufu kanaaf saaxilamaa jiru.
Kana jechuun uummata biyyooni kun qaban keessaa harki 20 ulfaatina garmaleen rakkatu, daa’imman harki 30 umriin isaaanii afurii gadi ta’e sirnaan hinguddatan, dubartoonni harki 20 ammoo qaqal’oodha. Maatiin, namni dhuunfaafi hawaasni soorata madaalame hinarganne hubamuu danda’a.
Akka qorannichi ibsutti, biyyoota 123 keessaa 45 bara 1990 keessa rakkoo kanaan kan hubaman yemmuu ta’u, biyyoota 126 keessaa 48 immoo bara 2010 keessa dhiibbaa kana jala seenuu ibsa. Bara 2010 booda biyyooni guddataa jiraan 14 rakkina garmalee furdachuu kanaaf saaxilamaniiru. Daa’immaan guddinnisaanii quucaruun soorata qabiyyee barbaachisoo hinqabne soorachuun walqabata.
Qabeenyi Itoophiyaan qabdu inni guddaan humna namaa ta’us, humni namaa biyyattii sababa hanqina nyaataafi rakkoo nyaata madaalamaatiin miidhamaa jiraachuu Daariktarri Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa ni dubbatu.
Humni namaa biyyattiin qabdu dandeettiifi humna gahaa qabatee misooma biyyaatiif akka gumaachuuf rakkoon nyaata madaalamaa furamuu akka qabu kan kaasan Obbo Fiqaaduun, falli qorannoo irratti hundaa’e immoo hedduu barbaachisaa ta’uu ibsu.
Bakka rakkoon qulqullina barnootaa hinfuramnetti waa’een humna namaa ogummaafi dandeettii barbaachisuun horachuu ulfaataadha. Barataan barnoota sadarkaa lammaffaa xumuruun carraa yunivarsitii seenuu yoo dhabe, gara barnoota leenjii teknikaafi ogummaatti akka galu taasifamuunsaa rakkoo namootni hedduu hinhubanne uumaa jiraachuu kan kaasan Obbo Fiqaaduun, waan qabxii seensa yunvarsitii dhabeef osoo hintaane, barnootni teknikaafi ogummaa kun barbaachisaa ta’uusaa amanee fedhiisaatiin akka galu taasisuun barbaachisaadha.
Waa’ee nyaata madaalawaa yemmuu kaasnu waan guddaafi namni dureessa ta’e qofaan argachuu akka danda’utti ilaaluun sirrii miti. Nyaatni madaalamaan maasii qonnaan bulaa tokko keessatti wantuma argamuudha malee waan gatii qaalii ta’een iddoo biraatii bitamu miti.
Biyyoota teknolojiifi dinagdeen guddatan kanneen akka Jarman fa’itti yunivarsitii caalaa kan kabajaa qabuufi barataanis seenee barachuu fedhu dhaabbilee barnoota teknikaafi ogummaa yemmuu ta’u, kunis maddi hojiiwwan kalaqaafi argannoowwan hedduus dhaabbilee kana ta’uu dubbatu.
Giddugalli Qorannoo Afrikaa qorannoo qabeenya humna namaa biyyattiirratti taasiseen, dhimmootni akka qancarummaa, nyaata madaalamaa dhabuufi qulqullinni barnootaa ammas rakkoolee hince’amne ta’uu kan kaasan daariktarri giddugalichaa Viktor Murinde, rakkooleen kunniin immoo Itoophiyaa qofatti osoo hintaane biyyoota Afrikaa hedduutti bal’inaan kan mul’atan ta’uu dubbatu.
Giddugalichi rakkooleen qabeenya humna namaa Afrikaa miidhaa jiran kunniin karaa saayinsaawaa ta’een hojii qorannoorratti hundaa’ee hojjatamuun furmaata akka argataniif kan hojjatuudha.
Walumaagalatti, Itoophiyaa dabalatee biyyoota guddachaa jiran hedduu keessatti waa’ee sirna nyaataafi nyaata madaalawaa osoo hintaane, waa’een nyaatanii buluus gaaffii keessa galaa kan jiru waan ta’eef itti yaadamuu qaba.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017