Irreecha baranaa: Ayyaana tokkummaafi jaalalli cimaan irraa mul’ate

Kabajni Irreecha baranaa ayyaana tokkummaa, jaalalli hammattummaafi bareedinni ummata Oromoo dirreerratti daran ittimul’ateedha.

Gaafa jala bultii Ayyaana Hora Finfinnee Qeerroofi Qarreen walkakaasuun uffata aadaatiin faayamanii Oromiyaa kallattiilee afranirraa Finfinneetti imaluun dhiichisaa bulan.

Jala bultii ayyaanichaatti Qeerroofi Qarreen Finfinneefi Magaalaa Shaggar kutaalee hawaasaa garagaraa waliin ta’uun namoota ayyaanicha kabajuuf gara Finfinnee dhufan fuula ifaafi waan qabaniin simataniiru. Hoteelotnis gatii nyaataafi dhugaatii hir’isuun, nyaataafi dhugaatii aadaa qopheessuudhaan kabajaafi jaalala saba Oromootiif qaban gochaan agarsiisaniiru.

Simannaan barana hirmaattota ayyaanichaa godinaalee adda addaarraa dhufaniif taasifame Finfinneen lafa Oromoon kaleessa irraa buqqa’e qofa osoo hintaane lafa Oromoon har’a aadaasaa waliin itti kabajamaa jiru ta’uu ifatti kan mul’iseedha.

Irreecha kabajuuf Hora Finfinnee geenyan miira jaalalaafi obbolummaatiin waliin dhiichisuu malee ati eessaa dhufte; amantiin kee maali jedhanii walgaafachuunis hinjiru, achitti hunduu ijoolleedhuma abbaafi haadha tokkoo ta’u.

Nama bareedu dhiiras haa ta’u dubartii waliin suura ka’uufis eeyyama gaafachuun hinjiru. Qeerroofi Qarreen kunneen roobnis yoo roobe, ho’is ta’e qorri yoo cime halkan guutuu sirbi aadaafi ammayyaa isaan sirban addaan hincitu. Gaafa isaan afaan tokkoon sirban weedduufi walaloon sirboota sirbamanii tasuma waan hinjallanneef waanuma leenjiin walfakkaataan kennameef fakkaata. Sirbootni sirbamanis sirba godina kootii miti hinbeeku jechuun hinjiru; bakkichi dirree jaalalaafi waloominaatikaa.

Qeerroofi Qarreen kun uffata aadaatiin faayamanii dhiichisaa gaafa Irreechaa osoo mataan biiftuu hinbahin faana Abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee hordofuun gara malkaa Irreechaatti imalan. Yoommuu kanas Abbootiin Gadaafi hayyootni Mareewoo jechaa, haawwan Siinqees Faaruu Irreechaa faarsaa gara malkaatti deeman. Akkuma mataan biiftuu baateenis malkaan eebba Abbaa Malkaatiin saaqamee sirni irreeffannaa jalqabame.

Daa’imman duudhaa abbootisaanii akka baraniif maatiiwwan hedduunis daa’immansaanii ayyaanicharratti akka argaman taasisaniiru. Akkuma “Quncee jiidhaatti maru” jedhamu ayyaanicharratti argamuun daa’imman kunneenii duudhaa sirna Gadaa dhalootarraa dhalootatti dabarsuuf gahee olaanaa qaba.

Iddoo Oromoon miliyoonaan lakkaa’amu itti walgahe kanatti walkaadhimmatanii turan oggaa qubeellaa gaa’elaa walii godhanis mul’ataniiru.

Saba Oromoo qofa osoo hintaane Irreecha baranaarratti argamuun sabaafi sablammootni adda addaa ayyaanichaaf siimboo addaa kenneera. Saboonniifi sablammoonni kunneen ayyaanicha bareechuu qofa osoo hintaane ofiisaanitiifis ayyaana Irreechaa guddaa kanarratti aadaasaanii bakka miidiyaaleen addunyaa hedduun argamanitti addunyaatti beeksifachuuf carraa argataniiru.

Saboonniifi sablammootni ayyaanicharratti argaman kunneen aadaasaaniis agarsiifachaa aadaa Oromoos ilaalaa, kabajaafi jaalala saba Oromootiif qabanis kallattiilee garagaraatiin agarsiisuun ayyaanicha kabajaniiru. Finfinneetti misooma koriidariitiin walqabatee iddoowwan bashannanaa hedduun waan hojjetamaniif achitti bashannanaa suura yaadannoos ka’aa ayyaanicha kabajan.

Akkuma sirni kabaja ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee duudhaasaa eegatee xumurameen hirmaattota ayyaanichaa fageenyarraa dhufaniif qindeessummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin erga sirni gaggeessaa taasifamee booda hirmaattotni Irreecha Hora Harsadee kabajuuf gara Bishooftuutti imalan.

Oromoon jijjiirrama siyaasaasaafi guutummaa biyyaatiif mijatu fiduun waggoota 150 booda Finfinneetti deebi’ee Irreecha kabajuufi Aadaasaa Finfinneetti deebifachuu kan danda’e waan tokkoomeefi. Tokkummaan kun gara fuulduraattis cimee ittifufuu qaba.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You