Uffannaa, qabannaafi dubbannaa Malkaaf toluun Irreeffachuu

Ayyaanni Irreechaa ummata Oromoo biratti ayyaana guddichaafi hawwii olaanaadhaan eegamuudha. Oromoon waqtii Birraafi Arfaasaa Malkaafi Tulluutti ba’ee irreeffata. Amma waqtiin keessa jiru birraa waan ta’eef ilmaan Oromoo kallattiilee addaddarraa dhufuun har’a Hora Finfinneetti, bor ammoo, Bishooftuu Hara Harsadeetti uumaasaa uumamaan galateeffata. Waaqa dukkana gannaa baasee ifa birraa isa agarsiiseef galata dhiheessa.

Irreechi Oromoo biratti hiika danuu qaba. Irreechi waltajjii jaalalalaa, tokkummaa, obbolummaa, nageenyaa, miidhaginaa, araaraa, galataa, kadhannaafi galateeffannaati. Kanaaf bakka olaanaatu kennamaaf. Nutis dhimmoota duudhaa Irreecharratti xiyyeeffatanirratti Komishinii Turizimii Oromiyaatti Ogeettii Hirmaannaafi Fayyadamummaa Hawaasaa, Ambaasaaddara Aadaafi Miseensa Haadholii Siinqee Aadde Saaraa Duubee keessummaa Gaazexaa Bariisaa kan maxxansa addaa Ayyaana Irreechaa taasifanneerraa dubbisa gaarii!

Bariisaa: Hunda dura yeroo keessan waldhipisaarraa nuu qooduun waan keessummaa keenya taataniif galatoomaa, baga geessan jenna. Mee Irreechi haaromsa aadaa keessatti gahee akkamii qaba? Oromoon waltajjii Irreechaa akkamiin ittifayyadamuu qaba?

Aadde Saaraa: Anis galatoomaa, baga walumaan geenye jechuun barbaada. Akkuma beekamu Irreechi ummata Oromoo biratti ayyaana guddaadha. Irreechi araara, nagayaa, tokkummaadha, gammachuudha, irree ummata Oromooti; akkasumas calaqqee eenyummaa keenyaati.

Irreechi osoo addunyaan hinqaroomiinillee Sirna Gadaa keessatti hammatamee seeraafi sirna mataasaatiin adeemsifamaa ture. Kana keessatti Oromoofi Waaqni hariiroo cimaa akka qaban kan itti mul’atedha. Oromoon waan Waaqni uume maraafuu kabaja guddaa kenna. Waaqa uumaadhaan isa badhaase kana immoo ni galateeffata. Dinqii uumaasaatiin uumame kanas Irreecha lamaan jechuunis, Birraafi Arfaasaa keessa irreeffatamuun ibsata. Waqtiiwwan kunneenis kan filatamaniif sababa malee miti.

Kan birraa yoo ilaalle, yoo xiqqaate ji’oonni sadii yeroo roobni itti roobuudha. Oromoon ammoo ji’oota kanneen keessatti waan lagatu qaba. Roobni cimaan ni rooba, lagni ni guuta, waan ulfaatina qabutu dhufa. Yeroo kana hunda Oromoon manasaa taa’ee Waaqa kadhata. “Roobdee nu hinmiidhiin, caamtee nu hinmiidhiin, hamtuufi badduun nu lagi, sa’aa nama, maatii waatii keenyaaf nagaa nuu buusi” jedhee manumasaa taa’ee kadhata.

Egaa Irreechi galateeffannaadha, nagaadha, araara yoo jennu Oromoon duruma manasaa keessatti illee ooltee bulteesaa waan galateeffatuufi. “Waaqa nagaan nu oolchite, nagaan nu bulchi. Waaqa nagaan nu bulchite nagaa nu oolchi” jedhee kadhata;

“Waan nagaan nu oolchite, waan nagaan nubulchiteefis galatakee” jedhees galateeffata. Galateeffachuun achirraa ka’a jechuudha. Oromoon yoomillee Waaqa waliin hariiroo cimaa qaba. Akkasumas uumama uumaan uumeef kabajaafi dinqisiifannaa waan qabuuf waa maraan galateeffata jechuudha.

Kanaaf Irreechi iddoo Oromoon itti walargee dukkana, bacaqii, dhoqqee gannaa akkasumas laga guuteefi waan ulfaataa waqtii sana keessaa Waaqni isa baasee ifa Birraa barii isa agarsiiseef ulfina kennuuf iddoo itti walitti dhufudha jechuudha.

Irreechi akka waliigalaatti Finfinneefi Bishooftuurratti haa adeemsifamu malee hunduu qe’eesaatti akkaataa malkaafi abbaa malkaasaatiin illee ni irreefata. Garuu waltajjiiwwan guddichi lamaan iddoo walargiiti. Oromoon kaabaa, kibbaa, bahaafi dhihaa dhufee kan itti walarguudha.

Bakka walarguttis waaqasaa galateeffata. Kan yeroo darbe argee darbeef uumaasaa galateeffatee, isa dhufuuf ammoo abdii itti godhata. “Waan roobaa lolaan, kan Gannaa galaanaan nu bira dabarsitee jirta. Isa birraa barii ammoo kan facaafanne kan waliin nyaannu nu taasisi, kan ilmaan godhate waliin kan jiraatu nu taasisi” jedhee isa darbeef galateeffatee, abdii fuulduraa waaqatti kennata.

Bariisaa: Guyyaa Irreechaa kana Oromoon kallattii addaddaadhaa walargee waliin irreeffata. Kun miira akkamii uuma, hiiknisaahoo akkamiin ibsama?

Aadde Saaraa: Sirriidha. Oromoon kallattiilee addaddaarraa walitti dhufuun isaa hiika guddaa qaba. Haala bal’inaafi guddinasaatiin yeroo walitti dhufu aadaa miidhagaa, jaalala, obbolummaafi tokkummaa inni waliif qoodu kan nama ajaa’ibudha. “Oromoo walagarsiisan malee walhinbarsiisan” akkuma jedhamu Irreechi bakka Oromoon itti walargee, waliin nyaatee, dhugee, kolfee, taphateefi sirbee hariiroofi jaalalasaa itti jabeeffatudha.

Keessumaa Irreecha Hora Finfinneefi Hora Harsadeetti walitti dhufuun tokkummaa haareffatee daran cimsata. Oromoon waan nageenyaaf bakka olaanaa kennuuf yeroo manasaarraa ka’uu kaasee nageenya kadhata. Dura ofiif “nagaa naa kenni” jedhee kadhatee, maatiisaa, naannawasaafi biyyasaafillee nagaa kadhata. Yoo nageenyi jiraate malee walarganii Waaqa galateeffachuus ta’e kadhachuun rakkisaa waan ta’eef dursa nagaa kadhata.

Akkasumas Oromoon Irreecha yommuu kabaju garaa qulqulluudhaan waan ta’eef kan walitti balleesse dhiifama walgaafatee, qe’ee qe’eessaatti maanguddoo beekaasaatiin, jaarsaa hayyuusaatiin erga dhiifama walii taasisee booda tartiibasaa qabatee malkaasaa saaqqatee galateeffata jechuudha. Kanarraa kan ka’eedha Irreechi ummata Oromoo biratti bakka olaanaa qaba kan jedhamuuf.

Haalli kabaja Ayyaana Irreechaa yeroodhaa yerootti dabalaafi addunyaa waliinillee tarkaanfataa jira. Waltajjii kanaan Oromoon waan ofii beeksifataa jira. Irreecha Oromoo qofa osoo hintaane sabaafi sablammoonni biroonillee dhufanii ilaalu. Irreechi sabaafi amantiidhaan addaan walhinqoodu. Oromoon ilmoo namaatiif mitii waantota Rabbi uume hundaaf kabaja qaba; “Marga lafarra jirullee akka argitanii laaqxanii balleessitanii hinqotiinaa” jedha.

Kana jechuun Oromoon lafallee kan qonnaati, kan kan horiiti jedhee adda baasa malee lafa arge hinqotu. Marga looniirraa kaasee hanga muka guddaa Odaatti seera tumeeraaf. Yommuu nageenya kadhatullee namootaafi uumama hundaaf kadhata. Kana keessatti gammachuu guddaa argata.

Bariisaa: Irreechi eenyummaa, aadaafi duudhaa ummata Oromoo ibsuurra darbeehoo faayidaa maalii qaba jechuu dandeenya?

Aadde Saaraa: Irreechi yeroodhaa yerootti dabalaafi miidhagaa dhufaa jira gaafa jennu gama baay’een ilaaluu dandeenya. Fakkeenyaaf kaleessa gaafa Irreecha dhufnu irreeffanneedhuma galla. Amma garuu saboonni kaan faaya keenya ilaalanii nutti gammaduun faaya keenya bitachaa, yeroo biraafillee hariiroo hojii nu waliin uummachaa deemu.

Kana malees Oromoon hundi Irreecha waan aadaadhaan kabajuu waan barbaaduuf uffataafi faayawwan addaddaa qopheeffatee dhufa. Kana malees guyyicha nyaataafi dhugaatiin aadaa baay’inaan dhihaatee gurgurama. Kunneen Irreechi dinagdeellee ta’aa dhufuusaa kan agarsiisaniidha.

Kana malees guyyaa kabaja Ayyaana Irreechaa kan biyya alaa jirullee dhufee waan ilaaluuf dhangala’iinsi turistiillee ni dabala. Waan biyyaaf sharafa alaa argamsiisuuf damee turizimiillee ni utuba jechuudha. Kanaaf Irreechi gama maraan ummata Oromoo qofa osoo hintaane ummata biyyattiifi biyyallee ni fayyada.

Bariisaa: Oromoon ayyaanicha haala kamiin kabajuu qaba jettu?

Aadde Saaraa: Irreechi akka amma namoonni tokko tokko gara amantiitti harkisan miti. Irreechi galateeffannaadha. Namni amantii mataasaatiin manasaatti Waaqasaa ni galateeffata. Manasaarra darbee waldaa yookiin masjiida yookiin batasakaana deemee uumaasaa kadhata. Irreechi garuu osoo amantiidhaan walhinfo’iin tokkummaadhaan hundi keenya afaan nuu galuun bakka itti galateeffannuudha. Kun ammoo amantii kamirrattiyyuu rakkoo fidu hinqabu. Ummanni Oromoo durumaa Waaqatti amana. Amantiiwwan kiristaanaafi Islaamaas boodarra dhufanillee Waaqumatti amanu.

Haala itti waamantu addadda ta’a mala malee kan waaman isa kaleessa Oromoon “Gurraacha garaa garbaa, tokkicha maqaa dhibbaa” jedhee waamu sanumadha. Irreechi aadaa kan jennuuf kanaafi. Afaan walii galluun dhaqnee Waaqa kan itti galateeffannu malee bakka amantii itti ibsannu miti. Irreechi tokkummaa cimsa yommuu jennu walii keenya qofa miti. Sabni biraan dhufee nu ilaalu waan keenya sana yoo jaallate bor hariiroosaa cimsatee fira nuu ta’a. kanaaf bakka fira illee itti bal’ifannudha.

Bariisaa: Egaa ummanni Oromoo har’aafi bor sirna ho’aadhaan ayyaanasaa guddicha kabajata. Irreechi duudhaasaa ganamaa eeggatee miidhaginaan akka kabajamuuf Oromoo hundarraa maaltu eegama?

Aadde Saaraa: Wantoota Sirni Gadaa akka Dhaabbata Barnoota, Saayinsawaafi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii ‘UNESCO’tti hambaa kiliyaa ta’ee galmaa’u taasisan keessaa Irreechi qooda olaanaa qaba. ummanni dammaqee aadaasaa eegee miidhaginaan kabajachuunsaa sadarkaa idiladdunyaattillee beekamtii akka argatu taasiseera. Kanarra darbee duudhawwan sirna Gadaa keessa jiran, Irreecha, Siinqeefi kanneen biroollee tartiibaan ulaagaasaa eeganii addatti hamba kiliyaa addunyaarratti galmeesisuuf hunduu itti gaafatamasaa ba’uu qaba. Keessumaa dhalataan ammaa abbootiifi haadholiirraa safuu dhaaluu qaba. abbootiifi haadholii dhaga’uu barbaachisa.

Qarreen waan gama hadholiitiin jiru ilaalanii sirnaan hordofuu qabu. Fakkeenyaaf qarreen ulee siinqee hinqabattu. Kanaaf qabachuu dhiisuutu irraa eegama. Qeerroonis akkasuma Abbaa Malkaafi Abbootiin Gadaa ilaaluufi isaan hordofuutu irra jira.

Gaafa malkaa bu’amu tartiibaan bu’ama. Faayaafi wantoota qabatamuu qabanis safuusaa eegnee qabachuu malee waanuma nutti bareedeef qofa qabachuu yookiin uffachuu hinqabnu. Hanga abbaan malkaa, malkaa sana eebbisee saaquutti dursanii deemanii irreeffachuun hindanda’amu. Maanguddoo dhiibanii gara malkaa fiiguun, sirba sirbamuu hinqabne sirbuun sirrii miti. Gaafa malkaa bu’an “Mareewoo” jechaa Waaqa waggaadhaan maree guyyaa sana qaqqabsiise galateeffachaa bu’ama.

Haala kanaan dhaloonni har’aa bor abbaan biyyaa isa waan ta’eef hangafootaafi maanguddoota dhaga’uun uffannaa, qabannaafi dubbannaa malkaaf toluun ayyaana tokkummaasaanii kabajachuu qabu. Irreechi gaafa miidhamne bakka ergaa keenya itti dabarfachaa turredha.

Amma ammoo Waaqni waan iddoo nuu sirreesseef malkaan nuu deebi’eera, abbaa biyyaafi abbaa aadaa taaneerra. Kanaaf Irreecha caalaatti nageenya, hammattummaafi tokkummaa keenya itti agarsiifachuu qabna. Wantoota qara qabaniif nama miidhan qabatanii deemuun, waan malkaan hineeyyamneefi duudhaa Irreeffannaan ala ta’e lallabaafi raawwachaa deemuun gonkumaa dhorkaadha.

Bariisaa: Dhumarratti ummata Oromoof dhaamsa yoo qabaattan carraa isinii kennina.

Aadde Saaraa: Ayyaana ummata Oromoo guddicha kana sirnaafi seeraan kabajachuun hunduu tumsa taasisuu qabu. Kana qofa osoo hintaane miidhagina ayyaana kanaa saboonni hundi darbees addunyaan akka beekuuf inni barreessu barreeffamaan, kaan suuraan, kaan suursagaleen ummata biraan ga’uu barbaachisa. Ayyaana sanarra maaltu maaliif qabatama, Abbaan Malkaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Foolleen, Qarreefi Qeerroon maal jechaa deemu, hiiknisaawoo maali isa jedhu hayyootaafi beektoota gaafachuun duudhaa kana barsiisuun nurraa eegama. Isa abbootiin keenya sammuudhaan qabatanii nutti dabarsan kana nuti ammoo teknolojiitti fayyadamnee dhalootatti dabarsuufi addunyaatti beeksisuun nurra jira.

Ummata eenyummaa qabutu abbaa biyyaa ta’a waan ta’eef eenyummaa keenya waliin haa beeksifannu. Dhumarratti ummanni Oromoo biyya keessaafi alaatiin baga Ayyaana Irreechaatiin nagaan isin ga’e, ayyaana nagaafi gammachuu isiniif haa tahuun jedha.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You