
ALA bara 2006 Biraazil, Raashiyaa, Indiyaafi Chaayinaa walittiqabuun maqaa ‘BRICS+’ jedhuun hundaa’ee, boodarra Afrikaan Kibbaa waan itti dabalamteef ‘BRICS’ jedhamee waamamuu eegale. Gamtaan biyyoota dinagdee cimaa qabanii kun ALA bara 2024tti ammoo kanneen akka Itoophiyaa, Misir, Iraan, Saawud Arabiyaafi Imireetota Arabaa dabalachuun ‘BRICS +’ jedhameera.
Biyyoonni miseensa gamtichaa ta’an baay’ina ummata addunyaa keessaa %40 kan qaban yoo ta’u, biyyoonni miseensa gamtichaa shanan jalqabaa dinagdee addunyaa keessaa %27 akka ta’an ragaan ni mul’isa.
Gamtaan biyyoota addunyaa humna dinagdee guddaa qabu jedhaman kanneen akka Chaayinaafi Ruusiyaa akkasumas biyyoota ardiilee addaddaa murteessoodha jedhaman kanneen akka Itoophiyaa, Afrikaa Kibbaa, Indiyaafi Biraazil of keessatti qabate kun, ummata addunyaa keessaa biliyoona 3.5 (% 45) ol biyyoota miseensa ‘BRICS+’ jedhamanii waamaman keessa jiraatu. Dinagdeen biyyoota kanneeniis walumaa gala Doolaara Tiriliyoona 28.5 (% 28) akka qabatu himama.
Gareen biyyoota ‘G20’ ALA bara 1991 hundaa’e biyyoota 20 miseensummaadhaan kan qabu yoo ta’u, biyyoonni garicha keessa jiran miseensa ‘BRICS+’ kan ta’an jiraachuun kan himamu yoo ta’u, gareen biyyoota kun biyyoonni miseensotaa gahee sirna faayinaansii addunyaa keessatti qaban guddisuuf baankota gidduutti hariiroo uumuu dabalatee ittifayyadama maallaqaa ‘BRICS+’ babal’isuurratti hojjetaa jiraachuun ni himamaaf.
Kaayyoon ‘BRICS+’ biyyoota miseensota ta’aniifi kanneen guddataa jiran biroo walitti fiduun siyaas dinagdee biyyoota lixaa dura dhaabachuu akka danda’an taasisuu ta’uutu ibsama.
Gareen biyyoota dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa uumuu danda’u jedhamanii amanaman qabate kun korasaa 16ffaa, hoggantoota biyyoota miseensotaa ‘BRICS+’ hirmaachise, Ruusiyaa Kaazaanitti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Ministirri Muummee Itoophiyaas Kibxata darbe jilasaanii waliin yaa’icharratti argamaniiru. Korri kunis dhimmoota siyaas dinagdeefi waloorratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, cinaattis biyyoonni marii gamlamee taasisaniiru.
Pirezdaantiin Ruusiyaa Bilaadmir Puutiinis Magaalaa Kaazaan keessatti hoggantoota biyyoota kanneeniif kanneen biroo koricharratti hirmaachuuf achitti argaman kan simatan yoo ta’u, affeerraa irbaataa taasisaniifii waliinis marii gaggeessaniiru. Mootummaan isaanis kora kana sagantaa imaammata dinagdee fooyyessuu isa guddaa jedhee waamuusaa miidiyaan biyyattii gabaaseera.
Garicha keessatti dammaqinaan hirmaachaa kan jirtu Itoophiyaan fooyyessa dinagdee taasisaa jirtu wajjin walqabatee biyyoota miseensota ‘BRICS+’ irraa invastimantii hawwachuuf carraa mijataa akka uumuuf yaadama.
Kora kanarratti Minsitiroonni Dhimma Alaa 32, Pirezdaantonni 24fi biyyoonni miseensaa sagal irratti hirmaataniiru. Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareezis hirmaattota korichaa keessaa tokko ta’aniiru. Korri turtii guyyoota sadii qabu kun dhimmoota dinagdeefi teknolojiirratti marii bal’aa taasiseera.
Itoophiyaan garee kanatti akka makamtuuf ALA bara 2023 waamichi kan taasifameef yoo ta’u, Amajjii 2024 irraa eegalee sochii taasisaa jirti.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017