Finfinnee: Godina Arsii Lixaatti bara omishaa 2016/2017 lafa hektaara kuma 150 sanyii garbuu biqilaatiin uwwisuuf karoorfamee lafa hektaara kuma 175 sanyiichaan uwwisuun kan danda’ame ta’uu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise.
Ittigaafatamaa Ittaanaan waajjirichaa Obbo Ibsaa Gammadaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaaf akka ibsanitti, godinichi garbuu biqilaa omishuuf kan oolu potenshaala guddaa qabaatus, waggoota sadii dura omishni potenshaala jiru waliin wal madaalu omishamaa hin turre.
Haata’umalee, biqilaa bittaa sharafa alaa guddaan biyya alaarraa gala ture biyya keessatti omishnee bakka buusuuf kaka’umsa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin Inisheetiviin omisha garbuu biqilaa jalqabameen hojiitti galame.
Inisheetiviin kun erga jalqabee booda omishtummaa dabaluuf duula adda addaa kanneen akka duula lafa qopheessuu, ilbiisota farra midhaanii balleessuufi duula kunuunsa midhaanii gaggeessuun bifa adda ta’een hogganuun, hojiin omishaas kilaastaraan akka gaggeeffamu gochuun hojjetamaa jiras jedhaniiru.
Godinichis inisheetivicha galmaan gahuuf baay’ina, qulqullinaafi ariitii barbaachisuun omishuuf deegggarsa paakejii guutuun deeggarametti fayyadamuun omishuu jalqabuun hangaafi qulqullina omishichaa waggaadhaa gara waggaatti guddisaa jira.
Bara darbe garbuun biqilaa lafa hektaara kuma 125 irratti kan oomishame ta’uu himanii, bara kana kan bara darbeerratti hektaara kuma 50 dabaluun hojii hojjetamaa jiruun callaa kuntaala miliyoona saddeet argachuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Karaa bittinnaa’een hojjechuurra qonnaan bultoota naannawaa tokko jiran walitti fiduun akaakuu sanyii walfakkaataa yeroo walfakkaataatti akka facaasan gochuun omishtummaa dabaluu keessatti gahee olaanaa qaba jedhanii; lafa sanyiin uwwifame kana keessaa dhibbantaan 85 kilaastaraan kan qotameedha jedhaniiru.
Torbee muraasa booda sassaabbiin omisha kanaa kan eegalamu ta’uu himanii, qisaasummaa omishaa hambisuuf kombaayinaraaan fayyadamuuf abbootii kombaayinaraa waliin mariin taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Rakkoo gabaa ture hambisuufis omishicha harka faddaala seeraan alaatii baasuun qonna kontiraataatiin qonnaan bultootaafi investaroota omishicharratti bobba’an warshaa biqilaa Asallaa waliin walitti hidhuun warshichis deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Akkaataa agro-Ikilojiitiin akaakuu sanyii barbaachisuu dhiyeessuu danda’uuni, xaa’oo gahaa dhiyeessuu danda’uun cimina adeemsa omisha kana keessatti mul’ate ta’uu himanii; roobni yeroo ammaa iddoowwan omishni gahetti roobaa jiru ammoo omishichaaf yaaddoodha jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017