“Hirmaannaan qaamolee hawaasaafi qooda fudhattootaa hanga amaatti jiru ergama komishinichaa galmaan ga’uuf abdachiisaadha” – Komishinii Marii Biyyaalessaa

Finfinnee: Raawwii marii biyyaalessaa hanga ammaatti gaggeeffameen hirmaannaan hawaasaafi qooda fudhattootaa taasifame ergama komishinichaa galmaan ga’uuf abdachiisaa ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.

Dubbi himaan Komishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, raawwii komishinchaa hanga ammaatti taasifameen hirmaannaan qaamolee hawaasaafi qooda fudhattootaa mul’ate ergama komishinichaa galmaan ga’uuf abdachiisaadha. Hirmaannaan taasifames daandiin kaleessa akka biyyaatti irra dhufameefi haala yeroo ammaa keessa jiramu mariidhaan furmaata kaa’uuf fedhii jiru irraa kan ka’edha. Kana milkeessuufis komishinichi hojiiwwan bal’aa raawwachaa jira.

Akka ibsa isaanitti, komishinichi labsiidhaan hundeeffamee erga hojii keessa galee as ergama ittikenname raawwachuuf dandeettii humna raawwachiisummaa humna namaan guutuu, leenjiifi caasaawwan garagaraa diriirsu raawwateera. Maricha hunda hirmaachisaa taasisuuf hawaasaafi qooda fudhattoota biratti hubannaa umuuf dhaabbilee biyya keessaafi alaa akkasumas miidiyaalee waliin qindoomina umuun hojii bal’aan raawwateera.

Marii gaggeeffamu hunda hirmaachisaafi hammataa taasisuuf calalliin namoota qaamolee hawaasaafi qooda fudhattootaa bakka bu’anii gaggeeffameera. Haaluma kanaan naannoo Amaaraafi Tigiraayirraa kan hafe bulchiisa maagaalota lamaafi naannolee hundaa keessatti calalliin namoota marii irratti hirmaatanii gaggeeffamuun calalliin ajandaa ittifufeera.

Akka sagantaa yeroof (tentative schedule) komishinichaatti, calallii ajandaa naannolee hunda keessatti hanga xumura Onkoloolessaatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himanii, naannolee sadii hafan keessaa Itoophiyaa Kibbaatti yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru torban dhufu xumurama. Marii calallii ajandaa kana Itoophiyaa Kibbaafi Oromiyaatti adeemsisuuf qophiin taasifamaa jira.

Naannoo Amaaraafi Tigiraayitti calalliin namoota marii irratti hirmaataniifi ajandaa marii kan hinjalqabamne ta’uu himanii, hanga tokko haalli mijataan uumamnaan komishinichi naannolee lamaan keessatti hojiisaa adeemsisuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Paartilee siyaasaa hanga ammaatti mariitti hinhirmaatin jiran hirmaachisuuf komishinichi yaalii taasisaa ture akka ittifufu himanii, yaalii haga ammaatti taasifameen paartileen gara marichaa dhufan jiraachuus ibsaniitu.

Qaamoleen hidhatanii bosona jiranis ajandaa isaanii akka dhiyeeffataniif yaaliin garagaraa taasifamaa jiraachuu himanii, yaalichi akka milkaa’uuf qaamolee hidhatan, mootummaa, hawaasa idil addunyaa, paartilee siyaasaafi dhaabbilee amantaa tumsa taasisuu qabu. Qaamolee hidhatanii bosona jiran waliin mari’achuuf balballi komishinichaa hanga dhumaatti banaa ta’uus himaniiru.

Komishinichi waltajjii marii hawaasaa, qorannoowwan garagaraa, dhaabbilee garagaraa, namoota dhuunfaafi diyaaspooraa irraa ajandaa marii walitti qabuun bocee marii biyyaalessaaf dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuus dubbataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017

Recommended For You