Daandiin injifannoo olompikii gootichi Irreessaa Abbabaa Biqilaan saaqame hanga ammaatti itti fufeera

– Yoomiif Qajeelchaafi Hawwii Fayisaa mo’atan

Atileetonni Itoophiyaa dirreewwan atileetiksii irratti hirmaatan hundattiyyuu meedaaliyaa malee galanii hinbeekan. Daandiin injifannoo olompikii gootichi Olompikii Irreessaa Abbabaa Biqilaa ALA bara 1960 Roomitti saaqee hanga ammaatti ittifufeera.

Atileetonni Itoophiyaa dirreewwan olompikii Tokiyoo, Meeksiikoo, Munik, Mooskoo, Baarseeloonaa, Atilaantaa, Sidiinii, Ateensi, Beejiingi, Landan, Riiyoo, Tokiyoofi Paarisitti olaantummaa gonfatanii seenaa hindagatamne galmeessaniiru.

Shaampiyoonaawwan atileetiksii mana keessaafi dirreewwan adda addaarratti adeemsifamanittis atileetonni Itoophiyaa seenaan qaban olaanaadha.

Akkasumas qabxiin atileetonni Itoophiyaa tuutanis ta’u dhuunfaadhaan dorgommiiwwan qaxxaamura biyyoolessaarratti ALA bara 1973 irraa kaasanii galmeessisaa turan akka salphaatti kan ilaalamuu miti.

Atileetonni Itoophiyaa dirreewwan atileetiksii irratti hirmaatanitti injifachuun ala yeroo yeroon riikardii foyeessuudhaan maqaa gaarii galmeesisaa turuufi ammas galmeessisaa jiraachuudhaan beekamu.

Atileetonni Itoophiyaa dorgommii maaraatooniifi walakkaa maaraatoonii tibbana magaalota biyyoota adda addaatti adeemsifamerrattis koorniyaa lamaaniin rikardii adunyaa fooyyessuudhaan injifannoo dachaa gonfataniiru.

Fiigicha maaraatoonii torban darbe Jarman, Magaalaa Firaankifartitti dubartoota jiddutti adeemsifametti atileeti Hawwii Fayyisaa sa’aatii 2:17.25 xumuruun rikardii foyyeessuun mo’atteetti. Atileeti Shakkoo Galmoo ammoo sa’aatii 2:22.37n xumuruun sadaffaa yoo taatu, atileetiin Keeniyaa Maagidiliin Masaay sa’aatii 2:18.58n xumuruun lammaffaa baateetti.

Fiigicha walakkaa maaraatonii Ispeen Vaaleenshiyaatti dhiirota jidduutti gaggeeffameen atileetiin beekamaa Itoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa daqiiqaa 57:30n xumuruun rikardii addunyaa fooyyessuun injifateera.

Atileet Yoomiif riikardii fageenyichaa kanaan dura atileetii Ugaandaa Jaakob Kiipilimoodhaa qabamee ture sakandii tokkoon fooyyessuun badhaasa dolaaraafi meedaaliyaa warqii argateera.

Fiigicha meetira kuma kudhaniifi kuma shaniin kan beekamu atileet Yoomiif Olompikii Paariisii as fuulasaa gara walakkaa maaraatoonitti deebisuun yeroo gabaabaa keessatti rikordii addunyaa harkatti galfachuu danda’eera.

Dorgommicharratti atileetonni Keeniyaa Maatikaa Dani’eel daqiiqaa 58:17n, Kiipikoch Assalii ammoo daqiiqaa 58:21n xumuruun lammaffaafi sadaffaa ba’uun meedaaliyaa meetiifi nahaasa badhaafamaniiru.

Dorgommii dubartoota jidduutti adeemsifameen ammoo atileetiin Itoophiyaa Tiggee Gabrasalaamaa sa’aatii 1:05.41n xumuruun lammaffaa baateetti.

Atileetonni Itoophiyaa waggoota dheeraadhaaf atileetota urjii addunyaa ta’uun badhaasa Waldaan Atileetiksii Addunyaa qopheesu badhaafamaa turunsaanii ni yaadatama.

Waldichi baranas atileetota urjii addunyaa bara 2024 badhaasuuf qophiirratti argama. Haaluma kanaan atileetonni Itoophiyaa dhiiraan Taammiraat Tolaafi Yoomiif Qajeelchaa, dubaraan ammoo Tigisti Katamaafi Suutumee Assafaa badhaasichaaf kaadhimamaniiru.

Atileetonni Itoophiyaa badhaasa kanaaf kan kaadhimaman Taammiraat Tolaa, olompikii Paariis 2024 adeemsifame maaraatooniidhaan shaampiyoona yoo ta’u, Yoomiif Qajeelchaa ammoo fiigicha kuma shaniifi kuma kudhanii bara 2024, akkasumas riikardii walakkaa maaraatoonii harkatti galfachusaatini.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017

Recommended For You