Mootummaan harka nagaaf diriirse har’as hindachaasu

Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo adda addaatti garaagarummaa jiru dhiphisuun, rakkoo nageenyaa naannoo keenya mudate karaa nagaan hiikuun nageenyaafi misooma ummata Oromoo guutuummatti deebisuuf qaamolee hidhatanii socho’aniif waamicha walirraa hincinne taasisuufi yaaliiwwan marii gochaa tureera.

Kanaanis, yeroo garaagaraatti hidhattoonni murna adda addaa kumaatamaan lakkaawaman galuun gadadoo ummata isaanirra gahaa ture hirdhisuu keessatti qooda bahataa jiru.

Mootummaan hidhattoota waamicha nagaa fudhachuun araaraan galaa turanifi galaa jiran, akkasumas qaamolee qooda fudhattootaa milkaa’ina hanga ammaa argameef gumaachan maraaf dinqisiifannaafi kabaja olaanaa kan qabu ta’uu irradeebiin ibsuun barbaada.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kutannoofi waadaa rakkoo nageenyaa ummata keenyaa mankaraarsaa jiru karaa nagaa hiikuuf qabu har’as kan hinlaaffisneefi karra araaraaf bane kan hincufne ta’uu asumaan hubachiisuun fedha.

Bu’uuruma kanaan, qaamolee hidhatanii naannoo keenya keessa socho’an keessaa gareen “WBO Zoonii Giddugaleessaa” jedhee ofwaamu mootummaa waliin marii nagaa adeemsisuun garaagarummaasaa karaa nagaa tarkaanfachiisuuf fedhii qabaachuu dhiheenya ibsuunsaa kan yaadatamuudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ejjannoo gareen kun qabate daran kan jajjabeessuufi ija gaariin kan ilaalu ta’uu ibsaa, gareen kun fedhii isaa gochaan agarsiisuuf murannoo qabaannan, mootummaan keenya akkuma waadaa galee karaa dheeraa deemee simachuun, marii nagaatiif qophii ta’uu kan mirkaneessu ta’a.

Dabalataanis, mootummaan hidhattoota karaa nagaafi araaraa filachuun galaa jiraniifi galuu yaadaniif haalota jiruufi jireenya isaanii deebisanii gadi dhaabbachuufi hawaasatti madaquuf isaan barbaachisan hunda mijeessuu cimsee kan itti fufuudha.

Akkasumas, kanneen garaagarummaa yaada isaanii karaa nagaa tarkaanfachiisuu barbaadaniif dirree siyaasaa falmii yaadaaf mijatu kan qopheessuu qofa osoo hintaane, tiksuuf yeroo kamuu dammaqinaan kan hojjetu ta’uu ibsuun barbaada.

Mootummaan keenya waamicha nagaafi araaraa obsa olaanadhaan, irra deddeebiin gochaa tureera; ammas ittijira. Dheebuun ummata keenyaa misoomaafi nageenya qe’ee isaati; araaraafi tokkummaa maatii isaati. Boqonnaan walitti bu’iinsaa cufamee, garaagarummaa jiru mariifi marabbaan hiikamee nagaan bahee galuun hawwii guutuu hawaasa keenyati.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, fedhii marii nagaa gareen “WBO Zoonii Giddugaleessaa” ofiin jedhu agarsiise daran kan jajjabeessufi haala dandeessisoo milkaa’ina marii kanaaf barbaachisan hunda umuun, garaagarummaa jiru karaa nagaa hiikuuf qophii ta’uu isaa maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatin irradeebiin mirkaneessaa, qaamolee qooda fudhattootaa rakkoo nageenyaa mudate karaa nagaatiin akka hiikamu tattaaffii gochaa turtan hundi deeggarsa keessan daran cimsuun fedhii marii nagaa tibba kana garee “WBO Zoonii Giddugaleessaa” ofiin jedhu biraa mul’ate milkaa’inaan akka goolabamuuf nuwaliin akka dhaabattan imaanaa jechuun barbaada.

Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii BMNO

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You