- Ji’oottan sadan darbanitti boba’aan qarshii biliyoona 35.7 hirphameera
- Daballii mindaaf qarshii biliyoonni 91 ramadame
Finfinnee: Fooyyessi dinagdee gooroo bayyanachuu dinagdee Itoophiyaaf bu’uura kan kaa’u ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irratti ibsan. Gaaffilee minseensotni mana marichaa yaa’iicha irratti kaasaniif deebii kennaniiru.
Deebii isaanii keessattis, bu’aa fooyyessi dinagdee gooroo dinagdee biyyaa keessatti fideefi dhimmoota dippilomaasiin walqabatan irratti ibsa bal’aa kennaniiru.
Akka ibsa isaaniitti, fooyyessi dinagdee gooroo Baankii Biyyaalessaa diigamuu irraa oolcheera. Yeroo ammaa kana qabeenya baankota olkaa’ame (kaappitaala) qarshii tiriliyoona 3.5irra akka ga’u taasiseera. Ji’oottan sadii darban keessatti gurgurtaa warqee (Gold) irraa galiin doolaara miliyoona 500fi bittaa boba’aaf hirphi biliyoonni 35.7 taasifamuu eeranii, bara bajataa kanatti gurgurtaa bunaa irraa galii doolaarri miliyoona lama akka eegamu ibsaniiru.
“Badhaadhinni hiyyummaa jibba malee hiyyeessa akka hinjibbine hojii hojjetamaa jiruun qabatamaatti agarsiisfamaa jira. Akka biyyaatti bittaa xiyyaara 124 Itoophiyaan ajajjee jirtu, waggoottan darban keessatti abbootii qabenyaa waliin ta’uun manneen jireenyaa kuma 249 lammiilee galii gad aanaa qabanii dabarfamuu bu’aa qabatamaatti galmaa’eedha” jedhu.
Bara bajataa kanatti guddina dinagdee % 8.4 galmeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himanii, riifoormiiwwan dinagdee sektaroota garagaraatti gaafa hojiirra oolan bara seenessa kaleessaa baanee guddina dinagdee galmaa’ee hinbeekne kan itti arguu eegaluudha jedhaniiru.
Haaluma walfakkaatuun nageenyiifi tokkummaan keessoo dippilomaasii biyyaaf shoora olaanaa akka qabu deebii isaanii keessatti kaasaniiru. Akka biyyaatti garee kamiifuu aantuummaa utuu hinqabaatiin qajeelfama kennanii fudhachuun fayyadamuudhaan bu’aa biyyaa kabachiifsuuf akka hojjetan ibsaniiru. Biyyoota Dhiyaafi Bahaa waliiin ta’uudhaan biyyaa ijaaruuf akka hojjetamuufi walittidhufeenya gaarii malee kan Itoophiyaatti bu’uu barbaadu yoo jiraate salphisnee deebisuuf ga’umsi jira jedhaniiru.
Itoophiyaan ulaa galaanaa karaa nagaa akka argattuuf akka hojjetamu himanii; dhaloota amma jiruun ykn dhaloota ittaanuun milkaa’a malee waan hafu miti jedhaniiru. Kanaafis, biyyoota hunda waliin hariiroo fayyabuleessa qabna jedhu.
Jijjiirama qabatamaa fiduuf humnaan deemuun filannoo akka hintaaneefi filannoon hundaa caalu daandii nageenyaa ta’uu himanii, lammiileen biyya keessaafi alaa hundi kana hubachuun barbaachisaa ta’uu eeru. Humnoota naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessa socho’an waliin dubbachuun akka eegalame ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017