Qabiinsi ragaalee mana murtii teknolojiin yoo deeggarameen alatti qulqullinaafi si’aayinaaf mijataa waan hintaaneef baroota dheeraaf ba’aa mana hojichaa ta’aa tureera.
Kanamalees ragaaleen kanaan dura olkaa’amaa turan waraqaan yoo ta’u baduun, tajaajilaan ala ta’anii ciccituun ragaa barbaadame dafanii argachuurratti rakkoo hammaataaf kan saaxilame ture.
Ragaaleen mana murtii keessa jiran ammoo yoo sirnaan qaban malee ittigaafatamummaallee qaqqabsiisuu waan danda’aniif qabinsasaaniirratti teknolojiin deeggaramuun dirqama ta’aa dhufeera.
Bu’uuruma kanaan qabiinsi ragaalee mana murtii walfalmiileen gaggeeffaman, murteen darbu marti teknolojiin akka deeggaraman taasifamuu Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Federaalaa nikaasu.
Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Aadde Leellisee Dassaalany gamaggama raawwii hojii bara 2016fi karoora hojii bara 2017 tibbana gaggeeffamerratti haasaa taasisaniin qabiinsi ragaalees ta’e hojiileen Mana Murtii Olaanaa Federaalaa teknolojii diijitaalaatiin deeggaramuu eegaluun ba’aa hojiifi qabiinsi ragaalee qulqullina qabu argachaa dhufuu kaasaniiru.
Ragaaleen akka walfalmiifi daddabarsi ragaalee karaa iftoominaafi qulqullina qabuun qaama dhimmi ilaallatuufi egereef akka taa’uuf ittifayyadamni teknolojii dijitaalaa hojiirra ooluun hudhaa barootaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa keessa ture furuu danda’eera.
Kuufamni hojii barootaaf gangalachaa abbootii seeraatti ba’aa tures keessumaa oliyyannoon walqabatee ragaan barbaachisu caasaasaa eeggatee akka ol dhufuuf teknolojichi bu’aa guddaa buuseera.
Abbootiin seeraa ragaalee irradeebiin sassaabuurra kanneen teknolojiidhaan qindaa’an karaa dhangala’insasaanii eeggataniin teknolojiin deeggaramanii yeroo dhiyaatan yeroon, baasiifi dhamaateen tajaajilamtootaa akka hir’atu taasisaa jira.
Bu’uuruma kanaan Manni Murtii Olaanaa Federaalaa teknolojii qabiinsa ragaalee ammayyeessuun qisaasama, dhamaateefi baasii humnaa olii baraaraa kan jiru yoo ta’u, dhiibbaan hojii abbootii seeraarra tures akka furamu taasisaa jira.
Kenniinsa tajaajilaafi qabiinsa ragaalee diijitaalessuun ala walharkaa fuudhinsi hojii akka jiraatuuf kanamalees dhiibbaan hojii namoota muraasarra akka hinqubanneef lakkoofsi abbootii seeraa akka dabalu taasifameera.
Dhimmamtoonni oliyyannoon dhufan hedduu ta’uun walqabatee dhiibbaan hojii waan dabaluuf abbootii seeraa dabaluun ala yeroo boqonnaasaaniitti dhimmoota gara garaa murtee barbaadanirratti humna guutuun akka hojjetan taasifamaa turaniiru.
Abbootiin seeraas waakkii tokko malee dadhabne osoo hinjedhiin imaanaa kennameef of kennanii bahachuun mul’ataafi manii manni hojichaa qabatee ka’e tajaajila seeraa saffisaafi qulqullina qabu dhugoomsuuf hojjetaa kuufama hojii bara lakkoofsise dhimmoota walfalmii yeroo dheeraa gaafatan tokko tokko akka goolabaman taasifamaniiru.
Dhimmoonni seeraan qabaman tokko tokko amalasaaniin beellama deddeebii kan gaafatan jiru. Ta’us dhimmoota akkanaatiin walqabatee tajaajilamtoota dhamaasuuf kan kaayyeffate miti jedhu Aadde Leelliseen.
Dhimmoonni seeraan qabaman tokko tokko amalumasaaniin beellama yeroo dheeraa kan gaafatan jiru. Dhimmoota kanneen irra dibaan murtee itti kennuun hindanda’amu. Yeroo dheeraa ragaa qindeessuu, adda baasuu, qorachuufi kkf gaafachuu danda’u.
Osoo qorannoon gadifagoo qaamolee dhimmisaa ilaallatuun hingaggeeffamiin murteen darbuu waan hindandeenyeef walfalmiin yeroo dheeraa akka fudhatu taasifama.
Haata’u garuu namoonni tokko tokko abbootiin seeraa waa barbaadanii nama deddeebisu kanneen jedhan jiru. Haqni jiru garuu ilaalcha kanarraa kan fagaate amala dhimmichaarratti kan hundaa’udha.
Yeroo kana jennu hojmaanni badaan karaa abbootii seeraa hinmudatu jechuu miti. Ta’us irra jireessaan deddeebiifi beellamni dheeraan amala walfalmichaarratti kan bu’uureffate, yeroo dheeraa kan gaafatu waan ta’eefi.
Ittifayyadamni teknolojii qabiinsa ragaalee amamyyeessuuf hojiirra oolaa jiru kun ammoo akka ragaaleen qulqullina qabaataniif qorannaa gadifagoon taasifamus kan hojii salphisan, yeroo gabaabsan ta’anii waan argamanif abbootii dhimmaafis abbootii seeraafis filatamummaansaa olaanaa ta’aa dhufeera jedhu.
Lakkoofsi abbootii seeraa mana hojichaas akka dabalu kan taasifame yoo ta’u, bara 2017tti kanaa ol ammayyeessuun tajaajila kennamus si’eessuun kuufama hojii gadi buusuuf kutannaan ni hojjetama jedhu Aadde Leelliseen.
Imala ittifayyadama teknolojii ammayyeessuun dhiibbaa hojii salphisuu keessatti hojmaata badaa diriirsuun sosochicha qaamolee sakaalan keessumaa naamusaan ala hojii ragaalee dhoksuu, maqsuufi kanneen biroon walqabatan uumanimmoo sakatta’uun tarkaanfii madaalawaan akka fudhatamu taasifamaa jira.
Haqa abbaa haqaaf deebisuuf cichuun osoo jiru ragaa dhoksuufi miliqsuun burjaajii uumanii faayidaa qaxxaamuraa argachuuf kanneen carraaqanirrattimmoo tarkaanfiin madaalawaa fudhatamaa tureera.
Akka Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti hojjettoota rakkoo naamusaa qaban sadarkaa sadarkaan adda baasuun akkaataa badii uumaniin tarkaanfiin kan fudhatame ta’uu Aadde Leelliseen eeranii; tarkaanfiin akeekkachiisaa, mindaan adabuufi hanga hojiirraa gaggeessuu fudhatameera jedhu.
Imaanaa mootummaan itti kenneef haqa abbaa haqaaf deebisuun murtii madaalawaa kennuun osoo maluu maallaqaan haqaaquuf ragaa dhoksuufi waliindhahuun mudachuusaan manni hojichaa akka komatamu taasisaniiru.
Manni hojichaas komii kana koreefi qaama dhimmisaa ilaallatu waliin sakatta’uun erga ragaadhaan mirkaneessee kan hojiirraa gaggeeffamuu qabu hojiirraa gaggeessuun, kaan mindaan adabuun, kaan waraqaa akeekkachiisaa kennuufiin kanneen hordoffii seeraa barbaadanirrattimmoo himata banuun kabachiisni olaantummaa seeraa akka dhugoomu hojjetamaa jira.
Qe’ee olaantummaan seeraa itti kabajama jedhamee eegamu mana murtii olaanaatti alseerummaan akka hindagaagne haqni akka hinhaqaaqamne hojjetamuun dirqama.
Qaamni faallessee argamemmoo dirqama itti gaafatamummaasaa kan fudhatu ta’uu pirezidaantittiin kaasanii, gama kanaan hordoffiin barbaachisu akka taasifamu ta’eera.
Hojjetaan mana hojichaa dirqamasaa akka bahatuuf qofa kan hojjetu osoo hintaane hojii qulqullina qabu hojjechuun kenniinsa tajaajilaa si’ataa teknolojiin deeggarameen manii qabame milkeessuun dirqama.
Fayyadamummaa hojjettootaan walqabatee komiin mindaa wajjin walqabatu ka’aa turuu Aadde Leelliseen kaasanii, hudhaan kun akka furamuufi imalli kenniinsa tajaajila haqaa si’ataafi qulqullina qabu akka dhugoomuuf aantummaan hojjetamaa jira.
Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti Daarektarri Karooraafi Hordoffii Aadde Sofaaniit Ayyalaa gamasaaniin manni hojichaa karoora hiixataa qabatee hudhaalee adda bahan irratti cichoominaan hojjechuun kenniinsa tajaajilaa qulqullina qabu si’ataafi teknolojin deeggarame milkeessuuf akka hojjetamu kaasu.
Kanaafis toorri xiyyeeffannoo hojii kan adda bahe yoo ta’u, qaawwi hojiirratti mul’ataa tures hordoffiin adda bahee waan xiinxalameef karoora ittaanuuf akka galteetti kan gargaaruudha.
Qabiinsa ragaaleetiin walqabatee hojmaanni maanuwaalii harcaatii guddaa waan uumuuf guutummaatti 2017tti achi keessaa bahuun ittifayyadama teknolojii diijitaalaa babal’isuun dirqama.
Dirqama manni hojichaa qabatee ka’e kana milkeessuufimmoo sochii mootummaa cinaatti hojjettoonni teknolojichaan akka walbaraniif ga’umsisaanii akka cimuufis nihojjetama. Ga’umsaan walqabatee abbootiin seeraa tajaajila seeraa gara garaa kennan ijaarsa dandeettii fudhachuun hojiisaanii qulqullinaan akka hojjetan taasifamu.
Kanaan dura kenniinsa murtiifi tajaajila abbaa seerummaan walqabatee abbootiin seeraa ga’umsa bilchaataa akka qabaataniif leenjiiwwan gara garaa kennamaa kan turan yoo ta’u, fuldurattis cimsuun tajaajilli seeraa si’ataa akka lafa qabatu taasifama.
Bu’uura kanaan bara bajataa 2017tti ogeessota seeraatiif ijaarsa dandeettii sadarkaa sadarkaan kennuufiin kana malees teknolojii diijitaalaa hojiirra ooluuf jirurrattis madaqsuun qulqullinaan akka hojjetamuuf kallattiin taa’eera.
Walumaagalatti tajaajilli seeraa si’ataan qulqullina qabuufi teknolojiin deeggarame kan komii hir’ise hojiirra akka ooluuf sochiin jalqabame kan ittifufu yoo ta’u, abbootiin seeraas ta’an hojjettoonni karoora manneen murtii federaalaa qabatanii ka’an milkeessuuf humna guutuun hojjechuu qabu.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017