Godina Shawaa Lixaa iddoo addaa Asgoriitti dhalatee, daa’imummaasaatti abbaansaa hundeessaafi miseensa Waldaa Maccaafi Tuulamaa waan turaniif hiriyyootaasaanii waliin ajjeefamanii, mannisaaniis waan dhaalameef haatisaa ilmaan ishee 18 fudhattee Finfinneetti baqachuuf dirqamte. Innis mucaa dhumaa yoo ta’u, barumsasaa sadarkaa tokkooffaa Mana Barumsaa Yakkaatiit 23tti, sadarkaa lammaffaa ammoo Mana Barumsaa Addis Katamaatti barate. Sadarkaa olaanaa, kolleejjis Komeersitti xumure; isaa booda gara Biyya Ameerikaa deemuun akaakuu barnootaa garagaraa barateera, Artisti Yaaddessaa Zawugaa Booji’aa.
Maatii jireenya gaarii qaban irraa dhalatuus rakkoo abbaasaarra qaqqabeen rakkinaaf barachuuf kan saaxilame yoo ta’u, kun garuu jireenyisaa sadarkaa kana akka qaqqabuuf bu’uura waan isaaf ta’eef akka carraa badaatti akka hin ilaalledha gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin dhiheenya taasiseen kan himu. Keessumaa Finfinnee naannawaa Massaalamiyaa jedhamutti guddachuusaatiin jireenya namootaa akka baruufi sadarkaa jireenyaa akka ittiin hubate kaasa.
Yeroo sanatti Oromoo ta’uun karaa beekamuunis ta’e hinbeekamneen dhiibbaa kan namarraan ga’u ta’uufi innis sababa maqaasaatiin dhiibbaan hinmul’anne irra ga’aa turuu yaadatee, ta’uus inni nama mirgasaa falmachuufi eenyuummaasaa kabachiifachuuf hinxiqqaannee waan tureef waan cimaan irra ga’e akka hinjirre yaadata.
Jireenya aartii keessa kan seene ijoollummaadhumaan yoo ta’u, hojiilee qarshii argamsiisaniif muraasa hojjetaa turus kennaa isaa kana barnootaan deeggaruu akka hindandeenye kaasa. Erga gara Ameerikaa deemee garuu kallattiidhaan barnoota kennaa isaa cimsuuf barachuun hojiiwwan aartii faayinii (ofiif)fi komershaal (daldalaaf) jedhamuun beekaman addaddaa hojjechuusaa kaasa.
Artisti Yaaddessaan, Ameerikaa keessatti manneen nyaataa baay’eedhaaf fakkii kaaseera, dhaabbilee addaddaaf ammoo asxaafi biraandiinggii hojjetareef. Kana malees moosaajiiwwan uumuurrattis hojiiwwan addaddaa hojjeteera.
Hojiilee guguddoo inni hojjete keessaa inni ijooniifi beekamtii argamsiiseef aasxaa Gamtaa Afrikaa inni hojjete yoo ta’u, namoota 130 keessaa dorgomee mo’achuusaa kaasa. Hojii kana hojjechuusaatiin miirri nan danda’a jedhuu keessasaatti uumamuu dubbata. Daa’imni baadiyyaatti dhalatee, rakkinana guddate tokko yoo jabaatee hojjete hojii sadarkaa idil addunyaatti beekamu hojjechuu akka danda’u hubachuusaa kaasa.
Fuulduratti ijoollee kennaa fakkii kaasuu qaban deeggaruuf fedha olaanaa akka qabuufi mootummaa Oromiyaa wajjiin ta’uunis haala itti barsiisuun danda’amurratti mari’achuusaa kaase. Inni dhuunfaasaatti beekumsa hedduu damichatti waan horateef ijoollee carraa hinarganne leenjisuuf fedha olaanaa waan qabuuf yaalii taasisaa jiraachuufi giddugala banee wantoota biyya kanatti hinargamne, inni achii argate qooduuf yaaduu hima; kunis waan nama tokkoon qofa fiixaan ba’u waan hintaaneef deeggarsa qaamolee addaddaa gaafata.
Artisti Yaaddessaan Ayyaana Irreechaa dhuma ji’a Fulbaanaa kabajamerratti, waamicha Pirezidaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hawaasa diyaaspooraaf taasisan fudhachuun kan dhufe yoo ta’u, ayyaana Oromiyaatti kabajamu kanarrattis yeroo jalqabaaf hirmaachuusaa kaasa. Kana dura Ameerikaatti hirmaachaa turuufi fakkiiwwaniifi sirba Irreecharratti xiyyeeffate qabaachuusaa hima. Keessumaa muuziqaan isaa Irreecha bara 2009 irratti xiyyeeffachuun shamarreen nagaan irreeffachuuf Amboodhaa baate tokko akkamiin rakkoo yeroo sana uumameen lubbuushee akka dhabdee irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, dambaliiwwan raadiyoo Ameerikaa hedduu keessatti akka dhaga’amuu hima.
Muuziqaa kan jalqabes ijoollummaasaatti yoo ta’u, daa’ima waggaa shanii ta’ee sirba obboleessisaa barreesse tokko Afaan Oromoodhaan sirbuusaa eeree, namni fira dhihoo ta’e tokko isa argee yoo muuziqaatti gore barnootasaa dadhaba jedhanii maatii amansiisuun isa dhaabsisu hima. Erga gara Ameerikaa deemee garuu garee muuziqaa tokko wajjiin waggoota ja’aa oliif hojjechuusaafi albamii tokko Afaan Ingiliffaa 11fi Afaan Amaaraan tokko qabu baasuusaa kaasa. Sirbi tokkichi Afaan Amaaraa ta’uus Oromummaan kan keessatti calaqqisuu ta’uufi kunis eenyummaasaa irrattii dhiibbaa tokkollee akka hinfidne hima.
“Irreechi sadarkaa har’a ga’eerra akka qaqqabuuf aarsaan olaanaa itti kanfalameera. Wanti aarsaan itti kanfalame kun ammoo sadarkaa nama ajaa’ibsiisuun guddateefi balatee haala miidhagaa akkanaan yommuu kabajamu arguun daran nama gammachiisa. Kanas caalaatti hojii aartiitiin ibsuuf galtee hedduu irraa argadheera. Miidhaginni ayyaanichaa daran dabalaa bakkeewwan hedduuttis akka kabajamuuf waan narraa eegamuu taasisuuf qophaa’eera” jedha.
Sirboota Afaan Oromoos sadii kan qabu yoo ta’u, dhiheenyas waana Irreecharraa arge fakkiifi muuziqaadhaan ibsuuf yaada qabaachuu eeree, bakkeewwan addaddaa Komishinii Turizimii Oromiyaa waliin ta’uun daawwates fuula miidiyaa hawaasaa isaarrattis giraafiksiiwwan garagaraa fayyadamuun hojii beeksisuu hojjechaa jiraachuufi kan itti fufu ta’uu hima.
Erga biyyaa ba’e waggoota 22 kan lakkofsise Artisti Yaaddeessaan yeroo sadiif gara biyyaa dhufuusaafi waggoota shanii as gara Itoophiyaa dhufee akka hinbeekne himee, jijjiirama Magaalaa Finfinneetti arge daran dinqamuusaa dubbata. Waan hundi jijjiirameefi bareedee arguusaatti gammaduus ni ibsa.
Hojii kanas hawaasni diyaaspooraa akka hubatuuf yoomuu waan irraa eegamu akka ba’atu kaasee, namni waan arge dubbachuu amaleeffachuu akka qabu hima. Kana jechuunis waan gaarii hojjetamees, hanqina jiruus dabalatee jechuudha. Akka warri adii jedhanitti, omileetii hojjechuuf hanqaaquuwwan cabuu qabu; yommuu jijjiramni akkanaa dhufe wantoota baay’eetti bubu’uu danda’a waan ta’eef ilaaluu kan qabnu bu’aa boodarraa dhufu ta’uu akka qabu gorsa.
“Misoomni akkanaa yommuu hojjetamu wantoonni baduufi dhabamsiifamuu qaban jiru. Balfiiwwan addaddaa fakkii magaalitti balleessan baduun dirqama. Ijaarsiwwan manneen sadarkaa magaalittii wajjiin hindeemnees ni diigamu. Kanas namoota manni jalaa diigameef mana kennaa, kanneen beenyaan kanfalamuufi qabuuf kanfaltiin yommuu raawwatamu argeera. Ta’uus namoonni tokko tokko hojii guddaa hojjetamu dhiisanii waa’ee diigamuu kan haasa’an jiru. Kun jijjiiramuu qaba. Ani waanin arge hunda namootatti nan hima” jedha.
Akka dhuunfaatti dhuguma hojjechuun akka danda’amu, hamma har’aattis kan turame hojjechuun dadhabamee osoo hintaane sodaadhaan hojjetamuu dhabuu hubachuusaa hima. Wanti hojjetamaa jiru garuu nama hunda kan gammachiisuufi fuulduree magaalittii fagootti agarsiisuu kan danda’u ta’uusaatiin daran itti gammaduu ibsa.
Keessumaa hawaasni diyaaspooraa utuu dhufanii hinilaaliin waanuma miidiyaa hawaasaarratti argan qofa fudhachuun akka wanti hojjetamu sirrii hintaanetti fudhatan jiraachuu kan himu Artisti Yaaddeessaan, inni dhuunfaasaatiin kun akka hubatamuuf feesbuukiisaarratti waan arge akka maxxansuufi namoonni baay’ees akka hordofan dubbata. Namoonni muraasni ammoo kan arrabsan jiraachuu eeree, namoonni ilaalcha gaarii qabaachuu qabu jedhee akka amanu ibsa.
“Ilaalchi siyaasaafi biyyi addadda baafamanii ilaalamuu qabu. Paartiin siyaasaa ni jijjijjiirama, biyyi garuu akkas miti. Diyaaspooraan biyyaa fira dhihoo hinqabne hinjiru. Biyya ofii xiqqeessanii biyya ormaa jaallatanii jajuun anaan na quuqa. Jechoonni rasaasaa olitti nama miidhu, na summeessu. Kanaaf hundi keenya kana yaadaa sammuu qulqulluu qabaannee biyya keenya jaalachuufi akka guddattu utubuu qabna. Ani ijoolleeenkoo lamaaniifi haati manaakoo illee yaada akkanaa akka qabaataniifin tattaafadha” jedha.
Kanaaf yommuu biyyi karaa addaddaan diyaaspooraaf waamicha taasiftu irratti hirmaachuun akka barbaachisu eeree, kanarratti garuu hanqinni kominikeeshinii akka jiru kaasa. Ergaan darbu sirriitti nama ergaan darbuuf sana bira akka ga’uuf xiyyeeffannaadhaan hojjetamuu akka qabuufi kana ammoo deeggaruuf fedha akka qabu dubbata.
Akka waliigalaatti jalqabiiwwan hojii biyyattii keessa jiran jajjabeessoofi deeggarsa nama hundaa kan barbaadan waan ta’eef namni hundi bakka jirutti ittigaafatama isaa ba’achuu qaba. Itoophiyaa jijjiiruu yoo barbaanne kadhachaa osoo hintaane hojjechaa ta’uu qaba jedha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017