Finfinnee: Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad yaa’ii biyyoota miseensota ‘BRICS+’ maddiitti dura bu’oota biyyoota adda addaa waliin dhimmoota gara garaarratti mari’ataniiru.
Kanas waltajjiin ‘BRICS+’ walta’iinsa dinagdee bal’aaf akka hojjennu karra baneera jechuun Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.
Doktar Abiyyi gama miidiyaa hawaasummaasaaniin, waltajjii gamlameen marii bal’aa taasifameef Pirezidaanti Vilaadmiir Putiiniin nan galateeffadha jedhan.
Seenaan Itoophiyaafi Raashiyaa yoo ilaalame hariiroon biyyoota lameenii dagaagaa ittifufeera. Waltajjiin waloo ‘BRICS+’s walta’iinsa dinagdee bal’aaf akka hojjennu karra baneera jechuun ibsaniiru.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gamasaaniin, daldalli Raashiyaafi Itoophiyaa gidduutti taasifamu dabalaa jiraachuu ibsaniiru.
Doktar Abiyyi Ahmadiifi Vilaadmiir Putiin yaa’ii 16ffaa ‘BRICS+’ Raashiyaa, Kaazaanitti gaggeeffamerratti waliin mari’ataniiru. Maricharratti Doktar Abiyyi simannaa Vilaadmiir Putiin taasisaniifiif galateeffataniiru. Raashiyaan waraana keessa taatus cimina dinagdee ittifufsiisuun milkooftuu ta’uushiis dinqisiifataniiru.
Itoophiyaan Raashiyaa waliin hariiroo waloo dameewwan dinagdee, dippiloomaasiifi nageenyaarratti qaban cimsuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.
Pirezidaanti Putiinis Itoophiyaan miseensa biyyoota ‘BRICS+’ ta’uun tarkaanfii murteessa ta’uufi fudhatamummaan biyyattiin waltajjiiwwan idiladdunyaarratti qabdu dabalaa dhufuu dubbataniiru. Hariiroon misiyoonota dippiloomaasummaa biyyoota lameen gidduus fooyya’aa dhufuu himaniiru.
Yeroo ammaas hariiroon daldalaa Itoophiyaafi Raashiyaa gidduu dabalaa dhufuu kaasanii, biyyisaanii dameewan indastiriin tumsa qabdu cimsuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.
Oduudhuma walqabateen Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Pirezidaantii Emereetota Araba Gamtoomanii Mahaammad Zaayid Alnahiyan waliin mari’ataniiru.
Doktar Abiyyi ergaa karaa miidiyaa hawaasaasaanii dabarsaniin, “Yaa’iin ‘BRICS’ obboleessa koo pirezidaantii Emereetota Araba Gamtoomanii Mahaammad Zaayid Alnahiyaan waliin carraa walarguufi waliin mari’achuu nuu uumeera” jedhuun ibsaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliinis dhimmoota gamlameefi zoonawaarratti mari’ataniiru. Pirezidaantii Siiriil Raamaafoosaa waliin yaa’ii ‘BRICS+’ irratti walarginee dhimmoota gamlameefi qaxanaarratti mari’achuuf carraa gaarii arganneerra jedhan.
Doktar Abiyyi Ahmad pirezidaantii Iraan Mas’ud Pejshiikaan waliinis mari’ataniiru. Pirezidaantii Mas’ud Pejshiikaan waliin dhimmoota gamlameefi zoonawaarratti mari’adheera jedhan.
Itoophiyaan haala muddamni jiddugaleessa bahaa ittitasgabbaa’urratti deeggarsa taasisuuf qophii ta’uushee ibsuusaanii ministirri muummeen eeraniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad yaa’ii 16ffaa ‘BIRCS+’ irratti mataduree, “Hariiroo damdaneessa cimaa misoomaafi nageenya madaalawaa addunyaaf” jedhuun haasaa taasisuunsaanii ni yaadatama.
Itoophiyaan ALA bara 2023 biyyoota gara BRICS+tti akka makamaniif affeeraman keessaa tokko ta’uunshees nibeekama.
Doktar Abiyyi Ahmadiifi Giiftiduree Zinnaash Taayyaachoon turtii yaa’ii ‘BRICS’+ irratti taasisan xumuruun jilasaanii ministirootaa waliin daaw’annaa hojiif kaleessa gara Maaleezhiyaa, Magaalaa Kuwaalaalaampuur qajeelaniiru.
Daaw’annaa biyyattiitti taasifameenis dureeyyonni Maaleezhiyaa Itoophiyaatti hojii invastimantiirratti bobba’uu akka barbaadan beeksisan.
Jilli Itoophiyaa gara Maalezhiyaa dhaqe hawaasa daldalaa Maaleezhiyaa waliin mari’ateera. Jilli kun filannoowwan hojii invastimantii Itoophiyaa keessa jirurratti hawaasa daldalaa marii kanarratti argamaniif ibseera.
Keessumaa damee manufaakchariingii, agroopiroosesinigii, faarmaasiyutikaal, tekistaayiliifi garmentii, albuudaafi ijaarsaarratti dureeyyonni Maaleezhiyaa hojii invastimantii akka hojjetan waamicha taasiseefiira.
Miseensonni hawaasa daldalaa Maaleezhiyaa gamasaaniin Itoophiyaatti hojii invastimantii hojjechuuf dursa daaw’annaa dursaa kan taasisu jila invastimantii gara Itoophiyaatti ni ergina jechuusaanii odeeffannoon Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwaniirraa aragame ni mul’isa.
Riippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017