Oromiyaatti Manneen Murtii Aadaa 2350 ol ijaaraman

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti Manneen jaarsoliin keessa taa’anii karaa aadaatiin dhimmoota ilaalan( Gaaddisni Mana Murtii Aadaa) 2350 ol ijaaramee tajaajila kennaa jiraachuu Manni Murtii Waliigala Oromiyaa beeksise.

Pirezidaantiin Mana Murtichaa Obbo Gaazalii Abbaa Simal ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Oromoon mana murtii idilee qofatti osoo hin taane mala aadaatiin haqa walii kennee walirraa fudhata. Aadaan kuni ummata Oromoo bira jaarraa hedduudhaaf turus barootaaf deeggarsa seeraa osoo hin argatin ture.

Hundeeffamni Mana Murtii Aadaa bu’uura heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan qabu ta’uu yaadachiisanii; bu’uura qabduu seeraa kanaan Caffeen Labsii 240/2013 labseen hojiitti seename.

Dhimmootni karaa kana ilaalamaa jiranis yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiru. bara 2014 dhimmootni kuma 50, bara 2015 dhimmootni kuma 150, akkasumas bara 2016 ammoo dhimmootni kuma 486 karaa mana murtii ilaalamaniiru.

Mootummaan akkaataa ummatni mana murtichaa itti deeggarurratti hojmaata mijataa diriirsee jira. Ummatni fedhii achitti haqa argachuuf qaburraa kan ka’e gaaddisa ijaaruufis ta’ee dhimmoota biroorratti hirmaannaa taasisuun aantummaasaa agarsiisaa jira. Waliigalatti, gandoota 6,300 keessatti jaarsoliin filatamanii, labsii ba’e bu’uura godhachuun dhimmoota haqaa ilaalaa jiru.

Akka Aadaa Oromootti, hiikkaan gaa’ilaa waan jajjabeeffamuu waan hin taanef Manni Murtii Aadaa hiikaa gaa’ilaa raawwachiisuu akka hin dandeenye labsichaan dhorkameera. Kanarraan kan hafe namootni dirqamaan osoo hin taane fedhiisaaniitiin dhimmasaanii karaa mana murtii aadaatiin akka ilaalamuuf fedhii yoo qabatan manni murtichaa dhimmoota hunda akka ilaaluuf labsiin ba’e ni deeggara.

Duudhaan Mana Murtii Aadaa seera biyya hambaarraa waraabame osoo hin taane, duudhaa Oromummaa ganamaarra waan maddeef, haalli itti fayyadamasaa haqa barbaaduuf fedhii horachuun alatti dandeettii addaa qabaachuu waan hin gaafanneef itti fayyadamnisaa lammiileef baay’ee kan salphatuudha.

Qajeelfamni haqaa bulchiinsa lafaa kan Ministeera Haqaatiin torbee darbe keessa ifoome, manni murtii aadaa karaa haqa qabeessa ta’een dhimmoota lafaa akka ilaaluuf kan jajjabeessu ta’uu himanii; dhimmoota gara dhaaddacha ijibbaataa dhufan keessaa dhibbantaan 60 dhimmoota qabeenya lafaan wal qabatan ta’uu yaadachiisaniiru.

Murtoowwan murtaa’an mirga namaatti akka hin buuneefi heera mootummaatiin akka walitti hin buuneef jaarsoliif leenjiin kennamaa kan jiru ta’uus Obbo Gaazaliin ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017

Recommended For You