Oromiyaatti bara omishaa 2016/17 hojiileen omishaafi omishtummaa qonnaa guddisan hedduun raawwatamaniiru

Finfinnee: Oromiyaatti bara omishaa 2016/17 hojiileen omishaafi omishtummaa qonnaa guddisan hedduun raawwatamaniiru. Bara omishichaatti lafa heektaara miliyoona 11.2 omishaalee gara garaatiin uwwisuun omishni kuntaala miliyoona 337 kan eegamu ta’uu Biiroon Qonna Oromiyaa ibseera.

Hogganaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsa Kibxata darbe miidiyaaf kennaniin, bara omishaa 2016/17 dameelee qonnaa hunda keessatti hojiileen omishaafi omishtummaa qonnaa guddisan hedduun karaa walfakkaataa ta’een raawwatamaniiru. Bara omishichaatti lafa heektaara miliyoona 10.8 omishaalee gara garaatiin uwwisuuf karoorfachuun lafa heektaara miliyoona 11.2 omisha akaakuu gara garaatiin uwwisuun danda’ameera.

Lafa waliigalaa omishaalee gara garaatiin uwwifame keessaa lafa heektaara miliyoona saddeetiifi kuma 651 (%78) kilaastaraan qotuun danda’ameera. Lafa waliigalaa midhaanota akaakuuwwan gara garaan uwwifame keessaa lafti heektaara miliyoona 4.8 (%43) ammoo tiraaktaraan qotameera. Kun qonni naannichaa gara teknolojii qonnaa fayyadamuutti ce’aa jiraachuu agarsiisa. Lafa waliigalaa bara omishaa 2016/17 midhaanota gara garaan uwwifamerraa omisha kuntaala miliyoona kuma 337 sassaabuuf karoorfamuus eeraniiru.

Biiroon Qonna Oromiyaa bara omishichaatti wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, omishaalee alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuu, omishaalee alergii guddisuufi dameen qonnaa carraa hojii bal’aa akka uumu taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa turuu himanii, inisheetiivonni qonnaa carraa hojii bal’aa uumuu danda’an gara garaas bocamanii hojiirra oolaniiru. Hojiilee gama kanaan raawwatamaa turaniin milkaa’inniifi jijjiiramni guddaan mul’achuus himaniiru.

Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf keessumaa omisha boqqolloofi mishingaarratti xiyyeeffatamee hojjetamaa ture. Bara darbe lafa heektaara miliyoona lama boqqolloodhaan, lafa heektaara miliyoona 1.4 ammoo mishingaadhaan uwwiffameera. Omishaaleen kunneen keessumaa wabii midhaan nyaataa naannawaa gammoojjii mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa kan qaban ta’uus dubbataniiru.

Midhaanota biyyoota alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuuf omisha qamadii, ruuziifi garbuu biiraa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa turuu himanii, ganna darbe kana lafa heektaara miliyoona sadiifi kuma 165 omisha qamadiitiin uwwisuun danda’ameera. Ganna darbe kana garbuun biiraa lafa heektaara kuma 528 irratti misoomsuun danda’ameera. Garbuu biiraa biyya alaarraa galu omisha biyya keessaatiin erga bakka bu’ee waggoota lama kan lakkoofsise ta’uus eeraniiru.

Omishni ruuzii waggoota lamaan dura Oromiyaatti kan hinbeekamne ta’uu himanii, waggoota lamaa as garuu omisha ruuziif xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa tureera. Bara darbe lafa heektaara miliyoona tokkoofi 918 ruuzii misoomsuun danda’ameera.

Bara omishaa 2016/17 omisha midhaan zayitiifis xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjetamaa turuu himanii, bara omishichaatti lafa heektaara kuma 603 atara gabbataan, lafa heektaara kuma 518 lawuziin, lafa heektaara kuma 180 omisha suufiin uwwisuun danda’ameera. Omishni lawuzii naannoo Oromiyaa bakka hundatti omishamuu danda’a. Omishni kun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruufi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qaba. Omishni suufii ammoo fedhii zayitii biyya keessaa guutuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Omishaalee alergiifis xiyyeeffannaa guddaan kennamee irratti hojjetamaa turuu kan himan Obbo Geetuun, bara omishichaatti lafa heektaara miliyoona tokkoofi kuma 81 boloqqeen, lafa hektaara kuma 500 saliixiin, lafa heektaara kuma 312 ammoo maashoon uwwisuun danda’ameera.

Guddistuu callaa yeroon qonnaan bultootaaf dhiyeessuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti iddoo guddaa kan qabu ta’uu himanii, bara darbe guddistuu callaa kuntaala miliyoona 8.7 dhiyeessuun kuntaala miliyoona 8.64 yeroon qonnaan bultoota biraan ga’uun danda’ameera. Qonnaan bultoonni kompostii raammoos bal’inaan qopheessanii akka fayyadaman ta’eera. Barri omishaa 2016/17 bara hojii qonnaatiin milkii gaariin itti argame, bara inisheetiivonni qonnaa karaa yaadameen itti milkaa’aniifi bara damee qonnaatiin jijjiiramoonni guguddaan itti mul’atan ta’uus eeraniiru.

Bara darbe loowwan miliyoona 1.6 ta’an tajaajila mala namaan kan diqaaloman ta’uu himanii, barana ammoo loowwan miliyoona 2.5 tajaajila kanaan diqaalomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Hojii hanga ammaatti raawwatameen loowwan kuma 657 ol tajaajila mala namaan diqaalomsuun danda’ameera.

Omisha dammaa guddisuufi qulqullinasaa mirkaneessuuf bara darbe gaagura ammayyaa miliyoona tokkoofi kuma 31 ta’u qonnaan bultootaaf dhiyeessuun danda’ameera. Barana ammoo gaagura ammayyaa miliyoona 1.5 ta’u qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti gaagurri ammayyaa kuma 300 ta’u qonnaan bultootaaf dhiyaateera.

Omishaafi omishtummaa bunaa guddisuuf bara darbe biqiltuun bunaa biliyoona 2.51 ta’u qopheessuun lafa dhaabbiidhaaf qophaa’erra kan dhaabame ta’uu himanii, hojiin omisha shaayiis bara bal’inaa adeemsifamaa jira. Ganna darbe biqiltuun shaayii lafa heektaara kuma afur irra kan dhaabame yoo ta’u, barana ammoo lafa heektaara kuma 30 omisha shaayiitiin uwwisuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Omisha muuziifi abukaadoorrattis hojii bal’aan hojjetamaa jira. Alergiin omisha abukaadoos haala gaariin ittifufeera.

Bara darbe hojii eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaatiin walqabatee ganna darbe biqiltuuwwan biiliyoona 5.1 lafa heektaara miliyoona 3.1 irra dhaabamuus himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You