
Karoorri hojii bara bajataa 2017 qabamee erga hojiitti seenamee guyyoonni 100 darbaniiru; kunis kurmaana jalqabaa kan qabatuudha. Seektaroonni sadarkaa sadarkaan jiranis raawwii karoora kurmaana tokkoffaa qorataa kan jiran yoo ta’u, torban darbes waajjiraaleen ministeeraafi ittiwaamamtoonnisaanii walittiqabummaa Ministira Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD)n raawwii hojiisaanii qorataniiru.
Akka isaan jedhanitti, qorannoon hojii guyyoota 100 kurmaana waggaa jalqabaa dameewwan garagaraatiin guddinni olaanaan galmaa’uu agarsiiseera. Haa ta’u malee kallattiin guddinaa argame hojiin caalu fuulduratti akka eegamu agarsiisa. Hojiin jijjiiramaa dhaabbataafi siiviil sarvisii hojiirra oolaa ture tattaaffii guddina biyyattii deeggaruurratti argamu.
Dameen tajaajila ummataa aadaa haaraa gahoomsuun akka guddisuufi warri kaanis milkaa’uu akka danda’an akka deeggaruufis fuula miidiyaa hawaasummaasaaniirratti dhaamsa dabarsaniiru.
Ministirri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii dhimma kana ilaalchisuun yaada dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, raawwiin hojii seektarootaa torban darbe bakka Ministirri Muummeen argamanitti qoratame bara bajataa 2017tti ciminoonni hedduu kan itti galmaa’an ta’uu adda baafamuu himu. Keessumaa dhiibbaawwan dinagdee biyya keessaafi akka idiladdunyaatti mudatan dandamachuun dinagdeen biyyattii guddachaa jiraachuu qoratamuus ni eeru.
Dinagdeen biyyattii dhibbantaa 8.4 guddateera jedhamee yommuu qoratamus hojiilee hojjetaman hunda itti dabaluun osoo hintaane kanneen ijoodha jedhaman qofa madaaluun ta’uu himanii, kanaafis isa biyyattiin ragaa ofii baaturra darbee dhaabbileen biyyoolessaa guddina caalmaa galmeessisuu Itoophiyaaf ragaa akka ba’an ibsu.
Guddinni biyyattiin galmeessisaa jirtu kan yeroo tokko mul’atee badu osoo hintaane kan ittifufiinsa qabu ta’uu kan himan Aadde Caaltuun, kanaaf immoo hojiin caalu akka eegamu adda baafamuu dubbatu. Riifoormiin dinagdee maakroo Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif hojiirra oolchite ulaan dinagdee biyyattii cufaa ture kan baneefi biyyoota addunyaa waliin hojjechuuf haala mijataa uumuufii kaasu.
Akka waliigalaatti hojiin fooyyessa dinagdee gooroo waliin walqabatee hojjetame seenaqabeessaafi yoomillee kan dagatamu akka hintaane himanii; murtoo Paartiin Badhaadhinaa Itoophiyaa har’a guddina dinagdee, teknolojiifi dameewwan addaddaatiin sadarkaa biyyoota addunyaa wajjin walitti dhufanii, walii kennanii fudhachuurra qaqqabsiisuu ibsu.
Akka waliigalaatti fooyyessa dinagdee gooroo taasifame seeraan alummaa to’achuu keessattillee ga’ee olaanaa qaba. fooyyessichi kurmaana jalqabaatti raawwii dinagdee fooyya’aa akka argamsiise immoo kan ibsan Ministira Karooraafi Misoomaa Fitsuum Asaffaa (PhD) yoo ta’an, isaanis bara bajataa qabametti guddina dinagdee dhibbantaa 8.4 galmeessisuuf karoorfamuu dubbatu. Riifoormichis guyyoota 100 jalqabaa bara 2017 keessatti hojiirra oole raawwii dinagdee abdachiisaa akka argamsiiseefi kunis guddinni karoorfame akka galmaa’u kan akeeku ta’uu eeraniiru.
Keessattuu daldala alergii, galii mootummaa, invastimantii kallattiin alaafi maallaqa biyya alaa argachuurratti raawwiin fooyya’aa galmaa’uu himanii, gama daldala alergiitiin keessumaa daldala warqiirratti hojiin daran milkaa’aa ta’e hojjetamuu dubbatu.
Fakkeenyaaf bara bajataa 2016tti warqiin Baankii Biyyaalessaa seene toonii afur qofa turuu ministirittiin yaadachiisanii; bara bajataa kanatti ji’oota sadan jalqabaatti qofa warqii tooniin torba Baankii Biyyaalessaa seenuu himu. Kunis Fooyyessa Dinagdee Gooroo yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama hangamii akka fide kan agarsiisu ta’uu ibsu.
Ministirri Maallaqaa Obbo Ahmad Shidee gamasaaniin, riifoormiin dinagdee kun dursee karoorfamee hojiirra kan oole waan ta’eef milkaa’uu eeranii, keessattuu gama kanaan qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojiin hojjetame barbaachisaa ta’uu ibsu.
Gama biraatiin, yeroo ammaa kana safartuun sharafa alaa gabaa walfakkaatuufi baankota gidduu jiru daran walitti dhihoo ta’uu himanii, raaawwiin waliigalaa ji’oota sadan darbanii guddinni dinagdee kan bara bajataa darbee caala akka fooyya’u kan agarsiisu ta’uu kaasu.
Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun dandeettiin galii sassaabuu Itoophiyaa guddachaa jiraachuu kan himan ammoo Ministira Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Niguseeti. Fooyyessi Dinagdee Gooroo bara bajataa kanatti hojiirra oole raawwii sassaabbii galii daran jajjabeessaa ta’e fidaa jiraachuu eeru.
Kanaanis kurmaana tokkoffaa keessa gibirarraa galii qarshii biliyoona 180 walitti qabamuu himanii, kunis bara darbe yeroo walfakkaataa faana walbira qabamee yoo ilaalamu qarshii biliyoona 71 akka caalu himu.
Kutaa Qophiitiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017