Itoophiyaan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa qopheessuuf gaaffii dhiheessite

Itoophiyaan biyyoota kubbaa miilaa Ardii Afrikaatti hundeessan keessaa takka taatus waggootan darban keessa guddina gama kanaan isheerraa eggamu galmeessuu hin dandeenye jechuudhaan pirezidaantiin federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa mul’isan.

Guddina kubbaa miilaa Itoophiyaa kanaaf gufuu kan ta’an keessaa inni guddaan iddoowwan oolmaa ispoortii, keessumaa rakkina istaadiyeemii ammayyaa ga’aa dhabuu akka ta’es pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraa ni mul’isu.

Rakkina yeroo dheeraadhaaf ture kanaaf furmaata kennuuf mootummaan Itoophiyaa bu’uuraalee misoomaa babal’isaa jira jedhu.

Yaada Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad dhiheessaniin, Itoophiyaan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa ALA bara 2029 qopheessuuf gaaffii dhiheessuudhaan irratti waliigaluuf ittifufaa jirtis jedhaniiru.

Ispoortiin Itoophiyaa qabxii galmeessisu bira taree haala gaarii biyyatii agarsiisuuf mootummaafi abbootii qabeenyaa wajjin hojii qindaa’aa hojjechuuf yaaliin taasifamaa akka jirus tuqanii, keessumaa bara bajataa 2017 hojiiwwan dippilomaasii ispoortii cimsuutti dabalee hojiiwwan guguddoon hojjetamuus ibsaniiru.

Pirezidaantichi ittifufuudhaan Onkoloolessa 11 bara 2017 gaggeessitoota hojii biyyoota miseensota Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (“CAF”)fi taphattoota beekamoo kubbaa miilaa Itoophiyaa durii jidduutti walmorkiin kubbaa miilaa adeemsifamuuf beellamni qabamuusaa ibsaniiru.

Yaa’iin dimshaashaa Konfedereeshinii kubbaa miilaa Afrikaa Onkololeessa 12 magaalaa Finfinneetti akka banamu kan mul’isan Obbo Isaayyaas, yaa’iiwwan kanneen fakkaatan wayita adeemsifaman walitti dhufeenya biyyootaa cimsu kan uumuufi galii biyya alaa argamsiisuudhaan shora olaanaa taphatas jedhaniiru.

Itoophiyaan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 2029 qopheessuuf gaafiin isheen dhiheessite kun deebii kan argatu yaa’ii dimshaashaa Morookoon bara dhufuuf keessummeessiturratti ta’uus himaniiru.

Miilkaa’ina kanaaf ammoo Itoophiyaan hojiiwwan ijaarsaafi haaromsa istaadiyeemii bal’inaan gaggeessaa jirti. Keessumaa Istaadiyeemiin Finfinnee, kan Aqaaqii dabalatee Baahirdaariifi, Hawaasaa haarreffamaa waan jiraniif qophii kanaaf ni dhaqqabu jedhaniiru.

Itoophiyaan shaampiyoonaa buunyaa biyyoolessaa, waancaa kubbaa miilaa dubartootaa Afrikaa, shaampiyoonaa teenisa miinjaalaa Afrikaa, shaampiyoonaa kubbaa harkaa biyyoolessaa Afrikaa qopheessuusheetti muuxannoo argameen waancaa kubbaa miilaa Afrikaa qopheessuuf ga’een isheen qabdu ga’aadha jedhaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You