Finfinnee: Irreechi baranaa Fulbaana 25 Hora Finfinnee, Fulbaana 26 ammoo Hora Harsadeetti kabajame hirmaannaa ummataa, simannaa keessummootaa uwwisa miidiyaa, naamusaafi wantoota garagaraatiin haala ajaa’ibsiisaa ta’een saboota adda addaa hirmaachisuun kabajamuu Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa ibse.
Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Hundee Kabbadaa yaada dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Ayyaanni Irreechaa barana haala adda ta’een kabajamee darbeera.
Kanas adda kan godhu baay’inni ummataa kan waggoota darbaniirra daran dabaluusaati. Ayyaanni kun bifa nagaafi tasgabbii qabuun akkasumas miidhaginaan akka kabajamuuf koreewwan addaddaa sadarkaa sadarkaadhaan ijaaramuun qophiin taasifamuu kaasanii, kabaja ayyaanichaatiin duras hawaasa, dhaabbilee tajaajila turistiifi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mariin taasifamuu himu.
Kanas hojii qooddachuun Komishiniin Turizimii Oromiyaa Magaalaa Bishooftuurratti abbootii qabeenyaa keessattuu akkaataa simannaa keessummootaa, tajaajila qulqulluufi saffisaa akka kennan akkasumas daballiin gatii akka hinjiraanneef marii taasisuu eeranii, bu’uuruma kanaan dhaabbilee biratti rakkooleen akkanaa utuu hincalaqqisiin ayyaanichi kabajamuu dubbatu. Inumaayyuu hoteelonni abbaa urjii shanii gatii tajaajilasaanii %20-40tti hir’isuun hirmaattotaaf tajaajila kennuu eeranii, rakkoon muraasni ture dhaabbileen tajaajila turistii jiraniifi baay’inni ummataa walsimuu dhabuutin namoonni bakka bultii dhabanii alatti dabarsuuf dirqamuu ibsu.
Gama biraatiin Irreecha baranaa adda kan taasisu waamicha Pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa taasisan bu’uureffachuun Diyaaspooraan Oromoo hedduun gara biyyaa kan dhufan yoo ta’u, isaaniifis tajaajilli walfakkaataan akka kennamuuf dhaabbileen garagaraa gatii hir’isanii keessummeessuu eeru.
Darbees naamusni hirmaattota ayyaanichaa daran kan nama ajaa’ibu ta’uu kan himan Obbo Hundeen, waan Abbootiin Gadaa jedhan dhaga’uun namni utuu Abbaan Malkaa, malkaa saaqee Abbootiin Gadaa hinirreeffatiin malkaa bu’ee irreeffate akka hinjirre eeraniiru.
Gama simannaa ummataatiinis kana dura inni ayyaana Irreechaa akka sodaatti ilaaluun dhaabbilee tajaajila kennan addaddaa cufee mana oolaa ture amma sirratee hunduu waan qabuun ummata simachuu kaasu.
Magaalaan Shaggaris karrawwansaa shananirratti keessummoota gara Hora Finfinnee dhufaniif haala duudhaa Oromummaa calaqqisiisuun simateera; magaalaan Bishooftuus akkasuma jedhu.
Qindoominni qaamolee nageenyaafi siyaasaa ayyaanichi nageenyaan akka kabajamuuf taasisan olaanaa ta’uu himanii, qindoominni qaamolee ayyaana kana kabajuuf ijaaraman kanneen akka foollee waliin tures milkaa’ina ayyaanichaa turuu eeru.
Dabalataan uwwisni miidiyaa biyya keessaafi alaa baranaa kan yeroo darbee akka caalu kan himan Obbo Hundeen; guyyaa ayyaanichaa qofa osoo hinta’iin dursanii xiyyeeffannaadhaan gabaasaafi ummataaf odeeffannoo walirraa hincinne kennaa turuun milkaa’ina ayyaanichaaf gumaachuu ibsu.
Irreecha horawwan guguddoo lamaan kana booda torbanoota ittaanan malkaawwan ulfoo jiraniitti Irreechi bakkeewwan addaddaatti akka irreeffatamu himanii, kunis haaluma walfakkaatuun miidhaginaan akka kabajamuuf dhimmamtoonni sadarkaan jiran hojjechaa jiraachuu kaasu.
Dhaloonni ammaa waan aadaasaa jaalatuuf Irreechi sadarkaa addunyaattillee beekamtii akka argatuuf duudhaasaa eegee kabajuu ittifufuu akka qabu dhaamanii, hojii biiroonsaanii Irreechi hambaa addunyaa akka ta’uuf hojjetaa jiru hunduu akka tumsu gaafatu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017