Bakka buutotni Marii Biyyaalessaa Naannoo Sumaalee Ajandaa marii komishinichaaf dhiyeessan

Finfinnee: Bakka buutotni Naannoo Sumaalee ajandaa Marii Biyyaalessaaf ta’uu karaa bilchina qabuun tuuta tuutaan erga mari’atanii booda adda baasuun Onkoloolessa 13, 2017 Komishiinii Marii Biyyaalessaaf dhiyeessaniiru.

Odeeffannoon komishinicharraa argame akka mul’isutti, qindeessummaa Komishiinichaatiin waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu Onkoloolessa 04-06tti giddugala Jijjigaa, Godeefi Doolloo Adootti gaggeeffamaa tureera.

Waltajjii marii kanarratti bakka bu’oonni hawaasaa kuma tokkoo ol giddugala Jigjigaatti, 650 ol Godeetti akkasumas bakka bu’oonni 350 ol immoo Dooloo Adootti kan hirmaatan yommuu ta’u, Waltajjiichi erga xumuramee booda waltajjiin marii qooda fudhattoota sadarkaa naannootti Dilbata Onkoloolessa 10, 2017rraa eegalee adeemsifamaa ture.

Bakka bu’oonni hawaasaa, bakka bu’oonni paartilee siyaasaa, bakka bu’oonni mootummaa naannichaa, bakka bu’oonni namoota dhiibbaa uumaniifi bakka bu’oonni dhaabbileefi waldaalee adda addaa 1,200 ol waltajjii marii kanarratti hirmaachaa turaniiru.

Onkoloolessa10, 2017 irraa eegalee qooda fudhattoonni ajandaawwan ijoo barbaachisummaa naannoofi biyyaalessaa qaban mariidhaan adda baasuun qindeessuun Onkoloolessa 13/2017 komishinichaaf dhiyeessaniiru. Komishiinarri olaanaan komishinichaa Pirofeesar Masfin Aaraayaafi Komishinar Malaakuu Waldamaariyaam ajandaa naannichaa bakka bu’ootarraa fuudhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017

Recommended For You