ALA Guraandhalli 8 bara 1957 seenaa kubbaa miilaa Afrikaa keessatti iddoo olaanaa qaba; guyyaa Sudaan, Itoophiyaan, Misiriifi Afrikaan Kibbaa qaama kubbaa miilaa ardittii hogganu hundeessuuf Kaartuumitti mariif taa’an.
Mari’ataniis Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (‘CAF’) hundeessan. Lammii Misir, Abdulaaziiz Abdallaa Saaleem pirezidaantii jalqabaa konfedereeshinichaa taasisuun sagalee guutuudhaan filatan.
Biyyoonni afran konfedereeshinicha hundeessan Waancaan Afrikaa ALA bara 1957 Sudaanitti akka adeemsifamu murteessan. Danbiiwwan ittiin bulmaataafi dorgommii konfedereeshinichaa jalqabaa kan qopheessan nama ispoortii beekamaa, Obbo Yidnaqaachoo Tasammaati.
Dorgommiin jalqabaa Waancaa Afrikaa ALA Guraandhala 10 bara 1957 Sudaan Kaartuumitti adeemsifame. Dorgommicharratti Sudaan, Itoophiyaafi Misir qooda kan fudhatan yoo ta’u, Afrikaan Kibbaa sababa appaartaayidiitiin (loogii sanyummaatiin) otoo hinhirmaatiin hafteetti. Sababuma kanaan Itoophiyaan forfee 2-0n mo’achuun tapha xumuraatiif dabarte. Tapha garee biraatiin Misir Sudaan 2-1n mo’atte.
Guraandhala 16 bara 1957 (ALA) Misir Itoophiyaa 4-0n mo’attee waancaa jalqabaa fudhatte. Itoophiyaan Waancaa Afrikaa 2ffaa bara 1959 Misiritti adeemsifamerrattis hirmaatteetti. Kanaanis Itoophiyaan Misiriin 4-0n, Sudaaniin 1-0n mo’amte. Misir Sudaan mo’achuun walitti aansitee yeroo 2ffaaf waancaa kaafte.
Itoophiyaan Waancaa Afrikaa kan fudhatte tapha ALA bara 1962 yeroo jalqabaatiif biyyoota afur hirmaachisuun Itoophiyaatti adeemsifamerratti.
Itoophiyaan qopheessituu dorgommichaa waan taateef; Misir ammoo waan bara 1959 waancaa kaasteef kallattummaan taphichaaf yoo darban; Yugaandaafi Tuuniziyaan tapha gulaallii adeemsifachuun darban.
Leenjisaan garee biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Yidnaqaachoo Tasammaa yoo ta’an; taphichi kan adeemsifame Istaadiyeemii Mootii Hayilasillaasee yeroo sanaa Istaadiyeemii Finfinnee ammaatti ture.
Itoophiyaan tapha walakkaa xumuraa Tuuniziyaa wajjin adeemsifatteen 4-2n mo’atte. Tapha xumuraatiin Itoophiyaan Misir 4-2n mo’achuun yeroo jalqabaatiif waancaa ardichaa fudhatte, Itoophiyaan dorgommii bara 1963fi bara 1965 Waancaa Afrikaa Gaanaafi Tuuniziyaatti adeemsifamerrattis yeroo 4ffaafi 5ffaaf hirmaatteetti.
Tapha waancaa ardichaa bara 1968 adeemsifame kan qopheessite Itoophiyaadha. Itoophiyaan tapha waancichaa bara 1970 Sudaanitti adeemsifamerrattis hirmaatteetti. Waggaa jaha booda bara 1976 yeroo sadaffaaf taphicha keessummeessiteetti; yeroo 9ffaafis hirmaatteetti.
Itoophiyaan Waancaa Afrikaa 13ffaa booda dorgommii kubbaa miilaa ardichaarratti hirmaachuuf waggoota 30 eeguuf dirqamte. Waggoota kanneen keessatti waancaan Afrikaa yeroo 15 adeemsifameera. Itoophiyaan Waancaa Afrikaa 29ffaa bara 2013 Afrikaa Kibbaatti adeemsifamerratti waggoota 31 booda hirmaatteetti.
Itoophiyaan Waancaa Afrikaa yeroo 11 hirmaattee taphawwan 31 taasistee saddeet yoo mo’attu; 19 mo’amteetti. Yeroo afur ammoo walqixa baateetti.
Hundeessummaa kubbaa miilaa Afrikaatiin kan beekamtu Itoophiyaan boodana hirmaannaanshii qabbanaa’aa dhufee gareen biyyaalessaashii ramaddiisaa keessaa darbuu danda’uu baatus tapha waancaa Afrikaa ALA bara 2029 qopheessuuf karaa ministira muummeeshii qaama dhimmi ilaallatuuf ifatti gaaffii dhiyeessiteetti.
Gaafficha yaa’ii 46ffaa ‘CAF’ tibbana Finfinneetti adeemsifamerratti kan dhiyeessan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) akka jedhanitti; Itoophiyaan tapha guddicha kubbaa miilaa ardii Afrikaa qopheessuuf ga’umsas humnas niqabdi.
Pirezidaantiin ‘CAF’ Paatriis Mutiseeppee (PhD) konfedeeshinichi gaaffii Itoophiyaan tapha waancaa Afrikaa ALA 2029 qopheessuuf dhiyeessiterratti koreesaa wajjin akka mari’atu eeran.
Kanaafuu; keessumaa bu’uuraalee misoomaa tapha waancichaatiif barbaachisan guutuuf kutannoo mootummaan agarsiiseefi muuxannoowwan gaggaarii misooma koriidarii dabalatee pirojektota yeroo gabaabaa keessatti xumuruurratti argaman fayyadamuun boru otoo hintaane har’uma sochii eegaluun daran murteessaadha.
Bu’uuraalee misoomaa dursanii xumuruufi guutuun akkuma jirutti ta’ee Itoophiyaan yoo carraa tapha waancichaa qopheessuu argatte dirreeshiirratti dorgomtuu cimtuu taatee akka dhiyaattuuf ijaarsa garee biyyaalessaarrattis ammumaa kaasee xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017