Yaa’ii Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaaf qophiin xumurame

Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ‘CAF’ Amajjii 18 bara 1957 magaalaa guddoo Sudaan Kaartumitti hundeeffame. Miseensoonnisaa yeroosiis Sudaan, Itoophiyaa, Misiriifi Afrikaa Kibbaa turan.

Haata’u malee Afrikaan Kibbaa sababa sirna appaartaayidii gaggeessitufi taphattoota adii hiriirsite jedhuun miseensummaa keessaa ari’amteetti.

Haaluma kanaan walmorkiin Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa yeroo jalqabaaf baruma kana ALA Guraandhala 6 bara 1957 biyyootuma sadan kanneen jidduutti kan adeemsifame yoo ta’u, tapha maahessaatti Misir Sudaan mo’achuun waancaa Afrikaa isa jalqabaafi seena qabeessa fudhachuu dandeesseetti.

Walmorkiifi yaa’iin konfedereeshinichaa biyyoota sadi jidduutti eegale suuta suuta biyyoonni itti dabalamuudhaan wayita ammaa biyyoonni Afrikaa 54 miseensa ta’aniiru.

Konfedereeshiniin kun erga hundeeffamee waggoota 67 kan lakkofsise yoo ta’u, waggoottan kanneen keessatti yeroo 33f biyyoota miseensotasaatti walmorkiiwwan kubbaa miilaa gaggeesseera. Akkasumas, yeroo 45f yaa’ii mana maree ispoortii gaggeessuun murteewwan adda addaa dabarseera.

Biyyoonni kunneen yeroo yeroon marii taasisuun guddina ispoortii kubbaa miilaaf carraaqaa turaniiru; ammas carraaqaa jiru.

Mariin kun baranas yeroo 46ffaaf Onkoloolessa 12 bara 2017 magaalaa Finfinneetti qophiiwwan adda addaattiin akka adeemsifamu Ministeerri Aadaafi Ispoortii ibsa tibbana kenneen beeksiseera.

Ministirri ministeerichaa Aadde Shawwit Shaankaa akka ibsanitti, yaa’ii kanarratti dhimmoonni adda addaa ispoortiirratti xiyyeeffatan akka irratti mari’atamuufi walmorkiin kubbaa harkaa biyyooleessaa akka adeemsifamu dubbatu. Walmorkiin kun Itoophiyaatti adeemsifamuun isaas biyyoonni Afrikaa aadaa walii akka beekaniifi walitti dhufeenyasaanii cimsatan akkasumas dippilomaasii ispoortii cimsuuf akka gargaarus himaniiru.

Ministeerichis ispoorteessitootaafi keessummoota yaa’ichaarratti hirmaataniif bakkeewwan hawata turistiif Magaalaa Finfinnee daawwachiisuuf qophaa’uu Aadde Shawwiit eeraniiru.

Yaa’icharratti keessummoonni 300 ol ta’an ni argamu jedhamee kan eegamu yoo ta’u, galii turizimi biyyaaf argamsiisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsanii, sagantaan deemsa miilaa Addababa’ii Masqalaa hanga Booleetti taasisuus qabamuu himaniiru.

Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Harkaa Doktar Fitih Waldasanbat gamasaaniitiin akka ibsanitti, walmorkiin kubbaa harkaa biyyooleessaa ramaddii lamatti adda qoodamuun Onkololeessa 23 hanga 27 bara 2017 ni adeemsifama. Walmorkii kanarrati gareewwan kubbaa harkaa 12 biyyoota 11 irraa baba’an akka hirmaatanis eeraniiru.

Walmorkiin kan adeemsifamu Giddugala Leenjiifi Barumsa Ispoortii Araat Kiiloofi Akkaadaamii Ispoortii Dargaggootaa Itoophiyaatti ta’uu himanii, taphichis ramaddii lamaan akka adeemsifamu kaasu. Ramaddiin tokkoffaa beektoota umrii 20 olii Akkaadaamii Ispoortii Dargaggootaa Itoophiyaatti kan adeemsifamu yoo ta’u, kan umrii 18 gadii ammoo Giddugala Leenjiifi Barumsa Ispoortii Araat Kiilootti kan adeemsifamu ta’uu dubbatu.

Yaa’iicha dura gaggeessitoota hojii miseensota waldaa kubbaa miilaa biyyoota Afrikaafi taphattoota beekamoo kubbaa miilaa duranii Itoophiyaa jidduutti taphni akka adeemsifamus ibsameera.

Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraa akka ibsanitti, milkaa’ina yaa’ichaaf gareen koree teekinikii waajjira Ministira Muummeetiin durfamu dhaabachuun hojiiwwan adda addaa adeemsisaa jira. Kana keessattis manneen hojii ministeerootaa 10 hammatamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You