Barana Nooraan kuntaala kuma 800 qonnaan bultoota bira ni gaha

Gudar: Barana Nooraa kuntaala kuma 800 ta’u omishuudhaan qonnaan bultoota laftisaanii rakkoo asiidummaaf saaxilameef raabsuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Waggoota shanan darbanitti lafa dulloome deebisanii faayidaaf oolchuuf hojiin Nooraa omishuudhaan fayyadamtoota biraan gahuu bal’inaan hojjatamaa turuu biirichatti ittaanaan damee qabeenya uumamaa Obbo Eliyaas Kadir dubbataniiru.

Yeroo ammaa warshaan Nooraa omishu maashinoota jaha fayyadamuudhaan naannichatti lafa sababa dulloomuutiin aasiidummaa biyyootiif saaxilame deebisanii bayyanachiisuuf sochii taasifamu tumsaa jiraachuu himanii, maashinootni Warshaa Nooraa Gudar keessatti argaman kunniin akka biyyaattis muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu ibsu.

Akka ibsa Obbo Eliyaasitti, lafa naannoo Oromiyaa keessaa lafti dulloomee biyyoonsaa aasidawaa ta’e hektaara miiliyoona 2.3 yoo ta’u, rakkoon asiidummaa lafaa kun godinaalee naannichaa 15 ta’an keessatti ni mul’atu.

Lafa sababa biyyoo asiidawaatiin osoo omisha hinkennine waggoota saddeetii ol ture Nooraa fayyadamuun yeroo ammaa omisha gaarii argachaa jiraachuu dubbatu qonnaan bultootni Godina Shawaa Lixaa.

Laftisaanii waggoota hedduuf sababa dulloomuutiin osoo hinqotamin turuu kan himan godinichatti jiraataa Aanaa Walmaraa kan ta’an Obbo Geetuu Badhaasaa, yeroo ammaa garuu Nooraa ogeeyyotni qonnaa isaanitti agarsiisan fayyadamuudhaan garbuu omishaa jiraachuu dubbatu

Hoggantootniifi ogeeyyotni seektara qonnaa sadarkaa federaalaa hanga godinaatti jiran dheengadda Warshaa Nooraa Gudaritti argamuufi omisha qonnaa godina Shawaa Lixaatti argamu daaw’ataniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017

Recommended For You