Oromiyaatti holqawwan 389 adda baafamuun hawwata tuurizimiif misoomaa jiru

Finfinnee: Oromiyaatti holqawwan daawwannaa tuurizimiitiif oolan 389 baafamuun misoomaa jiraachuu Biiroon Aadaafi Turiizimii Oromiyaa beeksise.

Biirichatti Daarektarri Misoomafi Piromooshinii Turiizimii Obbo Faantaahun Taaddasaa torbee darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Oromiyaan qabeenya tuurizimii lakkaa’amee hindhumne qabaattus hanga ammaatti damicharraa galii argachuu maltu argachaa hin turre.

Haata’u malee, mootummaa jijjiirramaa booda xiyyeeffannoo damee turiizimiif kennameen bakkewwan hawwata turiizimiif oolan baal’inaan misoomsuun galiin argamus yeroodhaa gara yerootti akka dabalu taasifameera.

Oromiyaa Bahaatiin holqawwan hedduun kan jiran ta’uu himanii; Ogeessota biyya keessaafi alaarraa deeggarsaan dhufaniin hojiin qorannoo holqawwan kunneenii hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Bal’ootti kan argamu Holqa Naasiroo akka fakkeenyatti kaasuun, hojiin qorannoo holqichaa hanga meetira 500 qoratamee kan dhume ta’uu ibsuun; naannawaa holqichaatti bu’uuraleen misoomaa barbaachisaan hirmaannaa uummataatiin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Gama Ikoo turizimiitiin murtoo pirezidaantiin naannichaa murteessaniin bakkewwan ikooturizimii 18 misoomaa kan jiran ta’uu himanii; hojiin misooma bakkeewwan kunneenii irra caalaatti xumuuramaa akka jirus yaadachiisaniiru.

Akka Obbo Faantaahuunitti, biirichi iddoowwan hawwata turizimii haaraa babal’isuuf inisheetivii babal’ina hawwata turiizimii bocuun hojjechuurratti argama. Inisheetivii kanaanis aanaan tokko yoo xiqqaate bakka hawwata turiizimii tokko qabaachuu qaba. Kanaaf bara baajataa 2017rraa egalee aanaaleen naannichaa 317 iddoowwan hawwata turiizimii 317 misoomsuun turiizimiidhaaf banaa akka taasisanif karoorfameera.

Haaluma walfakkaatuun Kibbi Lixa naannawichaa qabeenya bosonaafi buna waan qabuuf turiizimii bosonaafi bunaarratti xiyyeeffannoo kennuun hojjetamaa jira jedhanii; guyyaa turiizimii addunyaa sababeeffachuudhaan biirichi qabeenyawwan kunneen beeksisuuf ragaalee barbaachisan qindeesseera. Saambee bakka weerartoonni Xaaliyaanii itti injifatan dabalatee bakkewwan seena qabeeyyii hedduu misoomsuun turiizimiidhaaf banaa akka ta’an taasifamaa jiras jedhaniiru.

Kallattii Lixaatinis turiizimii bunaafi bosonaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhanii; Naannoo Beniishaangul Gumuz waliin walta’uun hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.

Aadaan daawwannaa hawaasaa yoo hinguddanne, turistootni alaas daawwannaadhaaf gara naannichaa dhufuu waan hin dandeenyeef, iddoowwan hawwata turiizimii bu’uuraalee misoomaa waliin babal’isuun faayidaa kan qabu ta’uu himanii; aadaa daawwannaa hawaasaa dabaluufis biirichi hojjechaa jira jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You