Finfinnee: Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Gurmaa’ina mootummaa gandaa diriirsuun tajaajila mootummaa ummatatti dhiyeessuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira. Caasaa haaraan hojiirra oolaa jiru kun kenna tajaajilaa fooyyessuu, nageenya waaressuu, bulchiinsa gaariifi haqa waloo mirkaneessuufi mootummaa cimaa ijaaruufi hawaasni tajaajila si’ataa, ammayyaa’aafi qaqqabamaa dhiyeenyatti akka argatu taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabbu ta’uun himameera.
Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamaaggama raawwii hojii kurmaana tokkoffaa bara 2017 torban darbe Adaamaatti adeemsifamerratti akka jedhanitti, gurmaa’inni mootummaa gandaa ummanni tajaajila mootummaan kennu dhiyeenyatti akka argatu taasisuun mootummaafi paartii cimaa ijaaruuf gargaara. Gurmaa’insichaan gandarratti caasaan mootummaa cimaan akka uumamuuf tarkaanfiin fudhatamuus eeraniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Damee Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa akka jedhanitti, gurmaa’insi mootummaa gandaa walittidhufeenya ummataafi paartii guddisuu keessatti gahee guddaa taphataa jira. Gurmaa’insichi tajaajila mootummaa ummatatti dhiyeessuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jira.
Jiraattonni Godina Shawaa Lixaa akka jedhanitti, gurmaa’insi mootummaa gandaa haaraan hojiirra oolaa jiru kun kenna tajaajilaa fooyyessuun hawaasni tajaajila si’ataa dhiyeenyatti akka argatu taasisaa jira. Hawaasni kanaan dura tajaajila argachuuf karaa dheeraa deemaa ture yeroo ammaa dhiyeenyatti tajaajila barbaadu argachaa jiraachuu Odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa arganne ni ibsa.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017