Mammaaksi baroota “Abbayya bakka bulu hinbeekne jirma guuree yaa’a” jedhu har’a seenaa ta’us wanti ciisicha isa dhorku mudataa jiraachuun ifa galaadha.
Keessattuu, hidhaa Itoophiyaan lagicharratti hojjette biyyoota baroota dheeraaf dhuunfaan fayyadamaa turaniif dhukkubbii mataa hamaa ta’uun halkaaniifi guyyaa shira xaxuurratti ko’oommatanii argamu. Ta’us sanadni wixinee seeraa seenaqabeessi falmii ijibbaachisaa waggoota 10 olii booda gara irra jireessa biyyoota yaa’aa Lagichaa gidduutti tibbana mallattaa’eera.
Gibxiifi Sudaan hanga sanadni kun mallattaa’utti hirmaannaa taasisaa turanis yaadni haqa dhabeessaafi loogiin guutame dhiyeessan fudhatama dhabuusaan waltajjii dhiitanii ba’aniiru. Ministirri Bishaaniifi Inarjii Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaa, seerri danqaafi loogiin guutame kana duraa diigamee kan hunda qixa fayyadamaa taasisuufi haqa qabeessa ta’e kun mallattaa’uusaatti ummata Itoophiyaan “Baga gammaddan” jedhaniiru.
Itoophiyaan guutuu Laga Abbayyaaf bishaan %85 gumaachuu cinatti nageenyaafi misooma lagichaatiif sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuulee roobsa harkisan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabaa jirti. Waliigalteen kun gumaata Itoophiyaa ilaalcha keessa kan galcheefi biyyoota yaa’aa lagichaa jidduutti fayyadamummaa haqaqabeessa kan mirkaneessudha. Biyyootni walqixxummaan gadaantummaa itti fakkaate gara iftoominaan qixa fayyadamuutti akka deebi’an Doktar Injinar Habtaamuun waamicha dhiyeessaniiru.
Hayyuun Saayinsii Siyaasaa Yuunivarsiitii Finfinnee Pirofesar Yaa’iqoob Arsaanoo gamasaaniin akka jedhanitti, waliigalteen kun seena qabeessa kan isa taasisu bu’aa ce’ii waggaa 10n booda dhugoomuusaa qofa osoo hintaane qajeeltoo fayyadamummaa haqa qabeessaa of keessatti hammateen biyyoota yaa’aa lagichaa hedduu biratti fudhatama argachuusaati. Gibxiifi Sudaan waliigalticha mallatteessuu dhiisuusaanii hojiirra oolmaasaarratti dhiibbaan fidu hinjiru.
Itoophiyaan Laga Abbayyaa misoomsuuf seenaanis seeraanis mirga guutuu qabdi. Ta’us qajeeltoon Itoophiyaa fayyadamummaa haqaqabeessa hunda hammateedha. Ijaarsi hidhaa Laga Abbayyaa wayita gara xumuraatti dhufe kanatti akkasumas fayyadamummaa haqa qabeessi baayyotaan wayita fudhatama argate kanatti kan Gibxiifi Sudaan baasu dallansuu osoo hintaane yaada wayyabaaf bitamuu akka ta’e hayyuun kun himaniiru.
Itoophiyaan qabeenya uumaan kenneef karaa ollaashee hinhubneen misoomsaa turte, jirtis. Pirojektota kanneen akka Xaanaa Balas, Gibee, Oomoofi Fincaa’aafaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama. Ammas taanaan Laga Abbayyaa karaa haqaqabeessaan mirga misoomsuu qabdutti fayyadamtee misoomsaa jirti. Kanatti mufatanii warri wixxirfatan yoo jiraate Itoophiyaan imala dheeraa booda duubatti deebi’uu waan hindandeenyeef falli isaan qaban gara mariitti deebi’uu qofa ta’uu ibsaniiru.
Miidiyaaleen addunyaa hedduunis waliigalteen taasifame kun waldhabbiifi waca barootaa kan goolabuufi fayyadamummaa haqaqabeessaafi obbolummaarratti hundaa’e kan mirkaneesse ta’uu yoo gabaasan, miidiyaaleen Gibxii garuu waliigalateen taasifame kun biyyasaaniif balaa guddaa ta’uu afarsaa jiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017