Godaansa gara Ardaa Odaa

Jila jilachuuf yaa’i Booranaa sadeeniifi qaalluun bakka duraan turanirraa ka’anii gara ardaa jilaatti sirriiqu. Gadaafi Laduu qofa osoo hinta’in namni odaa bulee eebba argadhaa jedhuufi bakkawwan adda addaa jiraatu hundi gara ardaa jilaatti godaana. Fakkeenyaaf; yaa’iin Harbooraa bakka duraan jiruu, ardaa Omaachootii ka’ee ardaa odaa Guutoo qubate. Kan Hawaxxuu bakka duraan jiruu, Aanaa Yaa’abaloo ka’ee ardaa Odaa, Aanaa Areeroo, ardaa Bulee Haraa-Sogiddoo qubate.

Yaa’iin koonnituu Aanaa Areeroo, Ganda Qaawaatii ka’ee Aanaa Areeroo, Ganda Halloonaa, ardaa Halloonaa qubatan. Warri Odiituu Aanaa Areeroo Ganda Halloonaa ka’ee gandichuma keessaa ardaa Hara- Qaalluu qubatan.

Kanaaf jila kanaaf bakkawwan hundaarraa dhufu. Seeraafi duudhaasaanii eeggatanii; meeshaa manaa gaalatti fe’aniifi horiin qaban oofaa gara ardaa lafa dhawaatti godaanu. Godaansi hangaftittii qaba. Jila kanaaf bokkuun waan hangafuuf aadaa hangaftittii eeggatanii bokkuun dura baha. Ittaansuun Abbaan Gadaa faana baha.

Oggaa godaanii qubatan namuu gosa waliin qubatu waan qabuuf namuu garuma gosasaatti godaana. Yaa’iin sadeenuu yoo godaanu Eemmajjiifi Fulleelee gara Odiituu godaanti. Maaliif jennaan warrii kun waan waliif sunsuma ta’aniif. Sunsuma sadeen jedhanii walitti qubatan. Godaananii qajeeltuun Ardaa Odaa hinqubatan. Halkan tokko jidduu bulan. Jalbultiin tun lafa dhaha jedhamti.

Ardaa lafa Dhaha ykn Bacibacii

Ardaa lafa Dhaha jila odaa qofaaf hinbulan. Jiloota hedduu keessaatti lafa dhaha yokiin jalbultii jilaa buluun dirqama. Jiloota akka Odaa, Buttee dhaabuu, Gadamojjiifi kanneen biroo keessatti lafa dhaha buluun beekama.

Jilti Odaa tan baranaa yaa’ii sadeeniifi laduun godaanee osoo ardaa jila Odaa hindhaqqabiin bakkuma jiruu lafa dhaha bule. Ollaan kun shanachaan gargar bahee qubatee, akkuma qubateen uchumaa buufatee buna qalata. Uchuma jechuun muka aadaa kan yoo irban ibiddaa buusuudha. Ummanni Booranaa yoo qubatu jalqaba uchuma buufatu malee hojii biraatti hinseenu. Uchuma buusuun aadaa tolfamtu keessaa isii tokko.

Gaafa qubatan galgala abbaan warraa horii qaluu qaba. Horiin qalamus bacibacii jedhama. Bacibaciin kan qalamu jalbultii ardaa jila Odaatti ardaa lafa dhawaa jedhanii namni jila kanaaf godaanu hundi horii qalata. Ardaa qubatanii guyyaa uchumaa buufatanii, buna qalatanii eebbifatanii galgala horii galfachuun dura hulluuqoo naqatanii bacibacii qalatu.

Yeroo kana haati warraa hundi sa’a soorreessa muchi afranuu aannan baasu elmitee dhufteen abbaa warraatti kenniti. Abbaan warraas aannan kana unee deebisee gara jilaatti deema. Mi’a aadaa jilaa orooroo, waddeessaafi lichoo fudhatanii, bacibacii haati warraa mataa qabdee abbaa warraarraa jalqabee namni hundi hariirrata.

Kaayyoo guddoon jila ykn bacibacii kanaa jila kanaan duubatti gara ardaa jila Odaa waan deemaniif ardaan kun ardaa qulqulloo eebbaa waan ta’eef cubbuu duraan hojjateerraa qulqullaa’uu qaba. Kanaaf bacibaciin kun cubbuu dhiqachuuf jecha waan dur beekaafi otoo hinbeekiin raawwataniif Waaqa dhiifama kadhatu.

Walqunnamtii saalaa nama seerri hineeyyamne waliin yoo raawwate irraa haraara galuuf. Abbaan warraas yoo hariiratu, “Waan tapha taphichoo waan tapha ijoollummaa nagaa naa guutii” jedhe kadhata. waan an tapha keessa dogoggoraan hojjadhe waaqi dhiifama naa godhi jedhu.

“Bacibaciin baate, wanni quyyee baate, wanni xuxii baate, wanni hamtuun baate” jechuun kadhatu. Quyyeen bineensa xiqqaa garaadhaan lo’uu, xuxiin bineensa xixiqqaadha. Yoon waan kana tokkollee duraan ajjeeseera ta’e Waaqni dhiifama naaf haa godhu jedhu.

Horiin qalamee foonsaa nyaatama. Kan halkan jila tolfachaa bule barii ganama ka’ee Bokkuufi Jaarsa kosii moonaa keessaattii eebbisa. Eebbi Bokkuufi Jaarsa Kosii kun huyyisa jedhama. Maaliif Bokkuufi Jaarsa Kosii qofa kophaa eebbisan jennaan, olaantumaan jila kana kan geggeessan Bokkuufi Jaarsa Kosii waan ta’aniifi.

Akka inni jila eebbaan geggeessuuf eebbisan ‘huyisaan’ jila hedduu fuula duraa jiruuf akka isaan milkiin geggeessan eebbisan. Bokkuun hangafaa Jilaa waan ta’eef akka jilti tun milkiin ykn kaayyoon obbaatu tolchuuf bokkuu ardaa jilaatti duratti uwwisan. Akkasuma jaarsii kosii, kosii ardaa jilaa sun wayyoomsan waan eebbisuuf hamma eebbisan uwwisanii ardaa eebbisiisu. Kanaaf isaan lamaan kan uwwisu arda lafa dhawaatti. Yeroo sanarraa jalqabee gara Odaatti sirriiqu.

Quttuma Ardaa Odaa

Ardaa lafa dhaha bulanii bacibacii qalatanii, barii ganama Bokkuufi Jaarsa kosii uwwisanii gara ardaa jilaa odaatti godaanu. Yoo sirriiqan akkuma baratame hangaftittiin bokkuun dura bahuun abbaan Gadaa ittaanee walitti corooru. Ardaa jila odaa yoo qubatan hangaftittiin mirgaa gara bitaatti qubaatu.

Hangafni mirgaan, maandhaan bitaan qubata. Hangafni jila tana bokkuun mirgaan ittaanee abbaa Gadaati. Isaanirraa jalqabee hangafaafi gosaan mirgaa gara bitaatti qubachaa deemu. As keessatti wanni beekamuu qabu qubanni ardaa odaa gosaan ta’a.

Namuu gosasaa ardaa qubatuun walitti aanee ollaa walta’ee, gosaan qubatu. Namuu hayyuu gosa isaa kan yaa’a kana keessa jiruutti qubata. Gosaan qubatanii gosa bira dabartee gosa wayaa dachaatiin walitti aanu. Gosa wayaa dachaa jechuun gosa buusaa gonofaa walitti qabduudha.

Fakkeenyaaf Dambee noonoo- dambituufi noonnituu

Koonnoo qarcabdu – koonituufi qarcabduu

Digaluu maxxaarrii – Digaluufi maxxaarrii

Digaluu Eemajjiifi Fulleelee, Odiituu walii

Namuu hayyuu gosasaanii kan yaa’a keessa jirutti qubata. Tanaaf warri Odaa godaanu kamuu yaa’a gama hayyuu gosasaanii jiruutti qubatee, hanga Baallii kennanii yuubomee fuloo yaa’utti, hayyuu gosasaanii waliin ta’uun jila gooroo tolfata.

Eemmajiifi Fulleellee Oodituu walitti qubatanii jila waliin tolfatu. Gosti Eemmajjiifi Fulleellee Odiituu waliin sunsuma waan ta’aniif gosa ulfinaa guddaa waliin qaban. Warri kun akka guddaa walulfeessee waldheeta waan ta’eef fulaa tokkotti walitti qubatee odaa waliin bulee, waliin waaqa kadhachuun waan guddaadha.

Yaa’ii qa’een walqubatee waliin jilatu kun Galma Jaarsa kosii ka Eemajjiifi Galma Odaa kan Qaalluu Odiituullee waliin qaban malee galma kophaa kophaa hinjaarratan. Warri Sadeen, Odiituu, Eemmajjiifi Fulleellee waliin Sunsum Sadeen jedhama. Sunsum sadeen armaan olii kunneen quttumaan garuu xiqqoo walhanqatan, Eemmajjiifi Fulleelle gara bahaatiin dursan yoo qubatan, Yaa’i Odiituu gara dhihaatiin duubaan qubata.

Yaa’i yoo Odaa godaanu Gadaan Hawaaxxuufi Koonnituu hayyuu meedhichaa kan yaa’a lamaan gara Arbooraa godaanee harboora waliin qubatee odaa waliin bulee jilata. Yaa’i lamaan (Hawaxxuufi Koonnituun) garuu hayyoota garbaa waliin ardaa Odaa qubatan waliin bulan.

Yaa’ii Odaa buluu kan bara 2008 ji’a Hagayyaa Gadaa Booranaa 72ffaa keessaa godaane bakkii isaan qubatan;

Yaa’ii Arbooraa Ardaa Jilaa Guutoo Aanaa Areerooti

Yaa’ii Hawaxxuu Ardaa Jilaa Bulee Aanaa Areerootti

Yaa’ii Koonnituu Ardaa Jilaa Halloonaa Aanaa Areerootti

Laduun Qaalluu Ardaa Jilaa hara Qaalluu Aanaa Areerootti

Haala kanaan Yaa’a Gadaa sadeeniifi Laduun inni hangafaa kan Qaalluu Odiituu ardaa jila yoo qubatan, kan Qaalluu Odiituu garuu xiqqoo waan adda godha qaba. Innis yoo ardaa qaalluu qubachuuf jedhan dursa ganama hoolaa saddeet ilmooleesaanii waliin ofi dura oofanii iddoo itti qubatan sanitti elmu. Hoolaan achitti elman sun eebba ardaa jilaa kanaati. Ardaa kanaan Aanan baasan jedhu.

Walumaagalatti bakkawwan hundatti guyyaan quttumaa tokko. Yaa’a sadeenuu keessatti guyyaan ardaa Odaa qubatan Ayyaana wallaati. Wanni guyyaa wallaa ardaa qubatanii galmaa dongoraniif ayyaanni wallaa ayyaana qaalluu waan ta’eef jiltii tun hangafaafi qaalluu kanaaf walitti fidan, akkasumas jiltii wallaa jila kaayyooti. Akkuma guyyaan quttumaa tokko ta’e guyyaan xumuralleen tokko. Akkaataan hangaftittiillee qubataniin tokko.

Waajjira Kominikeeshinii Godina Boorana Bahaa

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017

Recommended For You