Itoophiyaan eenyuun caalaatti nageenya barbaaddi

Biyyi tokko guddina dinagdee yaadde milkeeffachuuf, lammileen ishee nagaan ba’anii galuuf nageenyi murteessaadha. Keessumaa biyyoonni tattaaffii guddachuu keessa jiran xiyyeeffannaan isaanii inni ijoo nageenya qabaachuudha; yoo nagaan jiraate waa hundi waan jiruuf.

Biyyi waraanarraa buufatte seenaa keessattuu hinjirtu. Waraanni waa baay’een kisaaraadha. Lubbuu namaatu dhuma, qabeenyatu barbadaa’a, maallaqa hedduutu bada, hojii misoomaatu dhaabata. Waan waggaa 50 keessatti ijaarametu guyyaa tokkoon bada. Waan waggaa 50 ittiin ijaaruuf yaadametu halkan tokkoon duwwaatti hafa.

Dargaggoonni hojjetanii biyya jijjiiruu danda’an yeroo hojjechuu qabanitti waraanatti waan hirmaataniif humni omishu hinjiraatu. Kana qofa osoo hintaane lubbuusaanii waan dhabaniif biyyattiin waraana booda humna hojjetee ishee dandamachiisu dhabdi. Daa’imman abdii boruu biyyaa ta’an sababa waraanaatiin ni du’u, qaamaa miidhamu ykn ammoo guddisee malee hafu. Maanguddoonnis bara sooramasaanii rakkatu. Dubartoonnis hiyyummaa hamaaf saaxilamu.

Kanaaf biyyoonni hedduun waraana hinbarbaadan, nageenya garuu cimsanii hawwu. Itoophiyaanis miidhaa waraanaa qabatamaadhaan waan beektuuf eenyuyyuu caalaa nageenya akka barbaaddudha Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) Walga’ii Idileee 3ffaa bara hojii 4ffaa, waggaa 6ffaa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Kamisa darbe taa’erratti kan dubbatan.

Akkasaan jedhanitti, Itoophiyaan waraana gochaadhaan waan beektuuf hinbarbaaddu. Filannoo humnaarra filannoon nageenyaa olaanaadha. Mootummaanis waldhabdeewwan nagaadhaan akka hiikamaniif xiyyeeffannaa kennee hojjeteera. Ammas ejjennoon qabu waldhabdeen kamuu karaa nagaatiin akka hiikamudha. Sababnisaa humni kamiyyuu waraanaafi jibbaan walballeessuu malee kaayyoosaa guuttachuu hindanda’u.

Dhimma kana hundumtuu tasgabbaa’ee irratti yaaduu akka qabu eeranii, qabsoon yaada malee kaffalsiisuu bu’aa akka hinqabneefi gatii guddaa akka nama kanfalchiisu himu. Kanarraa kan ka’e amma Itoophiyaan eenyuyyuu caalaa nageenya akka barbaaddu hubachiisu.

Bakka tokko tokkotti hojiileen misoomaa yeroo kamiyyuu caalaa amma kan hojjetaman ta’uus qaamoleen tokko tokko garuu kun fudhatamuufi didee nageenya yommuu booressaniifi hojii hojjetamu danqan akka mul’atan kaasu. Warra kanas tokkummaadhaan ofirraa qolachuun akka barbaachisu ibsu.

“Ummanni eenyu akka isaaf hojjetu, eenyu akka hinhojjenne bareechee beeka. Kanaaf mootummaan hojii misoomaa eegale cimsee itti fufuu qaba. Murtoo kan laatu ummata waan ta’eef” jedhu.

Walumaagalatti nageenyi waan hundaaf murteessaa ta’uun wal nama hinfalmisiisu. Kun kan ta’ummoo hunduu tokkummaadhaan ilaalcha walfakkaataa qabaatee nageenyaaf yoo hojjete qofa. Kanaaf hawaasni gaaffiin misoomaasaa akka deebi’uuf nageenyasaa tikfachuufi filannoosaa jalqabaa nageenya taasifachuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017

Recommended For You