Finfinnee: Taphattoonni liigii biyya keessaa qofti kan irratti hirmaatan shaampiyoonaan kubbaa miilaa Biyyoota Bahaafi Giddualeessa Afrikaa “CHAN” magaalaa guddoo Sudaan Kibbaa, Juubaatti adeemsifamuuf Itoophiyaan Eritiraa wajjin taphachuuf ramadamteetti.
Walmorkii gulaalaa gulaalaa duraa dhaqaafi deebiidhaan adeemsifamu kanatti Itoophiyaafi Ertiraan walmorkii duraa kan taasifatan Onkoloolessa 21 yoo ta’u, kan deebii ammoo Onkoloolessa 24 bara 2017 akka adeemsifatan sagantaan federeeshina kubbaa miilaa biyyoota bahaafi giddugaleessa Afrikaarraa nu ga’e mul’iseera.
Shaampiyoonicharratti biyyoonni bahaafi giddugaleessa Afrikaa 11 kan hirmaatan yoo ta’u, Sudaan Kibbaa Taanzaaniyaa wajjin, Burundiin Somaalee wajjin, akkasumas Jibuutiin Ruwaandaa wajjin taphatu.
Ugaandaan shaampiyoona waancaa bara darbee ta’usheetti biyyoota mo’attootaa tapha ittaanuuf darban keessaa tokko wajjin taphachuuf eegaa waan jirtuuf kan gulaalaa gulaalaa kanarratti hinramadamne.
Tashoomaa Qadiidaa
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017