“Milkaa’inaaf qarshii qofa osoo hintaane qalbiifi mul’atatu barbaachisa” -Dargaggoo Musliim Naasir, abbaa warshaa nyaata beeyiladaa

Dargaaggoo Musliim Naasir dhalatee kan guddate Godina Iluu Abbaa Booraatti yommuu ta’u, dura taa’aa Waldaa Warshaa Nyaata Beeyiladaa Musliimiifi Soofiyaa; kan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti argamuuti. Warshaan kun miseensota nama shan of jalaa qaba. Dargaggootni kunneen qarshii xiqqaan mul’ata guddaa qabatanii gara hojiitti seenuun har’a sadarkaa fakkeenyummaan eeramuurra ga’aniiru.

Warshaa nyaata beeyiladaa dhaabuuf maaltu isaan kakaase?

Dargaggoo Musliimiifi hiriyootnisaa lama carraa barnootaa argachuun Chaayinaatti barnootasaanii digrii jalqabaa xumuran. Dargaggootni kunneen akkuma dargaggoota biroo carraa barnootaa argataniin waraqaa ragaa digrii ibsu fudhatanii gara biyyaatti deebi’uu osoo hintaane muuxannoo jireenya Chaayinaa qooddachuu akka ta’e Dargaggoo Musiliim ni ibsa. Chaayinaatti dargaggeessi taa’ee hoji dhabaatti hinlakkaa’amu; carraa hojii uumuufi intarpiriinara ta’uun dargaggoota gidduutti dorgommii isa cimaadha. Hojii tuffachuurra hojii xiqqaan ka’anii kalaqa gabbisuun gara guddaatti ce’uun muuxannoo dargaggoota Chaayinaa bal’inaan ibsuudha.

Itoophiyaatti kan barameefi aadeffame dandeettii kalaqaafi ogummaa gabbifachuun hojii uummachuurra carraa hojii uumameen waajjira mootummaa yookiin dhuunfaa seenanii hojjechuudha. Kun milkaa’uu baannaan hojidhabaatti lakkaa’amuuf of qopheessuudha. Dargaggoo Musliimiiifi hiriyootnisaa garaagarummaa Chaayinootaafi Itoophiyaanota gidduu jiru hubachuun osuma barnootarra jiranii yaadni hojii uumuu dhufeef.

Jalqabatti damee hojii kamirratti bobba’uuf karoorsan?

Akka Dargaggoo Musliim jedhutti, biyya Chaayinaatti nyaatni gatii gadaanaafi namni kamuu salphaatti soorachuu danda’u foon lukkuuti. Faallaa kanaan Itoophiyaatti maqaas ta’e gatii guddaa kan qabu foon lukkuuti. Bu’uuruma kanaan erga barnoota xumuranii booda gara biyyaatti deebi’uun horsiisa lukkuurratti bobba’uuf waliigalan. Haa ta’u malee, wayita dhufanii namoota horsiisa lukkuurratti bobba’an haasofsiisan rakkoo guddaan akkuma biyyaattuu horsiisa lukkuu hudhee jiru hanqina nyaata lukkuuti.

Dhugumaan biyya nyaata beeyiladaa mitii wabii midhaan nyaataa gama hundaanuu mirkaneessuuf qilleensaafi dachee mijataa qabdu keessatti hanqinni nyaata beeyiladaa rakkoo adda duree ta’uun sektara qonnaarraa yeroowwan garagaraa ni ibsama. Bu’uuruma kanaan Dargaggoo Musliimiiifi hiriyootnisaa lukkuu dura nyaatni lukkuu murteessaa ta’uu hubatanii nyaata lukkuu qofa osoo hintaane warshaa nyaata beeyiladaa omishu dhaabuuf waliigalan.

Mul’atasaanii gufachiisuuf rakkoolee turan

Dargaggootni kunneen ogummaafi muuxannoorra kan darbe qarshiin Chaayinaadhaa qabatanii dhufan waan hinjirreef qarshiin warshaa nyaata beeyiladaa ittiin ijaaran rakkoo ulfaataafi ijibbaachisaa ture. Sodaa, dhabiinsi maallaqaa hawwiifi mul’ataa bal’aa qabatan ni laamshessa jedhuun jalqabatti dhukkubbii mataa itti ta’ee ture. Jalqabatti qarshii Dargaggoo Musliimiifi hiriyootnisaa of harkaa qaban qarshii miliyoona lama qofa yommuu ta’u, warshaa nyaata beeyiladaa yaadan dhaabuuf garuu yoo xiqqaate qarshii miliyoona 12fi isaa ol akka barbaachisu dargaggoon kun dubbateera. Abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaaf mul’ata qabatanii ka’an kana ibsuu yaalanis akka yaadanitti qarshii maashina bitu yookiin maashina jedhan argachuu hindandeenye.

Waan mul’atni gaariin hinmaseenneef kaayyoon mootummaafi mul’atnisaanii walsimaa ta’uu kan hubate mootummaan dargaggoota kunneen sagantaa paakeejii deeggarsaa dargaggootaatiin akka fayyadaman haala mijeesseef. Mul’ata milkaa’aa kanatti kan gammade Baankiin Misooma Itoophiyaa dargaggootni kunneen karaa faayinaansi liizii akka meeshaa argatan taasiseera. Mul’atasaanii fiixaan baasuuf maashinni qofti gahaa waan hintaaneef lafti warshaan irra dhaabbamu argachuun ammoo qormaata biroo ture. Haa ta’u malee, mul’atasaaniitti kan gammade Bulchiinsi Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa bu’uuruma gaaffiisaaniin yeroo gabaabaa keessatti bakka hojii qopheessuufii Dargaggoo Musliim ibseera.

Haala amma irra jiran

Ammaan tana warshaan kun nyaata lukkuu qofa osoo hintaane kan beeyiladoota biroos dhiyeessuurratti argama. Fedhiin nyaata beeyiladaaf jiru daran olaanaa waan ta’eef warshaasaanii qofaan kan guutamu miti. Bu’aqabeessummaan damichaas daran olaanaa waan ta’eef damee abbootii qabeenyaa biroos barbaaduudha. Boqqolloo dabalatee nyaatni beeyiladaa akaakuuwwann midhaanii sagal walitti makamu keessaa saddeet kan argamu biyya keenyatti. Vaayitaaminii piriimiksii jedhamu qofatu biyya alaatii gala. Warri vaayitaminii kana alaa galchanis gatii dachaan dabalanii waan itti gurguraniif isa qofatu rakkisaadha. Nyaata beeyiladootaa kana gatii madaalawaan daldaltoota jumlaatiif dhiyeessaa jiru. Kanneen fudhachuuf fedhii qaban biroofis dhiyeessuuf qophiidha.

Mul’atnisaanii gara fuulduraa hoo maali?

Erga warshaa nyaata beeyiladaa dhaabanii mul’atasaanii ganamaa dhugoomsuun dirqama waan ta’eef horsiisa lukkuu finiinsuun foon lukkuu biyya keessaafi alatti bal’inaan dhiyeessuuf qophiirratti argamu. Dargaggoo Musliim yaaliif re’oota qalmaa muraasa horsiisuu eegaluun bu’aqabeessummaansaa olaanaa waan ta’eef lukkuu cinatti hojii horsiisa re’ee akka ittifufan eereera. Hundaa ol, nyaata beeyiladootaa cinatti nyaata namaa omishuuf karoora akka qabanis ibseera. Warshaan kun erga hundaa’ee yeroo gabaabaa ta’us sadarkaa amma jirutti namoota sagaliif carraa hojii uumeera. Fuuldurattis wayita humnasaa guutuun hojii eegalu namoota hedduuf carraa ni uuma. Namootni carraan hojii uumameefis jireenyasaanii fooyyeffachaa akka jiran dubbataniiru.

Dargaggoo Akliluu Siyyum Akliluu maanaajara warshichaa yoo ta’u, dargaggootni gurmaa’anii warshicha hundeessan mul’ata guddaa qabaachuu dubbata. Warshaan kun namoota ciccimoofi kutatoodhaan waan hundeeffameef hojjetaa keessaa qofa osoo hintaane bakka bu’oota nyaata beeyiladootaa raabsan hedduufis carraa hojii uumuu danda’eera. Obbolummaa, walkabajuufi waljaallachuun hojjettoota gidduu jiru akka hojii jaalatanii hojjetan nama kakaasa. Ammaan tana qarshii guddaa kaffalamuufiin mindeeffamee hojjetaa jiraatus fuulduratti muuxannoo hojii uumuu Dargaggoo Musliimfaarraa qooddateera. Kaayyoonsaa mindeeffamanii jireenya gaggeessuurra hojii uumuun bu’aa guddaa akka qabu waan hubateef gara hojii uumuutti ce’uu dubbateera.

Hojjettuu biroon warshichaa Shamarree Rahaa Awwal yommuu taatu mindeeffamtuu warshichaa ta’uun guyyaa hojjechaa maallaqa argattuun halkan kolleejjiitti barachaa jiraachuu dubbatti. Ilaalcha hundeessitoonni warshichaa namaaf qabaniifi tumsa hawaasaa naannawaaf taasisanirraa kan ka’e hojjetaa birattis ta’e hawaasa birratti kabajni hundeessitoonni warshichaa qaban guddaadha. Isheef ammoo warshichi jireenya guyyaa bira darbee egereeshee barnootaan akka qajeelfattuuf gaachana ta’uufii himti. Muuxannoo argataa jirtuunis fuulduratti hojii mataashee uummachuuf daran ishee onnachiiseera.

Walumaagalatti bara dargaggootni hedduun ilaalcha “Hojiin hinjiru” jechuun hojii malee taa’an kanatti, warri qalbiifi ogummaa qabanitti fayyadamuun qarshii xiqqaan ofirra darbuun namoota biroofuu gaachana ta’an jiraachuun hubatamuu qaba.

Akkuma, “Qarshiin ganama dhumaa qalbiin galgala dhufa” jedhamu san taa’anii humna dargaggummaa ganamaatiin qisaasessuurra mul’ata qaban sakatta’anii hojiirra oochuun barbaachisaadha. Kana ta’uu baannaan dubbiin “Eegeefi gaabbiin booda dhufa” jedhu mammaaksa yeroo dullumaa malee milkaa’ina ganama manca’e bakkatti deebisuu hindanda’u.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You