Finifnnee: Baatiin Nageenya saayibarii yakka dijitaalaa saayibariin dhaabbilee garagaraarra qaqqabu maqsuuf kaayyeffate sadarkaa addunyaatti yeroo 21ffaaf, akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 5ffaaf Godanbaa Saayinsiitti kabajamaa jira.
Yakki teknolojii dijitaalaatiin deeggaramee dhaabbilee garagaraarra qaqqabu aaddunyaa gatii olaanaa kaffalchiisaa jiraachuu Daarektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Marsariitii Odeeffannoo Aadde Tigisti Hamiid haasaa saaqinsaa kaleessa taasisaniin akka jedhanitti, haleellaan saayibarii bara 2027tti kasaaraa doolaara tiriiliyoona 23.38 qaqqabsiisuu danda’a.
Kasaaraan qaqqabu kunis dhaabbileefi bu’uuraalee misoomaa mootummaafi dhuunfaa garagaraa kan hubuufi dinagdee biyyaallee kan qoru ta’uu ibsaniiru. Bara 2016 keessa Itoophiyaatti haleellaan saayibarii qaqqabe 8,854 yoo ta’u, hordoffii walirraa hincinneefi teknolojiin deeggarameen qolachuun danda’amuu ibsaniiru.
Haleellaan saayibarii farra dinagdee hawaasummaafi siyaasa biyyootaa ta’uus daariktarittiin eeranii, dhababileen mootummaas ta’an mitmootummaa walta’anii hojjechuun fala murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Guddinni teknolojii faayidaa guddaa qabaatus yoo of eeggannoon fayyadamne miidhaa hammaataa qaqqabsiisuu akka danda’u lammiileen beekanii xiyyeeffannoo kennuu qabu jedhaniiru.
Fooramiin dinagdee addunyaa bara 2024 bahe akka ibsutti balaawwan addunyaa keenya qoran kan akka jijjiirama haala qilleensaa, odeeffannoo sobaa tamsaasuu, mankaraarsummaa, qaala’insa jireenyaatti aaanee haleellaan saayibariiti sadarkaa 5ffaatti hudhaa addunyaa ta’uu Aadde Tigist eeraniiru.
Qormaatawwan addunyaan ittirakkataa jirtu keessaa haleellaan saayibarii daran hammaataa ta’uu dubbatanii, baranas baatiin nageenya saayibarii mataduree, “Nageenyi bu’uuraalee misoomaa ijoo walbummaa dijitaalaaf” jedhuun ji’a tokkoof akka kabajamu beeksisaniiru. Haleellaa saayibariin walqabatee kisaaraa biyyarra ga’u baraaruuf dhaabbileen mootummaas ta’ee dhuunfaa xiyyeeffannaan irratti hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.
Hirmaattota waltijjichaa keessaa hundeessaan dhaabbata “IT Presidential” Mansuur Jamaal akka jedhetti, haleellaan saayibarii dinagdee mootummaafi dhuunfaas haalaan miidhaa jira.
Miidhaa gama kanaan hawaa dinagdeefi siyaasa biyyaa miidhu kana qolachuuf sosochii Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa itti jiru dhaabbilee dhuunfaanis deeggaramuu akka qabu eereera.
Namoonni yakka saayibarii raawwatan fageenya maayilii dheeraarra taa’anii liinkiiwwan gara garaa maqaa dhaabbataafi namoota beekamoon bananii erguun odeeffannoo guuruufi saamicha qaqqabsiisaa jiraachuu hima. Yakki kun yeroorraa yerootti amalasaa jijjiirrachaa miidhaas qaqqabsiisaa jiraachuu eeree, hojiin hubannoo uumuu eegalame kun cimee ittifufuu akka qabu ibseera.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017