Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (‘CAF’)n erga adeemsifamuu jalqamee waggoota 67 lakkoofsiseera. Waggoota kanneenitti yeroo 34f adeemsifameera.
Waggoota 53 booddee waancaa 37ffaa ALA bara 2029 qopheessuuf yaa’ii 46ffaa ‘CAF’ tibbana Finfinneetti adeemsifamerratti gaafii dhiyeessuudhaan deebii eeggachaa jirti.
Gaazexaan Bariisaas Roobii darbe waa’ee gaaffii dhiyaateefi dhimma yoo carraan qopheessummaa argame qophiin akkamii taasifamuu qaba jedhurratti hayyuu ispoortii muuxannoo biyya keessaafi alatti kuufatanii qaban dubbiseera.
Hayyichi, Obbo Solomoon Gabrasillaasee jedhamu; inistiraaktara ispoortii kubbaa miilaa, akkasumas komishinara tapha kubbaa miilaa biyyoolessaati.
Godina Arsii, Magaalaa Asallaatti kan dhalatan Obbo Solomoon Yunivarsitii Barnootaa Kotobeerraa Barumsa Ispoortiitiin dippilomaa, maaneejimeentiidhan ammoo digrii jalqabaa qabu.
Akkasumas Jarmanitti leenjii bulchiinsa ispoortii fudhataniiru. Walumaagalatti waggoota 35 oliif sadarkaalee Oromiyaafi biyyaatti waajjiraalee ispoortii hoggananiiru, caasessaniiru. Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaatti daarektara dorgommii, barreessaa lammaffaafi tokkoffaa ta’uun hojjetaniiru. Taphataafi leenjisaa ta’aniis biyyasaanii tajaajilaniiru. Ammaan tanas komishinara, inistiraaktaraafi abbaa murtii ta’uudhaan biyya keessaafi alatti hojjetaa jiru.
Bariisaa: Itoophiyaan ALA bara 2029 waancaa kubbaa miilaa Afrikaa keessummeessuuf gaaffii dhiheessiteetti. Akka hayyuu ispoortii kubbaa miilaa tokkootti maaltu isinitti dhaga’ame?
Obbo Solomoon: Akka lammii, inistiraaktaraafi ogeessa ispoortii kubbaa miilaa tokkootti osoon lubbuun jiruu gaaffiin nan qopheessaa dhiyaachuusaatti gammachuu guddaatu natti dhagahame. Maaliif yoo jedhame biyyi teenya, Itoophiyaan maaliif waancaa kubbaa miilaa Afrikaa hinqopheesine abjuu jedhu yeroo heddu abjoochaan ture. Har’a gaaffiin akkanaa ka’uusaatti baay’een gammade.
Bariisaa: Itoophiyaan carraa waancicha qopheessuu yoo argatte bu’uuraalee misoomaa taphichaaf barbaachisan guuttattee akkamiin milkeessuu dandeessi?
Obbo Solomoon: Eeyyee. Itoophiyaan waancaa ALA 2029 qopheessitee milkeessuu dandeessi. Itoophiyaan biyyoota ardittii waancaa kubbaa miilaa jalqabsiisan keessaa ishee tokko. Yeroo sadiif waancaa kubbaa miilaa Afrikaa keessummeessuun tokkotti mo’atteetti. Yeroo sana haala gaariidhaan qopheessitees keessummootashee gaggeessiteetti.
Itoophiyaan biyya oggeessota ispoortii kubbaa miilaa baay’ees qabduudha. Fakkeenyaaf Obbo Yidnaqaachoo Tasammaa waggoota 15f Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa hogganan kaasuun ni danda’ama.
Kana biratti ammoo kutannoon mootummaan pirezidaantiifi ministira muummeerraa kaasee qaamoleen dhimmi ilaallatu agarsiisaa jiranis kan namatti toluudha. Kanaafuu haala gaariidhaan akka milikaa’u abdii guddaan qaba.
Bariisaa: Sadarkaa bu’uuraaleen misoomaa ispoortii keenya akka istaadiyoomiifaa irratti argamanirratti maal jettu mee?
Obbo Solomoon: Akkuma biyyoolessaattuu walmorkii kubbaa miilaa keessummeessuuf istaadiyoomonni dorgommii keessumeessan jaha jiraachuu qabu. Kanneen ala shaakalaaf istaadiyoomota giddugaleeyyii afurii oltu barbaachisa. Biyya keenyatti garuu istaadiyoomota kanaa oltu jira.
Naannoleen istaadiyoomota sadarkaa biyyoolessaa gaafatu ijaaramaniiru. Istaadiyoomonni Dirree Dhawaa, Baahirdaar, Hawaasaafi Abbabaa Biqilaa sadarkaa gaariirra jiru. Hojii xinnoo barbaachisa malee istaadiyoomonni kaanis naannoleetti ni argamu.
Warri haaraa Finfinneetti ijaaramaa jiran istaadiyoomonni Adayi Ababaafi Aqaaqiis sadarkaasaanii eeggatanii akka xumuraman kutannoon mootummaa federaalaa ni muldhisa.
‘FIFA’s ta’e ‘CAF’ hojii qulqulluu malee dhiibbaa biroo gochuu hinbarbaadan. Yeroon walmorkiin waancichaa itti adeemsifamu dheeraa waan ta’eef bu’uuraaleewwan misoomaa sirnaan hojjetanii fixuun nidanda’ama. Carraan kun nuharkaa akka hinbaaneef hundi keenya humna qabnu maraan irratti birmaachuu qabna.
Bariisaa: Biyyi teenya walmorkii kubbaa miilaa kanaaf dorgomtuu cimtuu taatee dhihaachuuf maaltu isheerraa eegamaa?
Obbo Solomoon: Kanarratti Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa haaluma waadaa galeen xiyyeeffannaan hojjechaa waan jiruuf hangasitti garee kubbaa miilaa cimaa horachuun ni danda’ama. Magaalota naannoleefi iddoowwan baay’eetti gareewwan kubbaa miilaa heddu horachuuf hojiin kubbaa miilaa cimaan hojjetamaa jira. Gareewwan kanneen keessaa taphattoota ciccimmoo baasuun nidanda’ama. Federeeshinichi ammumarraa kaasee bakka kilaboonniifi ispoortiin kubbaa miilaa jiru dhaqee hojjechuuf tattaafachaa jira.
Bariisaa: Ejjennoo mootummaan Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa qopheessuuf qabate akkamitti ibsitu?
Obbo Solomoon: Mootummaan hojiilee misoomaa adda addaatiin kutannoo guddaadhaan hojjechaa jira. Akkuman irranatti kaase gaafiin kun yaa’ii 46ffaa asitti adeemsifame kana qofarratti miti kan ka’e. Ji’oota afur dura Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad taphattoota urjii Afrikaa durii Finfinneetti affeeruun wayita tapha michummaa taasisanitti yaada waancaa 2029 ni qopheessina jedhu kaasanii turan. Taphattoota urjiiwwaniinis ambaasaaddara ta’uudhaan akka nugargaartan jedhanii turan.
Taphattoonni urjiiwwanis Ambaasaaddara ta’uudhaan Itoophiyaa maddii dhaabatanii dadammaqsa gochaa jiru. Kanaafuu mootummaan xiyyeeffannaa guddaa kennuufiin misooma ispoortii kana babaldhisaa jira.
Bariisaa: Haayyoota ispoortii akka keessaniifi kaanirraa maaltu eegama?
Obbo Solomoon: Abbootiin qabeenyaa, namooni beekamoon dhaabbileen ispoortiifi kaan milkaa’ina hojii kanaatiif garanumaa tarsiimoo qopheessanii hojjechuu qabu. Mootummaanis akkuma misoomawwan biroof halkanii guyyaa hojjetu kanarrattis sochiisaa cimsee ittifufuu qaba.
Bariisaa: Carraawwan waancaa Afrikaa qopheessuun walqabatanii dhufan akkamitti ibsitu?
Obbo Solomoon: Akkuma beekamu ispoortiin kubbaa miilaa addunyaarratti jaalatamaafi ummata heddu kan hirmaachisuudha. Ispoortiin hawaasa tokko keessatti misooma, hawaasumaafi dinagdee waan ta’eef shoora olaanaa taphachuu danda’a. Isaan walqabatee wayita walmorkiin adeemsifamu namoonni biyyaa gara biyyaa, naannoodhaa gara naannootti ni socho’u. Oggaa socho’an bakka dhaqan sanatti dadammaqiinsa dinagdee guddaatu uumama.
Kanaafuu bu’uraalee misoomaa kanneen akka daandii, hoteelota ammayyaa sadarkaasaanii eeggatan, reestoraantota, walumaagalatti iddoowwan bashannanaaf oolanirratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.
Reestoraantonniifi hoteelonni, iddoowwan bashananaa qopheessunun dinagdeesaanii guddisuu qabu. Mootummaan ammoo iddoowwan hawwata turizimii akka daaw’atan geejiba ga’aa qopheessuuf ammumarraa kaasee ittiyaadamuu qaba.
Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kana qopheessuu keenyatti waggoota dheeraadhaaf rakkina istaadiyomaatiin wal qabatee biyyoota ollaa kadhachuudhaan wal morkii biyyooleessaafi tapha michummaaf dhama’aa kan jiru gareen biyyaaleessaa asitti akka taphatuuf carraa guddaas ni argata.
Inni guddaan waancaan kubbaa miilaa Afrikaa asitti qophaa’un biyyattiin galii guddaa akka argattuuf faayidaa olaanaa qaba. Naannoleen istaadiyoomota magaalotasaaniitti sababa kanaan ijaaramanitti fayyadamuun shaampiyoonaawwan adda addaa qopheessuu danda’u.
Qophichaan walqabatanii bu’uraaleen misoomaa adda addaa, kanneen akka daandii, hoteelota sadarkaasaanii eeggatanii ittifufiinsaan tajaajila kennan horachuuf gumaacha olaanaa qaba.
Akkasumas gareewwan darggaggoota guddattootaafi dargaggootaa, kan dubartootaa cimsuudhaan dirree sadarkaasaa eeggatanirratti akka shaakalan gochuufis carraa guddaa bana.
Tashoomaa Qadiidaa
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017