-Misoomni koriidarii baadiyyaas eegalameera
Finfinnee: Misoomni Koriidarii magaalotatti hojjetamaa jiru kaayyoo magaalota miidhagsuu qofa kan qabu osoo hintaane, dhaloonni hariiroo biyyaafi mootummaasaa waliin qabu cimsuurratti bu’aa olaanaa akka qabu Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa ibse.
Ministirri ministeerichaa Aadde Caaltuu Saanii gaafdeebii dheengadda
Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, misoomni koriidarii Finfinneetti kan jalqabame yoo ta’u, ka’umsisaa guddinniifi dinagdeen magaalota calaqqistuu badhaadhinaa ta’uu qabu kan jedhu ta’uufi magaalaa guddittii biyyaa kan taate Finfinneetti deeggarsa Ministira Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD)n jalqabe. Hoggansi magaalattiis kantiibaarraa eegalee hanga sadarkaa sadarkaatti, akkasumas tumsi jiraataan magaalaa taasisan akka fakkeenyaatti kan fudhatamuudha.
Hojiin kun aadaa hojiillee kan jijjiire yoo ta’u, saffisaafi qulqullinaan jiraataa magaalaa hirmaachisuufi, haqaqabeessummaa mirkaneessuun hojii akkanumaan ilaalu osoo hintaane dhalootaafillee muuxannoon ittiin darbu ta’uu himanii, misoomni kanaan dura hojjetamaa ture harkaqal’eeyyii, humna hinqabne, daa’immaniifi hawaasa bal’aaf haala mijataa kan hinqabne akka ture dubbatu. Namni baay’een wantoota hojjetaman ilaalee darba malee “kan kooti” jedhee ittitajaajilamaa akka hinturres ni eeru.
Amma garuu namni hojiilee hojjetaman dinqisiifachaa miilasaatiin deemuu, saayikilii oofuu, daa’imman taphachiisuufi bashannansiisuu akka eegalan kaasanii, kunis akka namoonni biyyasaanii jaalataniifi gatii itti kennan taasisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbatu. Hojii magaalaa miidhagsuurra darbee dhaloonni biyyasaa waliin hariiroosaa akka cimsatu taasisaa jiraachuus ni eeru.
Hojiin kun osoo hinjalqabiin duraafi erga jalqabees kantiibonni magaalota 30 dhufanii akka ilaalan taasifamuu himanii, baay’eensaanii Finfinneen humnaafi qabeenya waan qabduuf kan hojjette jedhanii akka yaadan osoo hintaane, humni guddaan magaalonni qaban jiraataa magaalaa ta’uusaatiin deebi’anii jiraattota magaalotasaanii waliin mari’atanii akka waliigalan yaadamuu dubbatu. Akkuma Finfinneen utuu ijaarsonni hindiigamiin dura ummata mariisisee hojitti seene, isaanis gahee qooddatanii hojiitti seenuuf muuxannoos irraa argachuu himu.
Haaluma kanaan Finfinneen ala magaalota 30 ol kanneen akka Jimmaa, Harar, Dirree Dhawaa, Dassee, Baahirdaar, Gondar, Jigjigaa, Miizaan Amaaniifi Arbaaminciifaan hojii walfakkaataa hojjetaa jiraachuu kan ibsan Aadde Caaltuun, badhaadhinni kan dhufu waan magaalota muraasa keessatti hojjetame qofaan waan hintaaneef magaalota Itoophiyaa guutuutti hojiirra kan oolu ta’uu himu.
Hojiin misooma koriidarii kun magaalota qofatti kan daanga’uu osoo hintaane deeggarsa doolaara miliyoona 417 Baankii Addunyaarraa argameen baadiyyaattis babal’achuu eeranii, keessumaa bakkeewwan omishaafi omishtummaan bal’inaan argamutti qonnaan bulaan haala salphaan gabaatti akka fidatuuf yaadamee hojjetamaa jiraachuu himu.
Hojiin eegalame hundi akka milkaa’uuf keessumaa hanqinoota kenna tajaajilaafi hanna waliin walqabate hiikuuf hundi ittigaafatamummaasaa ba’achuufi amanamummaadhaan of kennee hojjechuu akka qabu dhaamu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017