“Sochiin paartiilee siyaasaa hafaniifi murnoota hidhatanii socho’an gara adeemsa marichaatti fiduuf taasifamu cimsee ittifufa” – Komishinii Marii Biyyaalessaa

Finfinnee: Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’ee erga hojii jalqabee waggoota lamaa ol ta’eera. Komishinichi waggoota lamaan darban keessa hojiilee gurguddoo raawwateera. Komishinichi akkuma hundaa’een humna namaa guuttachuun ummanni marii biyyaalessaarratti hubannoo gahaa akka qabaatu taasisaa tureera.

Komishinichi yeroo ammaa hirmaattota marii ajandaa walittiqabuurratti hirmaatan adda baasuun sadarkaa bulchiinsota magaalaafi naannoleetti marii adeemsisaa jira. Hojiin komishinichaa ittaanu ajandaa marii bocee gara mariitti seenuudha jedhu dubbii himaan komishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaa.

Obbo Xibabuun Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, komishinichi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hariiroo cimaa uumuun hubannoo hawaasni marii biyyaalessaarratti qabu gabbisuuf hojii bal’aa raawwateera. Hojiin komishinichaa inni ijoon maricha qindeessuufi adeemsisuudha. Mariin biyyaalessaa dhimma biyyaa waan ta’eef qooda fudhattoonni hedduun maricha keessatti qooda fudhachaa jiraachuus eeraniiru.

Adeemsa marii biyyaalessaa milkeessuun haala biyyattiin keessa jirtu keessaa ba’uuf gargaara kan jedhan Obbo Xibabuun, adeemsa marichaa milkeessuuf komishinichis loogiirraa bilisa ta’ee hojjechaa jira. Dhaabbileen siyaasaa, dhaabbileen mootummaa, mitimootummaa, amantaa akkasumas waldaaleen gara garaa, hawaasni siivikiifi qoodafudhattoonni hedduun maricha milkeessuuf bal’inaan hirmaachaa jiraachuus eeraniiru.

Mariin biyyaalessaa qaamolee hunda hirmaachisuu waan qabuuf sadarkaa aanaa irraa eegalee hawaasni, hayyoonni, hoggantoonni siyaasaa, diyaaspooraafi qaamoleen biroo akka irratti hirmaataniif hojiin hirmaattota fo’achuu adeemsifameera. Naannoo Amaaraafi Tigiraay irraa kan hafe hojiin hirmaattota marichaa adda baasuu xumurameera. Yeroo ammaa mariin ajandaa walittiqabuu naannoleefi bulchiinsota magaalotaatti haala mlkaa’ina qabuun adeemsifamaa jira. Ajandaan marii walittiqabamaa jiru bocamee dhumarratti mariif kan dhiyaatu ta’uus himaniiru.

Mariin ajandaa walittiqabuu naannolee Gaambeellaa, Beenishaangul Gumuz, Hararii, Affaar, Itoophiyaa Giddugaleessaa, Somaaleefi bulchiinsota magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaatti kan adeemsifame ta’uu himanii, mariin ajandaa walittiqabuu kun naannolee hafanittis kan ittifufu ta’a. Marii ajandaa walittiqabuu Naannolee Oromiyaa, Kibbaafi Itoophiyaa Kibba Lixaatti adeemsisuuf qophiin duraa xumurameera. Torbanoota lamaan dhufan marichi Naannoolee Kibbaafi Kibba Lixaa Itoophiyaatti adeemsifama. Marichi torban sadii booda ammoo Naannoo Oromiyaatti kan adeemsifamu ta’uu eeraniiru.

Akka Obbo Xibabuun jedhanitti, komishinichi haala Naannoo Amaaraafi Tigraay keessa jirurraa ka’uun hanga ammaatti naannolee lamaan keessatti hirmaattota marichaa adda baasuufi marii ajandaa walittiqabuu adeemsisuu hindandeenye. Haalli Tigraay keessa jiru hanga tokko sirrannaan komishinichi hojiisaa naannicha keessatti kan ittifufu ta’uus dubbataniiru.

Komishinichi rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jirurraa ka’uun hojiisaa naannichatti adeemsisuu kan hindandeenye ta’uu himanii, ta’us qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun leenjii hubannoo gabbisuu kennuuf yaalii taasiseera. Sochii kana aanaalee naannichaa hundatti adeemsisuun kan hindanda’amne ta’uus eeraniiru.

Komishinichi paartiileen siyaasaa hanga ammaatti maricharratti hinrmaanneefi qaamolee hidhannoon socho’an gara marichaatti fiduuf akka dhufaniif xiyyeeffannaan hojjechaa jira kan jedhan Obbo Xibabuun, paartiileen qaamolee maricharratti hirmaachuu qaban keessaa adda durumaan eeraman keessaa isaan tokko waan ta’aniif gara marichaatti fiduun hojii cimee ittifufuu qabu ta’uu himu.

Paartiilee 10 hincaalle sababoota gara garaa tarreessuudhaan adeemsa marichaarratti hirmaachaa kan hinjirre ta’uufi isaanis akka hirmaataniif sochii taasisaa jiru cimsee kan ittifufu ta’a jedhan. Dhimma kanarratti Mana Maree Waliinii Paartiilee Siyaasaa Itoophiyaa waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’amuus himaniiru.

Komishinichi murnoonni seeraan ala hidhatanii socho’anis adeemsa marichaarratti akka hirmaataniif qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himanii, komishinichi isaan simachuuf qophii ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You