Walaayittaa aanaalee afur keessatti weerarri dhibee busaa hammaate

Finfinnee: Naannoo Itoophiyaa Kibbaa, Godina Walaayittaa aanaalee afur keessatti weerarri dhibee busaa daran hammaachuu Qajeelchi Fayyaa Godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan Qajeelchichaa Obbo Tsaggaayee Ekkaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, dhibeen busaa waggaatti waqtii lama jechuunis Fulbaana hanga Muddettifi Eblaa hanga Waxabajjiitti mudata ture. Bara 2016/2017 garuu, ganna guutuu dabalatee bal’inaan namootarratti mul’achaa jira.

Aanaalee godinichi qabu 16 keessaa aanaalee afur keessatti dhukkubichi bal’inaan haa mul’atu malee, hojii hordoffii hanga manaa manatti deemuun hojjetameen lubbuun nama tokkkoollee dhukkubichaan akka hinbadne gochuun danda’ameera.

Haalli qilleensaa yeroo dhiyoo kaasee godinicha keessa jiru walhormaata bookee busaaf haala kan mijeesseef ta’uu himanii, aanaalee afran keessaa aanaa tokkotti qofa guyyaa tokkotti giddugaleessaan hanga namoota 400 dhukkubichaan qabama jedhaniiru.

Qajeelchichi Agoobara miliyoona tokkoo ol raabsus aadaan saaphana siree fayyadamuu hawaasa godinichaa hanga ammaatti gadi aanaa ta’uu himanii, haala qilleensaatti aanee agoobara qixa sirriin ittifayyadamuu dhiisuun babal’ina dhukkubichaatiif sababa ijoodha jedhaniiru.

Hanqinni keemikaalaa waajjiricha kan mudate ta’uus himanii, gandoota lama gooxii murtaa’e keessatti qofa hojii biiffaa keemikaalaa raawwachuun kan danda’ame ta’uu Obbo Tsaggaayeen ibsaniiru. Aanaalee tokko tokko keessatti iddoo wal hormaata bookee busaa adda baasuun to’achuu keessatti hanqinni jirus babal’ina dhukkubichaatiif gahee mataasaa taphachaa jira jedhaniiru.

Miidhaa dhukkubichaa hir’isuuf deeggarsi Ministeera Fayyaafi Biiroo Fayyaa naannichaatiin taasifamu haala gaariirratti kan argamu ta’uu himanii, qaamota kunneeniin qorichi gahaan godinichaaf dhiyaateera jedhaniiru.

Weeraricha guutuummaatti to’achuun akka danda’amuuf hawaasni godinichaa agoobara fudhatee fannisuu osoo hintaane akkaataa ogeessotni fayyaa gorsaniin fayyadamuu akka qabu Obbo Tsaggaayeen dhaamaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You