“Hojii aartiitiin ummata Oromoorra kan darbe qabeenyan horadhe hinqabu” – Artisti Tasammaa Galataa

Artisti Tasammaa Galataa bara Afaan Oromoon hojjechuu mitii dubbachuunuu akka yakkaatti fudhatamaa turerraa kaasee waggaa 30 oliif guddina aadaa, aartiifi Afaan Oromoo keessatti ogummaasaatiin shoora guddaa nama taphateedha.

Har’a garuu gootni doorsisawwan adda addaatiif osoo hinjilbeeffatiin aartii Oromoof utubaa ta’aa ture dhibee onneefi kaansarii dhiigaatiin sireetti galeera. Dhibee kanarraa fayyuuf waan qabu hundaan waggaa lamaa oliif mana yaalaa dhuunfaafi mootummaatti wal’aanamus dhibeensaafi wal’aansi walargachuu dhabuun itti hammaataa dhufe.

Osoo namatti hin himatiin waggaa lamaa oliif dhibee kana waliin wal’aansoo walqabuunsaa ummata rakkisuu waan hinbarbaadneefi. Dhibee isa mudate kana salphaa se’uun qofaasaa waan xumuratu itti fakkaachuu Artisti Tasammaan Gaazexaa Bariisaaf ibseera.

Akkuma beekamu dhiibbaa siyaasaa turerraa kan ka’e weellisaa angafaa Doktara Kabajaa Alii Birraa dabalatee weellistoonni Oromoo hedduun hojii aartiirraa qabeenya walitti qabatan hinqaban. Kanaafuu, biyya alaa deemee dhibeesaa kanarraa fayyuuf qabeenyi hafeef akka hinjirre dubbateera.

Artistiin kun galii hojii aartiirraa argatuun maatii kan jiraachisuufi kiraa manaas kaffalu ta’us waggaa lamaa as garuu dhibeen kun hojiisaarratti waan dhiibbaa guddaa uumeef dhibeesaa cinatti haalli jireenyaa dhukkubbii mataa ittita’uu ibseera.

Akkuma, “Loomiin tokko nama tokkoof ba’aa nama shantamaaf urgaa” jedhamu sana ummatni Oromoo goleewwan mara jiru osoo qarshii tokko tokko walitti qabee gootasaa kana salphumatti wal’aannachuu danda’a. Har’a qarshiin tokko nama tokkoof homaa miti. Garuu ummata bal’aarraa yoo walitti qabame seenaa dalaguu waan danda’uuf yoo xiqqaate qarshii tokko nama kanaa gumaachuun barbaachisaadha.

Akkuma olitti eerame namni kun mana mataasaa osoo hintaane mana kiraa keessa jiraata; sanumayyuu Magaalaa Finfinnee kiraan manaa qaalii ta’etti. Guduunfaa qabu hunda waggaa lamaaf mana yaalaatti deddeebi’uun fixeera.

Tasammaan mataasaa qofa osoo hintaane nama maatii bulchuudha. Maatiinsaa hundi harkasaa kan eegan ta’uu nutis qaamaan manasaatti argamnee hubanneerra. Yaaddoon Artisti Tasammaa dhibee itti hammaate qofa osoo hintaane maatii soorata guyyaafi baasii mana barumsaaf harkasaa eegus dabalata. Deeggarsi Oromummaa inni dhugaan rakkoo walxaxaa kana keessatti daran barbaachisa waan ta’eef gamanumaan itti yaaduun barbaachisaadha.

Gaazexaa Bariisaa dabalatee miidiyaalee hedduun Artistii Oromoof dhaabate kanaaf sagalee ta’uu hordofee dabtara herregaa baankii haati warraasaafi hiriyootnisaa maqaasaatiin bananirratti ummatni Oromoo keessaafi alaa deeggarsa taasisaa jira. Hedduunis qaamaan manasaa deemuun waan qabuun deeggaraa jiru. Kunis hamileefi abdii guddaa akka itti hore dubbateera.

Bu’aa ce’ii hojii aartii keessa jiru

Sirnoota darban keessatti akkuma sabaattuu ummatni Oromoo saba mirgisaa sarbame, eenyummaansaa dagatame, aadaafi afaansaa dhorkame ture. Kabaja Irreechaa baranaa irrattis, “Aadaa keenya haaromsa keenyaaf” kan jedhameef sababaaf malee akkasumaan miti. Waan Oromoo waanti moofa’ee, dagatameefi awwaalamee ture har’a haaromsa fedhan hedduun akka jiran yaadachiisuufi. Keessattuu, handhuura Oromiyaa, Finfinnee keessatti aadaan Oromoo dagatamuu qofa osoo hintaane Oromoon eenyummaasaatti hanga qaana’utti hojii bal’aan hojjetame har’a haaromuu akka qaban kan akeekuudha.

Artisti Tasammaanis haala jiruufi jireenyaa akkasumas hojii aartiisaan kan taajjabe kanuma ta’uu ibsa. Akka inni jedhutti, aartiin akka kiyyooti takkaa keessa seennaan ba’uun rakkisaadha.

Sirnoota darban keessatti waa’ee aadaa, afaaniifi aartii Oromoo barsiisuun irra keessaan gaarii fakkaatee dubbatamus keessaan dhiibbaan artistoota Oromoorratti taasifamaa ture olaanaadha. Sirnoonni darban keessumaa artistoota Oromoo akka diinaatti ilaalaa turan. Waan hojii aartii Oromoo hojjetaniif qofa aarsaa hangafoonni kaffalan hunda Artisti Tasammaanis kaffaleera.

Sirnoota darban keessa sababa ongeefi sababoota hinbeekamne birootiin maqaa qubannaa jedhuun saboonni hedduun Oromiyaa keessa bal’inaan qubsiifamaa turan. Saamichi lafaa sababa qubsiifamuu sanaan walqabatu salphaa hinturre. Rakkoo kana ummatni Oromoos ta’e angootni Oromoo akka hubataniif “Qilleensi gaariida…bishaansaa gaariida..hunduu haa dhufan” jechuun haalatti walaffeerraan lafa Oromoorratti adeemsifamaa ture hojii aartiitiin ibseera.

Diraamaa gabaabduun ergaa guddaa qabduufi bifa baacootiin dhiyaatte kun namoota hedduu biratti jaalatamtuu ta’uu bira darbee qabeenyaafi mirga ofiif falmachuu keessatti gumaata mataasaa taphateera.

Haleellaan daangaa darbee yeroowwan garagaraa lammiilee Oromoorratti raawwatamaa tureefi aggaammiin lafa Oromoo weeraruu taasifamaa tures raacitii yeroo sanaatiin waan walqabatu fakkaata. Diraamaa sana hordofee hoggansa olaanaa yeroosiin doorsisni hamaan isa mudateera. Oromootni taatee sana hinhubatne tokko tokkos, “Lafa keenyarratti orma affeertaa?” jechaanii akka isa qeeqaa turanis hubachiiseera.

Egereen aartiifi artistoota Oromoo maal ta’uu akka qabu

Akka Artisti Tasammaan jedhutti, yoo ciminaan irratti hojjetame egereen aartii Oromoo ifaadha. Aartiin Oromoo duubatti osoo hintaane fuuldurratti kan socho’uudha. Aartii Oromoo fuulduratti tarkaanfachiisuun dirqama artistootaa, ummataafi hoggansa Oromooti.

Har’a Oromootu biyya bulchaa jira waan ta’eef akka kaleessaa miidhamuu artistootaafi aartii Oromootiin sababni dhiyeeffamu hinjiru; yoo jiraates fudhatama hinqabu. Kana jechuun wanti hundi karaa dalgaati, rakkoon hinjiru jechuu osoo hintaane rakkoo kaleessaa wajjin walbira hinqabamu jechuudha. Innis deeggarsi barbaachisu taasifameefii yoo wal’aanamee haalli fayyaasaa sirrate imala fuulduraa aartii Oromoo keessatti qoodasaa caalaatti ba’achuuf karoora bal’aa qaba.

Hanqinootni tokko tokko mul’atanis mootummaan aartii Oromoo guddisuuf tarkaanfiilee hedduu fudhataa jira. Kun mataansaayyuu artistoota Oromoo onnachiisuu bira darbee milkaa’inasaaniif daandii walakkaa deemuu kan agarsiisuudha.

Aartiin dhimma aadaa, afaaniifi eenyummaa waan ta’eef salphumaatti kan hojjetamuufi dhiifamu miti. Waamichi aartiin namaaf taasiftu kolfaafi gammachuu qofa osoo hintaane waan rakkoolees of keessaa qabuuf waantota dhufan hunda simachuuf murteessaan duukaa bu’uu gaafata. Aartiin waan nama dhuunfaa yookiin garee siyaasaa tokkoo osoo hintaane waan falaasama jiruufi jireenya saba tokkoo ta’uun sirriitti hubatamuu qaba.

Artisti Tasammaan hojii aartii hanga ammaatti hojjeteen fedhiifi dantaa sabaa bal’aa tajaajilaa ture. Quuqama, tokkummaa, gaddaafi gammachuu sabni Oromoo waloon qaburratti fuulleffatee hojjetaa ture. Yoo dhibeesaarraa bayyanate karoorrisaa fuulduraas isuma kana. Artistoonni Oromoo waa’ee tokkummaa Oromootti cichanii hojjechuu qabu. Mootummaan naannichaas ta’e ummatni Oromoos artistoota Oromoo rogawwan maraan tumsuu qabu jedheera.

Weellisaa Sayyoo Dandanaa gamasaatiin akka jedhetti, Tasammaan nama waan Oromoofi Oromummaa dhaabuurratti yeroosaa dabarseedha. Tasammaan Artistii gameessa Oromoo qofa osoo hintaane tuuta diraamaa qophii Dhangaa jedhamuufi Televizhinii Itoophiyaatiin darbaa ture hundeessan keessaas isa tokko.

Hojiisaatiinis nama kennaa qabuufi artistoota lafaa dhufaniif fakkeenya gaarii ta’uudha. Aartiin hojii nama dhuunfaa osoo hintaane kan hawaasa bal’aa waan ta’eef Artistii deeggaruun dirqama hundaati. Waldaan Artistoota Oromoos dirqamasaa ba’achuun kan itti adeemu ta’a.

Artistoonni Oromoo waan aartii sabasaaniif dabarsanii of kennaniif mana, konkolaataafi qabeenyi biraa horachuu dadhabanii oggaa dhukkubsatan sadarkaa harka namaa eeggachuurra dhaqqabu. “Aartii Oromootiif kaan lubbuusaa kennee ani ammoo yeroofi ogummaa koon kennaan” ilaalcha Artistoota Oromoo hundaati. Kana keessatti ammoo of dagannaa guddaan waan uumamuuf waltumsuun barbaachisaadha jedha Weellisaa Sayyoon.

Oromoon lammiisaa deeggaruurraa duubatti akka hinjenne ofirratti arguus eeree; lakkoofsa herrega baankii seeraqabeessaafi kallattiin nama kana bira ga’urratti tumsuun barbaachisaa ta’uu dhaameera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You