“Qabeenyi guddaan Itoophiyaa humna namaa ta’us, ogummaa barbaachisu kan horatee miti”- Obbo Fiqaaduu Tsaggaa

Finfinnee: Qabeenyi Itoophiyaan qabdu inni guddaan humna namaa ta’us, humni namaa yeroo ammaa kana biyyattii keessa jiru ogummaafi dandeettii barbaachisu kan horate akka hintaane Daarektarri Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa ibsan.

Humni namaa biyyattiin qabdu leenjiifi ogummaa barbaachisuun akka ijaaramuuf falli qorannoo irratti hundaa’e barbaachisaa ta’uu, sagantaa marii misooma humna namaa dheengadda Giddugala Qorannoo Afrikaa waliin qopheessanirratti dubbataniiru.

Akka ibsasaaniitti; misooma qabeenya humna namaa biyyattii bu’aqabeessa taasisuuf furmaata qorannoofi qo’annoorratti hundaa’e kennuu, argannoowwan saayinsiifi teknolojiitti gargaaramuudhaan rakkoo qulqullina barnootaa biyyattii furuun dhimma ijoodha.

Bakka rakkoon qulqullina barnootaa hinfuramnetti immoo waa’een humna namaa ogummaafi dandeettii barbaachisu horachuu ulfaataadha. Barataan barnoota sadarkaa lammataa xumuru carraa Yuunivarsiitii yoo dhabe gara barnoota leenjii teknikiifi ogummaatti akka galu taasifamuun rakkoo namootni hedduu hinhubanne uumaa jiraachuu kan kaasan Obbo Fiqaaduun, waan qabxii seensa yuunivarsiitii dhabeef osoo hin taane, barnootni teeknikaafi ogummaa kun barbaachisaa ta’uusaa amanee fedhiisaatiin akka galu taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsu.

Biyyoota teknolojiifi dinagdeedhaan guddatan kanneen akka Jarman fa’atti yuunivarsiitiirra kan kabaja qabuufi barataanis seenee barachuu fedhu dhaabbilee barnoota teeknikaafi ogummaa yemmuu ta’u, kunis maddi hojiiwwan kalaqaafi argannoowwan hedduus dhaabbilee leenjii teeknikaafi ogummaa kana ta’uu dubbatu.

Qorannoo giddu gallisaanii qabeenya humna namaa biyyattii irratti taasiseen, dhimmootni akka; qancarummaa, nyaata madaalawaa dhabuufi qulqullinni barnootaa ammas rakkoolee hin ce’amne ta’uu kan kaasan immoo Daarektarri Giddugala Qorannoo Afrikaa Viktor Murindee, rakkooleen kunniin immoo Itoophiyaa qofatti osoo hintaane biyyoota Afrikaa hedduutti bal’inaan kan mul’atan ta’uu dubbatu.

Giddu galichi rakkooleen qabeenya humna namaa Afrikaa miidhaa jiran kunniin karaa saayinsaawaa ta’een hojii qorannoo irratti hundaa’ee hojjatamuun furmaata akka argataniif kan hojjatu ta’uus ibsaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017

Recommended For You