“Itoophiyaan Afrikaa bahaa keessaa bakka invastimantii mijataa ta’aa jirti” – Doktar Zallaqaa Tamasgeen

Waantota guddina dinagdee biyya tokkootiif murteessoo ta’an keessaa dameen invastimantii isa ijoodha. Invastimantiin biyya keessaas ta’e alaa fedhii omishaa guutuurra darbee galii argamsiisuufi carraa hojii bal’aa uumuun dinagdee biyyaa kallattiidhaan utuba. Akkasumas hanqina sharafa alaa mul’atuufis furmaata.

Erga yeroo dhihoo as ammoo akeekni mootummaa hirmaannaa abbootii qabeenyaa guddisuu waan ta’eef keessumaa kanneen biyya alaatii dhufanii invasti gochuu barbaadan akka dabaluuf ji’oota muraasa dura fooyyessa dinagdee gooroo taasiseera. Kanaanis ji’oota sadan darban qofatti gaaffiin invastimantii biyya alaa 72 dhihaachuufi kunis kan yeroo walfakkaataa bara darbee wajjin yommuu madaalamu %12 ta’uu Komishiniin Invastimantii Itoophiyaa ibseera.

Obbo Abbabaa Nagaraa, Zoonii Indastirii Istarniitti Gaggeessaa Hojii Dhaabbata Indastirii Alumineemii ‘Huaji’ jedhamuuti. Akka isaan jedhanitti, dhaabbatichi ALA 2017, kaappitaala qarshii miliyoona 181n kan hundaa’e yoo ta’u, hojjettoota 171 dhaabbiidhaan mindeessee hojjechiisaa jira. Warshichi pirofaayilii aluminiyeemii bifaafi akaakuu addaddaa guyyaatti toonii 10-12 kan omishu yoo ta’u, gabaa biyya keessaatiif dhiyeessa.

Leecalloowwan hojii kanaaf ta’anis wantoota sibiila hintaaneefi tajaajilasaanii xumuran walittiqabuun deebisanii hojiirra kan oolchan ta’uu kaasanii, bakka hanqina qabanitti ammoo biyya alaarraallee akka galchan dubbatu. Hojiisaanii kanarratti deeggarsi mootummaa olaanaa ta’uu kaasanii, hanqinni sharafa alaatti garuu ammallee rakkoon jiraachuu kaasu.

Kaampaaniiwwan zoonichatti argaman keessaa inni biraan Gaarmantii Liindee Itoophiyaa yoo ta’u, Gaggeessaan Hojii Dhaabbatichaa Mistar ‘Ge Yifan’ akka dubbatanitti, dhaabbanni ALA bara 2013 hundaa’e kun, namoota 1000 oliif carraa hojii kan uume yoo ta’u, jalqabarratti omisha dhaabbatichaa gabaa addunyaaf dhiheessaa kan turan ta’us ammaan tana guutummaatti biyya keessaaf dhiheessaa jiraachuu dubbatu. Adeemsa hojiisaanii keessatti deeggarsi gama mootummaatiin taasifamuuf gaarii ta’uu himanii, rakkoon hanqina sharafa alaa gaaffii ijoosaanii turuufi ammallee jijjiiramni jiraatus guutummaatti waan hinhiikamneef xiyyeeffannaa akka barbaadu ibsu.

Komishinarri Ittaanaan Komishinichaa Doktar Zallaqaa Tamasgeen sagantaa daawwannaa Zoonii Indastirii Istarnii torban darbe taasifamerratti akka jedhanitti, riifoormii taasifameen walqabatee bakka invastimantii mijataa uumuuf fooyyessiwwan seeraa, dinagdeefi kanneen biroo taasifaman lakkoofsi invastaroota biyya alaa gara Itoophiyaa dhufanii misoomsanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira.

Labsii kanaan dura komishinichi ittiin gaggeeffamaa ture haala hawwataa ta’een sirreessuun qaama riifoormii taasifame keessaa tokko. Kanaanis biyyittiin Afrikaa Bahaarraa bakka invasimantii mijata’aa ta’uu dandeesseetti. Kun garuu qabeenya kuufamaa biyyattiin qabdu wajjin yommuu madaalamu ga’aa waan hintaaneef caalaatti hojjechuu barbaachisa.

Akkasumas yeroo jalqabaatiif labsiin zoonii dinagdee haala adda ta’een qophaa’ee dhiheenya Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’uu eeranii, kanarraa ka’uun komishiniinsaanii qajeelfamawwan qopheessuun hojiitti seenamuu dubbatu. Fooyyeessa dinagdeefis waliigalteen Baankii Biyyaalessaa wajjin taasifame bakka invastimantii mijataa uumuu kan dandeessisan ta’uu dubbatu.

Ergamni ijoon Komishinii Invastimantii Itoophiyaa haala mijataa uumee abbootii qabeenyaa biyyoota alaatii fiduu ta’uu himanii, kana keessaa paarkiiwwan indastirii mootummaan ijaare akkasumas abbootiin qabeenyaa dhuunfaa Chaayinaa ijaaraniifi paarkiiwwan indaastirii qindaa’oo naannoleetti argamanitti hojii ijoo hojjetamaa jiru ta’uu ibsu. Paarkiin alas wantoota barbaachisoo guutuudhaan akka misoomsaniif carraan akka kennamu himu.

Paarkiiwwan indastirii abbootii qabeenyaa dhuunfaan ijaaraman keessaa Zooniin Indastirii Istarnii isa tokko ta’uu kan himan Doktar Zallaqaan, kunis isa adda dureefi guddicha abbootii qabeenyaa biyyoota alaa 153 qabu ta’uu kaasu.

Kunis %95 ol abbootii qabeenyaa biyya Chaayinaarraa dhufaniin kan qabame ta’uufi kanneen hafan biyyoota Hindii, Ingiliiziifi kanneen biroorraa kan dhufan keessatti akka argaman dubbatu.

Akka isaan jedhanitti, invastimantii abbootii qabeenyaa Chaayinaatiin walqabatee yeroo ammaa pirojektonni kuma sadiifi 309 kan jiran yoo ta’u, kunis kaappitaala doolaara biliyoona 8.5 ol Itoophiyaatti dhanagalaasuu danda’aniiru. Gama carraa hojiitiinis namoonni kuma 325 ol dhaabbiifi yerootiin fayyadamoo ta’aniiru.

Yommuu abbootiin qabeenyaa alaa dhufanii Itoophiyaatti invasti godhan wantoota milkeessuuf barbaadaman keessaa tokko alergii irratti hirmaachuun wantoota alaa galan akka hir’isan taasisuu ta’uu eeranii, abbootiin qabeenyaa kunneenis kanarratti shoora olaanaa taphachaa jiraachuu dubbatu. Kana malees carraa hojii uumamu cinaatti ce’umsa dandeettii, beekumsaafi teknolojii mirkaneessuu yoo ta’u, gama kanaanis hojiilee jajjabeessoon hojjetamaa jiraachuu kaasu.

Gama walitti hidhamiinsa gabaa uumuutiinis abbootii qabeenyaa biyya keessaa kanneen biyya alaa wajjin walittihidhamiinsa uumanii akka muuxannoo waljijjiiraniifis hojiin hojjetame milkaa’aa ta’uu kaasanii, fuuldurattis qabeenya kuufamaa Itoophiyaan qabduufi haala mijataa mootummaan uumeen bu’aalee argaman kanneen caalaatti cimsuuf yaadamuu dubbatu.

“Itoophiyaan bakka invastimantii mijataa Afrikaa Bahaa qofa akka taatuuf miti hojjetamaa kan jiru, sadarkaa biyyoolessaattillee filatamtuu akka taatuuf hojjetama. Fooyyessa taasifameenis ji’oota muraasa keessatti fedhiin invastimantii kan dabaleef kanumaafi. Kunis sektaroota ijoo jedhamanii adda baafaman, maanufaakchariingii, Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoo (ICT), albuuda, turizimiifi ijaarsa manneen irratti fedhiin jiru dabalaa dhufeera” jedhu.

Komishinichatti, ittaanaan komishinaaraa biraan Obbo Dagaattoo Kumbee akka jedhanitti, abbootiin qabeenyaa biyya alaa gara Itoophiyaa dhufanii akka misoomsaniif, sharafa alaa gahaa akka argamsiisaniif, carraa hojii akka bananiifi ce’uma teknolojiifi beekumsaa akka dabarsaniif hoji bal’aan hojjetamaa jira.

Mootummaanis gara biyyaatti isaan waamee hirmaachisuu qofa osoo hintaane rakkooleesaanii itti dhiheenyaan furuuf akkasumas, deeggarsa barbaachisu taasisuuf qaama dhimmisaa ilaallatu waliin hojjechuuf karoorfatee hojjetaa jiraachuu himanii, riifoormiin diinagdee maakiroo taasifamees qaamuma haala mijataa uumuu ta’uu kaasu.

Dameewwan daldalaa kanaan dura abbootii qabeenyaa alaatiif cufaa turan kanneen akka aleergiifi alaa galchuu akkasumas, qinxaaboofi jimlaa banaa ta’uusaaniitiin fedhiiwwan addaddaa mul’ataa jiraachuu himanii, kanarraa ka’uun Adoolessa darbeerra kaasee hanga yoonaa gaaffiileen invastimantii 72 ta’an dhihaachuufi kanneen keessaa 41 daldala alaa galchuu (‘import’) irratti, 31 ammoo daldala aleergiirratti (‘export’) kan dhihaatan ta’uu dubbatu.

Kaampaaniiwwan gaaffii dhiheessan keessaa 22 piroppozaala komishinichaaf kan dhiheessan yoo ta’u, maanaajimantiin komishinichaas erga gaaffii dhihaate gadifageenyaan qoratee booda kaampaaniiwwan 12 fudhatamummaa argachuu kan himan komishinarri ittaanaa kun, kanneen keessaa saddeet abbootii qabeenyaa Chaayinaa ta’uu kaasu.

Kanaafis sababoonni addaddaa jiraachuu kan himan Obbo Dagaattoon, keessumaa Itoophiyaan qabeenyaan kan badhaate ta’uunshee, fooyyessi dinagdee yeroo yeroon taasifamuun akka isaan filannoosaanii taasifatan taasiseera jedhu. Gaaffii yeroo dheeraa abbootii qabeenyaa kan ture hanqina sharafa alaa yoo ta’u, kunis leecalloowwan barbaachisan alaa bitachuuf danqaa turuu yaadachiisanii, riifoormiin Baankiin Biyyaalessaa dhiheenya taasiseen walqabatee gaaffiin baankichaaf dhiheessan abdachiisaa waan ta’eef dhihootti akka hiikamu kan abdatan ta’uu kaasu.

Walumaagalatti, babal’achuun invastimantii alaa faayidaan gama hedduu waan qabuuf sochii mootummaan kana hubachuun taasisu jajjabeeffamuu kan qabuudha.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You