‘ICC’n hoggantoota Afrikaa adamsuuf malee haqa Afrikaa kan kabachisiisu waan hintaaneef, ardittiin mana murtii mataashii qabaachuun dirqama” -Obbo Teewdiroos Geetaachoo

Sochiin turizimii torbee lamaan darbanitti ayyaanota guguddoo akka Gubaa Masqalaafi Irreechaatiin eegalame, torbee turizimii Oromiyaatiin dabaalamee, yaa’ii Ministiroota Ittisaa Afrikaa simatee, walga’ii Dargaggoota Afrikaa damee wabii nyaataa mirkaneessuu isa jalqabaatiin hordofamee yaa’ii Waldaa Ogeeyyota seeraa Afrikaa waammatee waqtii turizimii addaan hincitne magaalaa Finfinneetiif uumeera; yaa’iiwwan ardiifi idiladdunyaa biroonis ittifufuun akkuma jirutti ta’ee.

Hariiroo kanfiransiin turizimii kun Itoophiyaa waliin qabuufi Finfinneen immoo teessoo dhaabbilee Addunyaa hedduufi kan Gamtaa Afrikaa danuu ta’uunshii yaa’a turizimii addaan hincitne kanaaf sababa yemmuu ta’u, nutis qopheessitoota taateewwan turizimii konfiransii kanneen keessaa kan torbanuma kana Galma Gamtaa Afrikaatti eegalamee marii bal’aa Hoteela Iskaayilaayititti goolabamee yaa’ii Waldaa Ogeeyyii Seeraa Afrikaarraa kaanee dhimmoota seeraan walqabataniifi seerota jajallatoo Afrikaa ittiin miidhuuf Addunyaarratti hojirra oolaa jiran gara garaarratti Pirezidaantii Ittaanaa Waldaa Ogeeyyota Seeraa Afrikaa keessummaa maxxansa kanaa taasifanneerra.

Bariisaa: Walhaabarruutii mee maqaa keessan guutuufi gahee hojii keessanii nuu ibsaa?

Obbo Teewdiroos: Bareedakaa. Teewdiroos Geetaachoo Tulluun jedhama. Ogummaankoo dhimma seeraa yemmuu ta’u, ammaan tana Waldaa Abukaatota Itoophiyaa Pirezidaantummaadhaan hogganaa jira. Dabalataan immoo Pirezidaantii Ittaanaa Waldaa Ogeeyyota Seeraa Afrikaa ta’ee tajaajiluurrattin argama.

Bariisaa: Mee yaa’ii Paan Afrikaa Waldaalee Seeraa yeroo ammaa Itoophiyaatti adeemsifamaa jiru dhimmoota akkamii irratti akka xiyyeeffatu osoo nuu ibsitanii?

Obbo Teewdiroos: Tole. Yaa’iin yeroo ammaa biyya keenyatti adeemsifamaa jiru kun, yaa’ii idilee 14ffaa Waldaalee Ogeeyyota Seeraa Paan Afrikaa yoo ta’u, miseensota waldichaa biyyoota Afrikaa 43 irraa baba’aniifi ogeeyyota seeraa sadarkaa Addunyaatti beekaman kanneen kaampaaniiwwan guguddoo gara garaa Addunyaatiif Abukaatoo ta’anii hojjachaa jiran akkasumas hayyoota yunivarsiitiwwan guguddoorraa hirmaataniin kan gaggeeffamaa jiruudha.

Kaayyoo ijoon yaa’ii kanaa hojiiwwan waggaa guutuu waldichi gaggeessaa ture qorachuudhaan kallattii gara fuula duraa kaa’uu yoo ta’u, kanaaf Wiixata darberraa kaasee koreen raawwachiiftuu hojii yaa’ichaa walga’ii cufaa gaggeessaa ture.

Dhimmootni koreen raawwachiiftuu hojii waldichaa yaa’ii idilee waldichaa dura taasise rakkoolee guguddoo dhimma seeraatiin walqabatanii Ardii Afrikaatti bara bajataa kanatti raawwatamanirratti mari’achuufi kallattii gara fuula duraa akeekuuf yoo ta’u, gabaasa hojii zooniiwwan Afrikaa shanan keessaa dhufanis iddoo tokkotti dhaggeeffachuudhaan qorannoon irratti adeemsifameera.

Bariisaa: Zooniiwwan Afrikaa isaan kam?

Obbo Teewdiroos: Bareeda. Afrikaan zooniiwwan shanitti qoodamti. Isaanis zoonii Afrikaa Bahaa kan Itoophiyaa dabalatee biyyootni akka Keeniyaafi Taanzaaniyaafaan keessatti argaman; zoonii Afrikaa Lixaa kanneen biyyootni akka Naayijeeriyaafaa of keessaa qabu akkasumas zoonii kaabaa biyyoota akka Morokoofaa keessatti hammatamaniifi zoonii kibbaa biyyootni akka Afrikaa Kibbaa itti argamaniifi kan giddugaleessaa jedhamaniidha.

Gara haasaa addaan najalaa kutteetti yemmuun deebi’u, Roobii darbe waaree dura Gamtaa Afrikaatti walga’iin mana maree waldichaa gaggeeffameera. Guyyuma sana waaree booda sirni jalqabsiisa yaa’ii Waldaalee Ogeeyyota Seeraa Paan Afrikaa bakka hoggantootni olaanaan gara garaa argamanitti ifaan eegalame.

Hoggantoota olaanaa yommuu jennu kanneen mootummaa Itoophiyaa qofa osoo hintaane, kan dhaabbilee addunyaa gara garaa biyya kanatti argaman hogganan, embaasiiwwan Finfinneetti argaman heddurraa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaarraayyis hoggansi sadarkaalee adda addaarratti argamaniidha.

Guyyaa Kamisa ganamarraa kaasee immoo hirmaattotni yaa’ichaa dhimmoota gara garaa sadiirratti galmawwan adda addaa sadiitti qoodamuudhaan waraqaaleen qorannoo ogeeyyota seeraa guguddoo biyyoota adda addaatiin qorataman dhihaatanii irratti mari’atameera.

Waldaan Ogeeyyota Seeraa Paan Afrikaa kun biyyoota Afrikaa 44 keessatti kan argamu yoo ta’u, waldaaleen kunneen immoo biyyoota keessa socho’anitti miseensota kumaatamatti lakka’aman of jalaa qabu.

Bariisaa: Waldaan Ogeeyyota Seeraa Afrikaa kun hanga ammaatti seerota Afrikaatti hojiirra oolanirratti hangam dhiibbaa uumeera?

Obbo Teewdiroos: Hundeeffamasaarraa eegalee akkuma kaayyoottuu qabatee kan ittiin hundeeffameef dhimmoota akkanaarratti sagaleesaa dhaggeessisuuf yemmuu ta’u, keessattuu gaaddisa guddaa Afrikaanotaa kan ta’e Gamtaa Afrikaatti seerotni dhimmoota ardittiitiin walqabatanii bahan kan hawaasa giddugaleeffatan akka ta’an, aanga’oota qofa tajaajilaniifi yeroo hoggansi geeddaramutti seerri haaraan ittibahu akka hintaaneef hojii guddaa hojjachaa turre, ammas ittuma jirra.

Akka carraa ta’ee garuu tarsiimoowwaniifi imaammata biyyoota gara garaa keessatti bocamanii hojiirra oolaniif ka’umsa kan ta’e seerri kan bocameefi uumames Afrikaa xiyyeeffannoo keessa galchee haala ardichaaf mijatutti osoo hintaane, biyyoota lixaa dursanii guddatanirratti hundaa’eeti.

Kanaaf seerota qaama biraatti safaramee bocamee bahan akka Afrikaatti akka ta’utti sirreessanii hojiirra akka oolan taasisuu keessatti Waldaan Ogeeyyota Seeraa Afrikaa sochii addaan hincitne taasisaa jira.

Bariisaa: Gara waldaa keessan, Itoophiyaatti yoo deebinu hojii haqa ce’umsaa mirkaneessuuf akka biyyatti hojjatamaa jiru keessatti hirmaannaan keessan akkamitti ibsama?

Obbo Teewdiroos: Guyyaa jalqaba imaammatni haqa ce’umsaa wixineeffamurraa eegalee waldaan keenya, miseensotni waldaa keenyaas hirmaannaa guddaa taasisaniiru. Inumaayyuu karoora wixineessituu imaammata haqa ce’umsaa keessa galuudhaan gumaacha olaanaa bahanneerra.

Kana qofaan hindhaabanne. Erga sanadichi wixineeffamee bahee boodas walga’iiwwaniifi mariiwwan sanada imaammata haqa ce’umsaa kana cimsuufi galtee funaanuuf taasifaman irrattis hirmaannaa ho’aafi galteewwan imaammaticha keessatti hammatamuu qaban gumaachineerra.

Hojiin kun deeggarsa dhaabbilee misoomaa gara garaa waliin ta’amee yoo dalagame malee ulfaataadha. Kanaaf jecha osoo rakkooleen akkanaa nu hinmuudatiin hirmaannaa keenya bifa gahaa ta’een bahachuuf rakkoolee maallaqaafi bajataatiin walqabatanii uumaman hir’isuuf dhaabbilee misoomaa waliin mari’achaa jirra.

Kanaaf yeroo mariin kun xumuramee qaama faayinaansiidhaan nu deeggaru argannutti waldichis ta’e miseensotnisaa iddoowwan barbaachisaa ta’an hundatti socho’uudhaan gumaacha hojii kanaaf barbaachisu bifa gahaa ta’een bahachuuf qophiidha.

Bariisaa: Seerotni sadarkaa addunyaatti bahan dhimma Afrikaa xiyyeeffannoo keessa akka galfataniif hordoffiin Waldaa Ogeeyyota Afrikaatiin taasifamu akkamiin ibsama?

Obbo Teewdiroos: Hirmaattotuma yaa’ii kanarratti hirmaachuuf yeroo ammaa Itoophiyaa jiran kanneen yoo ilaalte, isaan biyyoota Afrikaa gara garaarraa gama waldaalee ogeeyyota seeraasaaniitiin bakka buufamanii hirmaatan qofa osoo hintaane, abukaatotaafi ogeeyyota seeraa sadarkaa addunyaatti dhaggeettii qaban hedduutu jiru.

Kana maaliif sii kaase seete, akka carraa ta’ee yommuu kaarikulamii barnoota seeraarraayyuu kaatu maddi ka’umsaafi wanti inni akka bu’aatti milkeessuuf kaayyeeffatee tumamu biyyootuma guddatanirratti hundaa’eeti.

Kanaaf adeemsi seerota sadarkaa Addunyaatti bahanii kan hunda fakkaatuufi haala jiruufi jireenya hawaasa Addunyaa biyyoota hundaa keessa jiru tajaajiluu danda’uu akka ta’uuf qabsoon hoggantoota biyyoota guddachaa jiraniinis ta’e ogeeyyota seeraa biyyoota guddachaa jiraniin taasifamu kun kan milkaa’uu danda’u yoo isaanuma keessaa namoota amansiisanii dhimma kana fudhachiisuun danda’ame qofa.

Nutis yemmuu yaa’ii kana qopheessinu miseensota waldaalee ogeeyyota seeraa biyyoota Afrikaatti argamanirra dabarree wanti hoggantoota dhaabbilee seeraa sadarkaa addunyaatti dhageettii qaban, yunivarsitiiwwan biyyoota guddataniitti barnoota seeraa barsiisaniifi abukaattota seeraa dhaabbilee bebbeekkamoo kan hirmaachifneef qabsoo kana akka nu deeggaraniif yaadneeti.

Seerri tokko yemmuu sadarkaa addunyaatti bahuuf jedhu sadarkaa wixinee seeraarraa kaasee ogeeyyotni biyyoota addunyaarraa babahan akka hirmaataniif dhaabbileen maqaa mirgoota namoomaafi dimokraasiitiin gurmaa’anii sadarkaa addunyaatti socho’anis keessoosaaniitti miseensa hawaasa addunyaa bal’aa agarsiisuu danda’u akka hammataniifi hojiin isaan mirgoota namoomaafi dimokraasii mirkaneessuuf hojjetanis biyyoota guddataniifi guddachaa jiran gidduutti loogii tokko malee haqaan walqixa hojiirra ooluu akka qaban kan taasifamu yemmuu hirmaannaan walqixni jiraate qofa.

Namootni kunniin biyyasaaniifi biyyoota keessatti dhaabbilee gara garaa hoggananitti warreen dhageettii olaanaa qaban waan ta’aniif seerotniifi imaammaattootni sadarkaa addunyaatti dhaabbilee idiladdunyaatiin bocaman biyyoota addunyaa hunda bu’uura taasifachuu akka qabanirratti dhiibbaansaanii akka salphaatti kan ilaallamuu miti.

Kanaaf, nutis jara kana yaa’iiwwan akkanaafi kanneen biroorratti hirmaachisuudhaan dhugaafi komii Afrikaan seerota akka addunyaatti bahanirratti qabdurratti hubannoo gahaa uumnee jarris qabsoo kana amananii akka fudhataniifi rakkoolee kanneen sirreessuuf tarkaaffiiwwan fudhatamuu malanirrattis shoora olaanaa akka bahatan taasisuun cimnee kan ittifufsiifnu ta’a jechuudha.

Bariisaa: Dhimmootni Afrikaa ilaallatan keessumaa gama seeraatiin Afrikaanotumaan akka furamaniif sochii akkamii taasisaa jirtu?

Obbo Teewdiroos: Gaaffii daran bareeda nagaafatte. Sababnisaas; jalqabarratti wanti nuti sirritti ifee akka mul’atu barbaannus gaaffiidhuma ati nagaafatte kanaan kan walqabatu yaadrimee Paan Afrikaaniizimii kana. Dhimmi kun immoo waan akka salphaatti ilaalamu akka hintaane hubatamuu qaba.

Yommuu Paan Afrikaaniizim jedhamu damee seeraa, damee fayyaafi qonnaa jedhamee kan addaan qoodamu osoo hintaane, hojiiwwan biyyoota Afrikaa kamittuu hojjataman keessatti giddu lixummaa qaama alaa malee rakkoo uumame sanaaf furmaata yaadama Afrikaanota ganamaarraa maddan kennuu jechuudha.

Yaadamni Afrikaanotaa inni ganamaa mirgaafi hiree Afrikaanotaarratti Afrikaanotni qofti akka hirmaataniifi rakkoolee Afrikaanota keessattis ta’e gidduu biyyoota Afrikaatti uumamaniifis furmaatni biyyoota guddataniifi humna dinagdeefi siyaasaa horatan halaalaa dhufanirraa eeguu osoo hintaane, biyyootuma Afrikaa ollaa sana jiraniin furmaanni akka kennamu dandeessisuudha.

Akkuma beekamu hojiin dhimma yaadama Afrikaa kana lafa qabsiisuufi deebisanii dagaagsuu kun kan socho’u dhaabbilee gargaarsaa biyyoonni guddatan hundeessaniini. Kanaafuu qaamoleen maqaa dhaabbilee gargaarsaa hojiilee biyyoota Afrikaa keessatti hojjataman kanneen deeggaruuf hundaa’an kunniin hojiiwwan kana maallaqaan osoo gargaaranuu ergama dhokataa Afrikaanota gidduutti tokkummaan obbolummaarraa maddu akka hinuumamneef hojjachuunsaanii kan hinoolle waan ta’eef hojii of eeggannoo cimaadhaan hojjatamuu qabuudha.

Kanaaf nuti akka waldaalee ogeeyyota seeraa Afrikaatti hoggantootni Afrikaa rakkoolee ummatasaaniirratti uumamaniif furmaata Afrikaawaa ta’e akka barbaadaniif hojii gorsaafi akeeka seeraa ni kennina. Yaada furmaataa dhimmoota gara garaarratti dhiheessinee hoggantootni fudhatanii imaammataafi tarsiimoo biyyasaanii keessatti akka hammachiisan ni taasifna.

Wanti akka aadaa baratamaatti fudhatamee hanga ammaatti furmaata quufsaa dhabuudhaan har’as Afrikaadhaaf akka gufuu guddaatti ilaalamu tokko jira. Innis maali yoo jette, yeroo hedduu yemmuu waldhabdeewwan biyyoota Afrikaa gidduutti uumaman furmaanni biyyoota Afrikaa ollaa sana jiraniif waa’ee rakkinichaarratti hubannoo gahaa qaban irraa osoo hintaane, biyyoota lixaa waa’ee dhimmichaa dhiheenyaan hinbeekneefi furmaata faayidaa dhuunfaasaaniirratti hundaa’anii kennan irraati.

Kanaafuu, hanga rakkoolee Afrikaatti mudataniif furmaanni Afrikuma keessaa Afrikaanotumaan hinmaddinetti yaadamni Paan Afrikaaniizimii jennee odeessinu kun hojirratti bu’aa qabatamaa hin fidne jechuudha. Yaadamni Paan Afrikaaniizimii bara Afrikaanotni hedduu sirna koloneeffattoota Awurooppaa jala turanitti Afrikaa bilisoomsuuf taasifamaa ture sun gidduudhaan qabbanaa’aa dhufuusaatiin yeroo ammaa yaadamni kun deebi’ee Afrikaanotaan akka ilaaleeffamu, kana qofas osoo hintaane yemmuu qabatamaan hojiirra akka oolu taasifametti rakkooleen Afrikaa Afrikaanotumaan furamu jechuudha.

Bariisaa: Dhimmoota seeraafi murtii seeraatiin walqabatanii sadarkaa Addunyaatti bahuudhaan hojiirra oolaa jiraniifi Afrikaanotni komiirraa qaban keessaa inni tokko ‘ICC’ yookiin Mana Murtii Addunyaati. ‘ICC’n kun mataansaatuu jalqabumarraayyuu kan hundeeffameef hoggantoota Afrikaa maqaa dhiittaa mirgoota namoomaatiin adamsuuf yaadameeti jedhamee waan hamatamuuf waldaan ogeeyyota seeraa kanarratti ijjannoo akkamii qaba?

Obbo Teewdiroos: Osuma itti sii dhufuuf jedhuu nagaafatte. Komiin mana murtii yakkaa Addunyaa irratti gama hoggantoota Afrikaatiin dhihaachaa tureefi ammas ittifufe kun bu’ura akka qabu ni amanna. Ilaalcha manni murtii kun yakka seeraa biyyi tokko bu’uraan sarberra dhaabatee kan murtii kennu osoo hintaane, eenyutu sarbee irra dhaabatee murtii kan kennu akka ta’e muuxannoo waggoota dheeraasarraa hubachuun ni danda’ama.

Keeyyata seeraa kamtu cabee osoo hintaane, eenyutu cabsee irra dhaabatee murtiin manni murtii tokko kennu immoo murtii haqaqabeessa ta’uu hindanda’u. Iddoon mutiin haqa hinqabne itti kennamu mana murtii haqaa ta’uu hindanda’u. Kanaaf ‘ICC’n kan hundaa’eefi hojjachaa jiru haqa dhala namaa sadarkaa Addunyaatti dabeef osoo hintaane, hoggantoota Afrikaafi biyyoota guddachaa jiran kanneen biraa ittiin adamsuuf akka ta’e yaadni gama hoggantoota Afrikaatiin dhihaatu dhugummaa kan qabu ta’uu kan agarsiisuudha.

Nuti akka Waldaa Ogeeyyota Seeraa Afrikaatti manni murtii yakkaa addunyaa kun rakkoo loogii qaba kan jennuuf dhiittaa mirgoota namoomaafi dimokraasii biyyoota Afrikaatti hoggantootaan raawwataman dhoksuuf osoo hintaane, akeekni manni murtichaa ittiin hundaa’eefi erga hundaa’ee boodas ittiin hogganamaa jiru biyyoota guddataniifi guddachaa jiran gidduu loogiin jiraachuu waan ifatti hubanneefi.

Kanarraa ka’uun ogeeyyotni seeraa Afrikaa rakkoolee seeraan walqabataniifi kanneen akka dhiittaa mirgoota namoomaas kan ilaalamuu qabu qaama biraatiin osoo hintaane, ogeeyyotuma Afrikaatiin ta’uu qaba ijjannoo jedhurra wanti geenneefi.

Manni murtii yakkaa Addunyaa amma jiru hanga ammaatti waan haqa barbaadamu Afrikaanotaa mirkaneessuu hindandeenyeef Afrikaan Mana Murtii Yakkaa mataasaa danda’e akka hundeeffattuuf sochiin gama waldaa ogeeyyota seeraa Afrikaafi qindoomina dhaabbilee Afrikaatiin labsii Malaabootiin murtaa’eera.

Bara faranjoota 2014tti Afrikaan mana murtii mataasaa danda’e akka horattuuf kan mallatteeffame Pirotokoliin Malaaboo kun, hundaa’uusaarraa kan hafe waggoota kurnan darbanitti bu’aan qabatamaa Afrikaanotaaf buuse garuu hinjiru. Sababnisaas; biyyootni Afrikaa hundi pirotokolii kana mallatteessuu waan hindandeenyeefi.

Waldaan Ogeeyyota Seeraa Afrikaa immoo pirotokoliin saffisaan biyyoota Afrikaa hundaan mallattaa’ee gara hojiitti akka galuuf sochii taasisaa kan ture yemmuu ta’u, hundeeffama pirotokolii Malaaboo waggaa 10ffaasaa Gamtaa Afrikaa waliin kabajuudhaan biyyootni Afrikaa hundi akka mallatteessaniif dhiibbaa gochaa tureera. Gara fuula duraattis protokiliin hundeeffama mana murtii yakkaa Afrikaa kun dafee mallattaa’u malee Afrikaan haqa qabdu kamuu mana murtii yakkaa Addunyaa ‘ICC’ amma jirurraa ni argatti abdii jedhu hinqabnu.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You