Finfinnee: Addunyaa har’a keessa jirrutti dhimmi ulaa galaanaa dhimma dinagdee qofa osoo hintaane dhimma siyaasaa ijoo ta’eera. Ulaan galaanaa birmadummaa dinagdee qofa osoo hintaane olaantummaa siyaasaa biyya tokkoof dhimma murteessaadha.
Biyyootni baay’een humna galaanaa jabaa ijaarrachuun wayita meeshaalee waraanaa jajjaboo asiifi achi oofaa jiran kanatti biyya naannawa galaana Diimaa taate Itoophiyaaf ulaa addunyaatti gadibaatu dhabuun akka nama miila dhukkubsatee manaa gadiba’uu dadhabeetti lakkaa’ama. Itoophiyaan yeroo tokko olaantummaa humna galaanaatiin beekamtu har’a harka marattee taa’uun waan hinmalle ta’uu Hayyootni Saayiinsii Siyaasaa Gaazeexaa Bariisaaf ibsaniiru.
Yuunivarsiitii Haramaayaatti Hayyuun Saayiinsii Siyaasaa Doktar Immiruu Gammachuu akka jedhanitti, Laga Abbayyaa olaantummaan fayyadamuuf Gibxi karoora waggaa 150 baafattee Itoophiyaa dadhabsiisuurratti hojjetaa turte, hojjetaas jirti. Karoorrishee kallattiin Itoophiyaa weeraruu of keessaa qabaatus waraana karaa kaabaa marsaawwan lamaan bantetti salphina gonfachuun booddee deebite. Waraana kallattiin Itoophiyaa injifachuun akka hindanda’amne hubattee waraana alkallattiirratti fuuleffachuu eegalte.
Haaluma kanaan riphee lolaa Somaaliyaa keessa socho’aa ture Alshabaab har’aa kan hintaane Itoophiyaarratti qaruun kallattiin meeshaa waraanaa gatiinsaanii qaalii ta’e dhiyeessaa turuushee yaadachiisanii; kallattii kaabaatiinis Itoophiyaa ulaa galaanaa ala gochuuf bara 1960tti riphee lolaa Itoophiyaa waraanuufi dadhabsiisuu kan Waraana Adda Bilisummaa Eertiraa (Jabaha) jedhamu gammoojjii Eertiraarraa walittiqabdee hundeessuu ibsaniiru.
Barri sun bara mootii Hayilasillaasee yeroo gaaffiin eenyummaafi dhiibbaan mirga namoomaa finiinee ture waan ta’eef shirri Gibxi rakkoo keessoo Itoophiyaa kanaan gabbatee waggoota 30 booda Eertiraan Itoophiyaarraa foxxoquun Itoophiyaan ulaa galaanaa malee hafuu eeranii; mootummaan Dargiis ta’e ‘TPLF’ hanga tokko deeggarsa Gibxiin gara aangootti waan dhufaniif gaaffiin ulaa galaanaa dantaasaanii hinturre. ‘TPLF’ gara jalqabaatti Itoophiyaa bulchuurratti ofitti amanamummaa guutuu waan hinqabneef giddugaleessa biyyaarraa qabeenya gara kaabaatti ol guurrachaa turuus yaadachiisaniiru.
Akka hayyuun kun jedhanitti, Gibxi akka bookee Itoophiyaa marsuun akka titiisaa takka Somaaliyaa, takka Sudaan, takka Eertiraa seenuun gochuma kaleessaatti jirti. Ta’us Itoophiyaan biyya dinagdee jabaa ijaaraa jirtuufi humna loltuu qabduunis salphaatti kan kabalamtu waan hintaaneef Gibxi qaawwa barbaaduurratti ko’oommatteerti.
Kun hubatamee waldhabdee keessoo dhiphisuu, qaala’iinsa jireenyaa maqsuu, Raayyaa Ittisaa jabeessuufi dippiloomaasii cimsuurratti kutannoon hojjetamuu qaba. Kanaa achi Itoophiyaan gama hundaanuu ulaawwan galaanaa lamaa sadii argachuuf carraa bal’aa qabdi.
Hariiroo Itoophiyaafi biyyoota Arabaarratti qorannoo taasisuun kan beekaman Pirofeesara Gargaaraa Adam Kaamil gamasaaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan baroota dheeraaf mootii Galaana Diimaa jedhamtee beekamuun kan ishee aarse Gibxi Itoophiyaafi Galaana Diimaa adda baasuuf karaa fagoo imalteetti.
Itoophiyaan duraanuu bishaan harka 86 ol gumaachuun waa’ee Abbayyaa harka marattee taa’aa waan turteef bara baraan dhuunfaashee godhachurratti ciniinnattee hojjetaa turte. Akkaataa laga kana qofaashee fayyadamturratti qorannoo 1,500 adeemsisteetti. Kitaabilee 222 Itoophiyaa addunyaatti bulguu fakkeessan maxxansiteetti. Miidiyaaleen biyyattii 400fi gaazexeessitoonni 48 dhimma kana qofarratti xiyyeeffatanii hammeenya Itoophiyaa Arabiffaan addunyaatti lallabaa jiru.
Gibxi bishaan qofa miti Laga Abbayyaarraa kan fedhan waggaatti biyyoo gabbataa toonii miliyoona 10 argataniin investaroota addunyaa harkisaa jiraachuu himanii; Laga Abbayyaa dhuunfaatti fayyadamuuf lola kallattii bantetti salphattus maallaqa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu dhangalaastee Itoophiyaafi Galaana Diimaa adda baasuu cinatti Atsee Tewoodiroos ajjeesisuu keessatti milkaa’uushee yaadachiisaniiru.
Ulaan galaanaa har’aa Itoophiyaa dhimma ijoo ta’ee kan kaleessa shira Gibxiin Itoophiyaa harkaa ba’eedha. Itoophiyaaf yeroon dhufee har’a gaaffii ulaa galaanaa kaasuun boqqonnaa haaraa ta’uun ala cimtee hojjennaan ollootashee hunda biraa argachuuf carraa bal’aa qabdi. Milkaa’inasaatiif hojii dippiloomaasiifi nageenya keessoorratti cimtee hojjechuu qabdi.
Walumaagalatti, hojii dippiloomaasii jabaafi dhimmoota keessoorratti bal’inaan hojjennaan Itoophiyaan ulaa galaana lamaafi sadii ol gonfachuuf carraan qabdu olaanaadha.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017